4Konkolaattonni ija mataa hin qabneenkaraa irra asii fi achi in fiigu,waltajjii karaa irrasgara fuula duraa fidugda duubaatti in kaatu;bifni isaanii guca boba'u in fakkaata,akka bakakkaas asii fi achi in darbatamu.
5Diinni loltoota isaa warra ulfina-qabeeyyii in waama,isaan karaa isaanii irratti in gufatu,gara dallaa mandarattiittisariitiidhaan in fiigu,da'oonis iddoo iddoo isaatti in qopheeffama;
6karri lagichaa caccabee banamaa in ta'a,manni mootummichaas huursee in jiga;
7mootittiin qullaatti hafteebooji'amtee in adeemti;xomboreewwan isheeqoma isaanii rurrukutatanii,akka gugee in guungumu.
8Nanawween akka kuufama bishaanii ti,akkuma bishaan kuufamicha keessaayaa'ee sokku,namoonni ishee ishee keessaa yaa'anii in sokku.?Dhaabadhu! Dhaabadhu!?yommuu ittiin jedhanis,tokko illee kan deebi'u hin jiru.
13Waaqayyo gooftaan maccaa,?Kunoo, ani siin nan morma;konkolaataa kee aaraan nan guba,ilmoolee leencaa keesbillaan in fixa;ani wanta ati qabattee nyaattulafa irraa raawwadhee nan balleessa,sagaleen ergamoota keetiisdeebi'ee hin dhaga'amu?jedhee dubbateera.