1Yommus Elsaa'in raajichi kutata raajotaa keessaa tokko waamee, ?Mudhii kee hidhadhu, shurrubbee dhadhaa ejersaa kana fuudhiitii gara Raamoot-Giil'aad dhaqi!
2Yommuu achi geessu Yehuu ilma Yoshaafaax Niimshii barbaadi, warra isaa wajjin jiran gidduudhaa isa kaasii kutaa manaa isa gara keessaatti ol isa galchi!
3Kana booddee shurrubbicha fuudhii dhadhaa ejersaa sana mataa isaa irratti dhangalaasiitii, ?Waaqayyo:- Mootii Israa'el akka taatuuf ani si dibeera siin jedha? jedhiin! Ofii keetii immoo hin turin yommusuma balbala banadhuu sokki!? jedheen*.
4Yommus raajichi inni dargaggeessi ergame sun gara Raamoot-Giil'aad in dhaqe.
5Yeroo inni achi ga'e kunoo, angafoonni loltootaa walii wajjin in taa'u turan; inni, ?Yaa angafa loltootaa, dubbii tokkon sitti hima? jedhe; Yehuun immoo, ?Nuyi hunduma keenya keessaa eenyutti himta?? jedhee gaafannaan, inni immoo, ?Yaa angafa loltootaa, sittan hima? jedhe.
6Kana irratti Yehuun ka'ee gara manichaatti ol in gale; raajichi yommus dhadhicha ejersaa mataa isaa irratti dhangalaasee, ?Waaqayyo gooftichi Israa'el, ?Saba koo Israa'el irratti mootii akka taatuuf si dibeera;
7ani immoo dhiiga garboota koo warra raajotaa fi dhiiga garboota koo warra kaanii hundumaafis Iizaabel irratti ijaa akkan baafadhutti ati mana gooftaa kee Ahaab in rukutta*.
8Manni Ahaab guutummaatti in bada; maatii isaa kan ta'e, garba yookiis birmaduu utuu hin jedhin dhiira hundumaa Israa'el keessaa nan balleessa*;
9maatii Ahaab akka maatii Yerobi'aam ilma Nebaatiif akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiyaa nan godha*.
10Naannoo mandara Yizre'elitti saroonni Iizaabelin in nyaatu, namni tokko illees ishee hin awwaalu? jedha? jedheenii achumaan balbala banatee in sokke*.
11Yeroo Yehuun gara hojjetoota gooftaa isaa warra gurguddoota akka isaatiitti gad ba'etti, isaan keessaa inni tokko, ?Wanti hundinuu nagaa dhaa? Namichi maraatuun kun maaliif gara kee dhufe?? jedhee isa in gaafate; innis, ?Namicha, dubbii attamii akka inni dubbatus isin iyyuu in beektu? jedhee deebiseef*.
12Isaan immoo, ?Nutti himi malee, kun dhugaa miti? jedhan; Yehuunis, kana irratti ?Wanti inni anatti hime kanatti fufee jira; Waaqayyo, ?Ani si dibee Israa'el irratti si moosiseera? siin jedha? naan jedhe.
13Yommus tokkon tokkon isaanii ariitiidhaan uffata isaanii fuudhanii buusaa ol aanu irra lafa inni dhaabatu afaniifii, fiinoo afuufanii, sagalee isaaniis ol fudhatanii, ?Yehuun mootii dha!? in jedhan*.
14Yehuun ilmi Yoshaafaax Niimshii, Yoraamitti in korate; yommus Yoraam namoota Israa'el hundumaa wajjin Raamoot-Giil'aad irraa Hazaa'el mootii Sooriyaa in eega ture.
15Yoraam mootichi madaa isa utuu inni Hazaa'el mootii Sooriyaa wajjin wal loluu loltoonni Sooriyaa isa madeessan sanattii fayyuuf gara mandara Yizre'elitti in deebi'e; Yehuun, jara warra isaa wajjin turaniin, ?Kun yaada keessan yoo ta'e, namni tokko illee mandara kana keessaa ba'ee, Yizre'el keessatti dubbicha akka himu hin godhinaa!? jedhe.
16Yeroo sanatti Yoraam mandara Yizre'el keessa ciisaa iyyuu Ahaaziyaan mootiin Yihudaa isa ilaaluudhaaf gad bu'e; kanaaf Yehuun konkolaataa isaa yaabbatee gara Yizre'elitti gad in bu'e*.
17Yommus eegduu inni riqaa Yizre'el irra dhaabatee ture, Yehuunii fi loltoonni isaa utuu dhufanii argee, ?Loltoota dhufaa jiran tokkon arge!? jedhee in dhageessise; Yoraam immoo, ?Abbaa fardaa tokko itti ergiitii yaada nagaatiif dhufanii isaanii gaafachiisi!? jedhe.
18Namichi inni ergame sun farda yaabbatee gara Yehuu dhaqee, ?Mootiin, ?Yaada nagaatiif dhuftan moo?? isiniin jedha? jedheen; Yehuun garuu, ?Nagaa maaliitu jira mitii, gara galii ana duukaa bu'i!? jedheen; namichi inni eegduun, ?Namichi inni ergame jara bira ga'eera, garuu deebi'ee hin dhufne? jedhee mootichatti in hime.
