Macaafa Obaadiiyaa Raajichaa 1:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1Mul'anni Waaqayyo gooftaan waa'ee biyya Edoomiif Obaadiiyaatti mul'ise kanatti fufee jira; ergamaan tokko gara saba biyya lafaa irra jiraniitti ergamee, ?Ka'aa! Dhaqnee biyya Edoom in lollaa!? jechuuf akka jiru nuyi Waaqayyo irraa dhageenyeerra.

2Ammas Waaqayyo, ?Kunoo, saba lafa irraa keessaa ati akka xinnaattu, raawwattees akka tuffatamtu nan godha;

3ati yaa isa mana kee iddoo ol jedhaa irratti ijaarrattee, yaa isa holqa dhagaa keessa jiraattuu, ?Eenyutu lafatti gad na buusa?? jettuu, of tuulummaa garaa keetiitu si gowwoomse*.

4Ati akka joobiraa yoo ol kaate iyyuu, mann'ee kees urjoota gidduutti yoo ijaarratte iyyuu, ani achii gad sin buusa? jedhee dubbateera*.[1]

5Hattuun yookiis saamtuun halkaniin mana kee dhufuun si balleessuudhaaf yoo ta'e iyyuu, hammuma barbaadan hatu mitii ree? Warri ija waynii ciratanis yoo dhufan, qarmii in hambisu mitii ree?

6Garuu attamitti qabeenyi Esaawuu fonqolfame, badhaadhummaan inni dhokfates attamitti akka jirutti saamame ree?

7Warri garee keetii hundinuu gara daariitti si in dhiibu, firoonni kees gowwoomsaadhaan si mo'u; firoonni kee warri amanamoon dhoksaatti kiyyoo si dura in kaa'u, ?Inni immoo hin hubatu? siin jedhu.

8Guyyaa sanatti Waaqayyo, ?Ani warra ogeessota Edoom keessaa, warra hubatoo tulluu Esaawuu irraa hin balleessuu ree?? jedhee dubbateera.

9?Yaa Temaan! Loltoonni kee in sodaachifamu, warri tulluu Esaawuu irra jiran hundinuus ajjeefamanii in dhumu.

10Obboleessa kee Yaaqoob irratti humnaan waan kaateef, in yeellaasifamta, bara baraanis in badda.

11Yommuu warri ormaa loltoota isaa booji'anii dallaa isaatti ol lixanii Yerusaalem irratti muka buufatan, atis akkuma warra kaanii isaanitti taatee, irraa fagaattee in dhaabatte*.

12Guyyaa obboleessi kee rakkatutti isa tuffachuun, guyyaa badiisa namoota Yihudaatti, gammaduun, yeroo dhiphina isaaniittis isaanitti baanachuun siif hin ta'u ture!

13Guyyaa badiisi saba kootti dhufutti dallaa isaaniitti ol lixuun, guyyaa badiisa isaaniitti isaanitti ga'isuun, isaan saamuunis siif hin ta'u ture*!

14Guyyaa dhiphina isaaniitti karaa qaxxaamuraa irra dhaabattee eegdee warra baqatanii ba'an rukuttee ajjeesuun, warra hafanis dabarsitee kennuun, siif hin ta'u ture![2]

15?Guyyaan ani Waaqayyo saba hundumaatti faradu dhi'aateera; akkuma ati nama irratti hojjette si irratti in hojjetama; hojiin kees mataa keetti in deebi'a*.

16Akkuma sabni koo tulluu koo isa qullaa'aa irratti xoofoo dheekkamsaa keessaa dhugan akkasuma immoo sabni hundinuu utuu wal irraa hin kutin isa in dhugu; isaan qodaa isaa keessaa xuruurfatanii in dhugu, akka waan hin jirrees in ta'u*.

17Warri hafan garuu tulluu Xiyoon irra in jiraatu, tullichis qulqullaa'aa in ta'a; sanyiin Yaaqoob immoo warra lafa isaanii fi qabeenya isaanii isaan irraa fudhatee harkaa deebisanii in fudhatu*.

18Yommus egaa sanyiin Yaaqoob ibidda, sanyiin Yoseefis barbadaa itti ta'anii, sanyii Esaawuu isa akka habaqii gubanii in fixu; sanyii Esaawuu keessaa kan oolu tokko illee hin jiru? jedhee dubbateera*.[3]

19Warri biyya gara mirgaa tulluu Esaawuu, warri gaara jala jiraatan immoo biyya Filiisxiyaa in qabatu; isaan Samaariyaadhaa fi lafa sanyii Efreem in qabatu, sanyiin Benyaamiin immoo Giil'aadin in qabatu.

20Loltoonni Israa'el warri booji'amanii turan biyya Kana'aan hamma Zaarefaatitti in qabatu; warri Yerusaalemii booji'amanii Sefaaraad jiran immoo mandaroota biyya gara mirgaa keessa jiran in qabatu.

21warri isaan furan tulluu Xiyoon irratti ol ba'anii Esaawuutti in faradu; yommus mootummaan kan Waaqayyoo in ta'a*.[4]

oter>