1Baras Nahaash mootiin Amoonotaa mandara Yaabesh-Giil'aaditti duulee, itti in marse; namoonni Yaabesh hundinuus Nahaashiin, ?Nuyi siif in hojjennaatii ati kakuu nuuf gali!? jedhan.
2Innis deebise, ?Hunduma keessan keessaa ija mirgaa baasuudhaanan kakuu isiniif gala; kanaanis Israa'eloota hundumaa irratti salphina nan fida? jedhe.
3Jaarsoliin mandara Yaabesh immoo, ?Guutummaa biyya Israa'elitti namoota erginaatii guyyaa torba nuuf kenni! Gidduu kanatti nu oolchuudhaaf namni tokko illee hin dhufu yoo ta'e garuu harka keenya sitti in kennina? jedhan.
4Warri ergamanis gara Giibe'aa mandara Saa'ol dhufanii, dubbicha namoota mandara sanaatti yommuu himan, namoonni mandarichaa sagalee isaanii ol fudhatanii in boo'an.
5Utuu isaan boo'aa jiranii, Saa'ol bakkeedhaa saawwan booddeedhaan dhufee, ?Jarri kun maal ta'anii boo'u?? jedhee in gaafate; isaan immoo wanta namoonni Yaabesh dubbatan isatti in himan.
6Yeroo inni dubbicha dhaga'etti hafuurri Waaqayyoo humnaan in dhufeef; inni immoo aaree in finiine*.
7Kana irratti sangoota cimdii tokko fuudhee qalee, foon isaanii kukkutee, namootatti kekkennee guutummaa biyya Israa'elitti in erge; jarri ergamanis, ?Sangoonni warra Saa'olii fi Saamu'el duukaa lolaaf hin baanee akkas in kukkutamu? jedhanii akka himan in godhe; kanaafis Israa'eloonni Waaqayyoon sodaatanii akka nama tokkotti walii wajjin in ba'an*.
8Saa'ol yommus Bezeqitti walitti isaan qabee lakkoofnaan gosoota Israa'el warra gara bitaa keessaa namoota kumaatama dhibba sadii, warra Yihudaa keessaa immoo namoota kuma soddoma in ta'an.
9Inni namoota ergamanii dhufaniin, ?Dhaqaatii, warra mandara Yaabesh Giil'aadiin, ?Bor yeroo aduun ho'utti gargaarsa in argattu? jedhaa!? jedhe; isaanis dhaqanii itti himnaan warri Yaabesh in gammadan.
10Achumaanis namoonni Yaabesh kun Nahaashiin, ?Nuyi bor harka keenya isinitti in kennina; isin waanuma ija keessanitti tole nu irratti raawwadhaa!? jedhan*.
11Borumtaas Saa'ol namoota isaa kutata sadiitti in hire; isaan yeroo darabee dammaqa bariitti iddoo buufata Amoonotaatti lixanii hamma aduun ho'utti loltoota isaanii in rukutan; warri hafan immoo kara karaa waan tatamsa'aniif isaan keessaa namni lama illee wal biratti hin argamne.
12Namoonni Israa'el kana irratti Saamu'eliin, ?Warri, ?Saa'ol nu irratti hin mo'in!? jedhan eenyufa'i? Namoota sana as nutti kenni! Nuyi iyyuu isaan in ajjeefna? jedhan*.
13Saa'ol garuu, ?Har'a Waaqayyo Israa'eloota waan oolcheef, guyyaa kanatti namni tokko illee hin ajjeefamu!? jedhe*.
14Achumaan Saamu'el jaraan, ?Kottaa gara Giilgal dhaqnee, achitti mootii ta'uu isaa kana in cimsinaa!? jedhe.
15Jarris hundinuu gara Giilgal dhaqanii Saa'ol fuula Waaqayyoo duratti moosifamuun isaa achitti akka haareffamu in godhan; achumattis fuula Waaqayyoo duratti qalma araaraa in dhi'eessan; Saa'olii fi sabni Israa'el hundinuu kanatti baay'ee in gammadan*.