19Kana irratti mootichi si'a lammaffaa abbaa fardaa tokko itti in erge; innis gara isaanii dhaqee, ?Mootichi, ?Yaada nagaatiif dhuftan moo?? isiniin jedha? jedhe; Yehuun garuu, ?Nagaa maaliitu jira mitii, gara galii ana duukaa bu'i!? jedheen.
20Ammoo namichi inni eegduun, ?Namichi inni ergame jara bira ga'eera, garuu deebi'ee hin dhufne; geggeessituun loltoota sanaa konkolaataa isaa akka nama maraatuutti oofa waan ta'eef, oofichi isaa ooficha Yehuu ilma Niimshii fakkaata? jedhee mootichatti in hime.
21Kana irratti Yoraam mootiin Israa'el, ?Konkolaataa koo anaaf qopheessaa!? jedhee in abboome; isaanis qopheessinaaniif, innii fi Ahaaziyaan mootiin Yihudaa adduma addaan konkolaataa ofii isaanii yaabbatanii gara Yehuu in dhaqan; isaa wajjinis maasii Naabot Yizre'elichaa keessatti wal in argan.
22Yoraam yommuu Yehuu argee, ?Yehuu! Yaada nagaatiif dhufte moo?? jedhee isa in gaafate; Yehuunis deebisee, ?Ejjuunii fi qoricha namatti gochuun inni haati kee Iizaabel jalqabde baay'achaa utuu jiruu nagaa maaliitu jira?? jedhe.
23Kanaaf Yoraam konkolaataa isaa naanneffatee Ahaaziyaadhaan, ?Yaa Ahaaziyaan, kun haxxummaa dha!? jedhee in baqate.
24Yehuun garuu iddaa isaa humnaan harkisee xiyya ceekuu isaatti gad dhiisee onnee isaa keessa in baase; Yoraamis konkolaataa isaa keessatti kufee in du'e.
25Yehuun yommus Biidkar isa konkolaataa isaa oofuun, ?Reeffa isaa fuudhiitii maasii Naabot Yizre'elichaa keessatti gati! Anii fi ati abbaa isaa Ahaab booddeedhaan konkolaataa yaabbannee in adeemna yommuu turre sanatti Waaqayyo waa'ee isaa raajii akka dubbate yaadadhu!
26Waaqayyo, ?Ani kaleessa dhangala'uu dhiiga Naabot, dhiiga ilmaan isaas dhuguma argeera, ijaas isaaniif nan baasa? jedha; kanaaf akka dubbii Waaqayyootti reeffa Yoraam fuudhii maasii Naabot keessatti gati!? jedhe*.
27Ahaaziyaan mootiin Yihudaa wanta ta'e kana yommuu arge, karaa Bet-Haagan irra ol in baqate; Yehuun garuu sagalee guddaadhaan, ?Isas immoo ajjeesaa!? jechaa, isa in ari'e; ol ba'a Guritti mandara Yible'aam bukkeetti konkolaataa isaa keessatti isa in madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti in du'e.
28Kana booddee hojjetoonni isaa konkolaataadhaan reeffa isaa Yerusaalemitti geessanii mandara Daawit keessatti, abboota isaa biratti iddoo awwaala isaaf qophaa'etti isa in awwaalan.
29Yoraam ilmi Ahaab mootii Israa'el ta'ee waggaa kudha tokkoffaa isaatti, Ahaaziyaan immoo mootii Yihudaa in ta'e*.
30Yehuun gara Yizre'el akka dhufe Iizaabel yommuu dhageesse, xiyyoo ija ishee kuullattee, mataa ishees tottolfattee qaawwa manaa keessaan gad isa in ilaalti turte.
31Akkuma Yehuun karrichatti ol lixeen, ?Yaa Ziimrii ati inni gooftaa kee ajjeefte yaada nagaatiif dhuftee?? jetteen*.
32Inni immoo gara qaawwichaa ol ilaalee, ?Eenyumatu na gargaara laata? Eenyuma ree?? jedhe; yommus xu'aashonni lama yookiis sadii kan ta'an gara isaa in ilaalan.
33Inni immoo, ?Gad ishee darbadhaa!? isaaniin jedhe; yeroo isaan gad ishee darbatanitti, dhiigni ishee keenyanitti, fardeenittis in faca'e; Yehuun immoo fardeen isaatii fi konkolaattota isaatiin lafatti ishee in dhidhiite.
34Ergasii Yehuun ol lixee nyaatee, dhugees, ?Dubartittii abaaramtuun kun intala mootii waan taateef akka isheen awwaalamtu godhaa!? jedhe.
35Namoonni ishee awwaaluuf ba'an garuu, lafee mataa ishee, lafee harka ishee fi lafee miilla ishee malee homaa arguu hin dandeenye.
36Kanas deebi'anii Yehuutti in himan; inni immoo, ?Kun sagalee Waaqayyoo isa inni karaa garbicha isaa Eliyaas Tishbeetichaa, ?Naannoo mandara Yizre'elitti saroonni foon Iizaabel in nyaatu*,
37namni tokko illee:- Kun Iizaabel jechuu akka hin dandeenyetti reeffi ishee akka kosiitti mandara Yizre'el keessatti bakkeetti in gatama? jedhee dubbatetu raawwatamuu isaa ti? jedhe.