Macaafa Naahom Raajichaa 3:1-19 GAZB1997 - Bible AI

1Mandara dhiiga namaa dhangalaaftuuf, mandara sobduuf, ishee waa butattuuf, ishee saamichattii hin deebineefis wayyoo*!

2Sagaleen qaccee qu'aafamuu, sagaleen geengoowwan achi keessa naanna'anii, kaachuun fardeenii, gugugsaan konkolaattotaas ishee keessaa in dhaga'ama.

3Abboonni fardeenii billaa isaanii isa balaqqisuu fi eeboo isaanii isa calaqqisu in mirmirsu; namoonni baay'een rukutamanii in dhumu, reeffi nama lakkoobsa hin qabnees in tuulama, namoonnis reeffa tuulame sana in gufatu.

4Kun sababii baay'ina ejjummaa isheen ejjituun, isheen miidhagduun giiftiin qoricha namatti gootu, saba lafa irraa ejja isheetiin, qoricha namatti gochuu isheetiinis gurgurteef ta'e*.[9]

5Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Kunoo, ani siin nan morma; uffata kee mataa keetti ol nan gara galcha, sabni lafa irraa qullaa kee, mootummoonnis salphina kee akka argan nan godha? jedhe*.

6Itti fufees, ?Ani dhoqqee sitti nan dhooba, sin tuffadhas, akka namni sitti yaa'ee si ilaalus nan godha.

7Warri si argan hundinuu, si baqatanii, ?Nanawween onteetti, eenyutu isheedhaaf boo'a?? in jedhu; egaa nama si jajjabeessu eessaan siif arga ree?? jedhe.[10]

8Ati mandara Tebes[11] ishee laga Abbayyaa biraa, ishee bishaan itti naanna'ee jiru sana caaltee ree? Lagichi da'oo ishee ti, bishaan immoo dallaa ishee ti*,

9Kuushii fi Gibxi jabina daarii hin qabne in ta'aniif; Fuxii fi Liibiyaanis gargaartota ishee turan*.

10Garuu namoonni ishee booji'amanii in adeeman, golee karaa hundumaa irrattis ijoolleen ishee in bubburuqfaman; namoota ishee warra ulfina-qabeeyyii irratti muka buufatan; gurguddoonni ishee hundinuus funyoo sibiilaatiin in hidhaman*.

11Yaa Nanawwe, atis akkuma isaanii in machoofta, in dhokattas, diina duraa miliquudhaaf iddoo baqaa in barbaaddatta*;

12masaraan kee hundinuu akka muka harbuu, isa iji isaa, inni duraa bilchaatee yommuu namni isa raasu, afaan isa nyaatuu keessatti harca'uu ti.

13Kunoo, loltoonni kee hundinuu akka dubartootaa in ta'u, balballi kellaa biyya keetiis diinota keef bal'atee in banama, danqaraa isaas ibiddi in fixa*.[12]

14Marfamuudhaaf waan jettuuf bishaan waraabbadhu! Masaraa kee jabeeffadhu! Suphee kutii bukeessi! Xuuphii jabeessii tolfadhu!

15Yommus achitti ibiddi si fixa, billaan gad si cira, ibiddi akkuma qorophisa xaph godhu, akkasuma gubee si in fixa; ati akka gurmuu hawaannisaa fi akka qorophisaa baay'achuma baay'adhu*!

16Ati naggaadota kee urjoota waaqa keessaa caalaatti baay'ifatteetta, isaan garuu biyyicha qullaatti hambisanii, akka hawaannisa balali'uutti keessaa ba'anii in sokku*.

17Gurguddoonni kee akka hawaannisaa ti, angafoonni loltoota keetii akka gurmuu hawaannisaa isa yeroo dhaamochaatti keenyan irra qubatee, yeroo aduun baatu immoo baalleedhaan ka'ee sokkuu, iddoo inni dhaqus namni tokko illee hin beeknee ti.[13]

18Yaa mootii Asor! Eegdonni biyya keetii in mugu, gurguddoonni biyya keetiis in boqotu; sabni kee tulloota irra in tamsa'an, namni walitti isaan sassaabus tokko illee hin jiru*.

19Caba kee namni dhidhiibu hin jiru, madaan kees isa fayyuu danda'u miti; namni oduu kee dhaga'u hundinuu, kufaatii keetiif gammadee harka walitti in rurrukutata; baay'inni gara-jabina keetii kan itti hin dhaga'amin jiraa ree?[14]

>