1Saa'ol mootii yommuu ta'e nama waggaa soddomaa
2Inni Israa'eloota keessaa namoota kuma sadii in fo'ate; isaan keessaa namoonni kumni lama isaa wajjin mandara ?Miikmaash? jedhamuuf biyya gaaraa isa kan Bet'el keessa turan; kumni tokko immoo Yonaataanii wajjin kutaa biyya Benyaamiin keessaa mandara Giibe'aa keessa turan; isaan kana irraa kan hafan garuu gara mana mana isaaniitti isaan in deebise.
3Yonaataan loltoota Filisxeem warra mandara Gebaa keessa buufatanii turan in rukute; Filisxeemonni rukutamuu loltoota isaanii in dhaga'an; Saa'olis, ?Ibroonni hundinuu haa dhaga'an!? jedhee, guutummaa biyyichaa keessatti fiinoo in afuufsise.
4Yommus Israa'eloonni hundumti isaanii Saa'ol loltoota Filisxeemotaa rukutuu isaa fi Israa'eloonni guutummaatti Filisxeemota biratti jibbamanii ajeefatamuu isaanii in dhaga'an; kana irratti Saa'olii wajjin waraana dhaquudhaaf Giilgalitti wal in waaman.
5Filisxeemonnis konkolaattota kuma soddoma, abboota fardeenii kuma ja'aa fi loltoota baay'inni isaanii akka cirracha qarqara galaanaa ta'e walitti qabatanii, Israa'eloota loluuf in ba'an; dhaqaniis mandara Miikmaash isa Bet-Aween irraa gara ba'a-biiftuutti argamu keessa in buufatan.
6Namoonni Israa'el immoo iddoo sodaachisaa keessa akka jiran, loltoonni isaaniis akka sardaman yommuu argan, holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessa, boolla keessas in dhokatan.
7Warri kaan immoo Yordaanosin ce'anii gara biyya Gaadii fi biyya Giil'aad in dhaqan; Saa'ol garuu amma iyyuu Giilgal ture; namoonni hundinuu immoo hollachaa isa duukaa in bu'u turan.
8Kana booddee Saa'ol, akkuma Saamu'elii wajjin dhaaba qabu turanitti guyyaa torba isa in eege; Saamu'el garuu akka dhaaba isaatiitti gara Giilgal hin dhufne; namoonni Saa'ol immoo kophaatti isa dhiisanii in tatamsa'an*.
9Yeroo sanatti Saa'ol, ?Qalma gubamuu fi qalma araaraa anatti fidaa!? jedhee, qalmicha gubamu qalee in dhi'eesse.
10Akkuma inni qalmicha gubamu sana dhi'eessee raawwateen Saamu'el in dhufe; yommus Saa'ol nagaa gaafatee isa simachuudhaaf gad itti in ba'e.
11Saamu'el kana booddee Saa'oliin, ?Ati maal hojjechaa oolte?? jedhee in gaafate; Saa'ol immoo deebisee, ?Ati guyyaa dhaaba keenyaatti hin dhufne; namoonni ana dhiisanii in tatamsa'an; Filisxeemonni immoo Miikmaashitti walitti in qabaman.
12Ani immoo, ?Amma utuman fuula Waaqayyoo duratti dhi'aadhee hin araarfatin Filisxeemonni Giilgalitti gad bu'anii ana in rukutu ta'a? jedhee yaaduu irraa kan ka'en ijuma jabaadhee qalma gubamu kana dhi'eesse? jedhe.
13Saamu'el yommus Saa'oliin, ?Abboommii Waaqayyo gooftaan kee si abboome eeguu dhiiftee gowwummaadhaan kana hojjette malee, abboommii isaa utuu eegdee jiraattee, har'a Waaqayyo mootummaa kee Israa'el irratti bara baraan siif in jabeessa ture.
14Amma garuu waan Waaqayyo si abboome sababii hin eeginiif mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka garaa isaatii barbaaddatee, geggeessituu saba isaatii godhee dhaabbateera? jedhe*.
15Ergasii Saamu'el Giilgalii ka'ee gara Giibe'aa isa Benyaamiin keessaatti in sokke; Saa'olis jarreen isa biratti hafan warra akka nama dhibba ja'aa ta'anii wajjin Giilgalii ka'ee gara adda waraanaa in dhaqe.
16Yommus Saa'olii fi Yonaataan ilmi isaa namoota isaan biratti argamanii wajjin Giibe'aa isa kan Benyaamiin keessa turan; Filisxeemonni garuu mandara Miikmaash keessa in buufatan.
17Iddoo buufata warra Filisxeemotaatii saamtonni kutanni sadii in ba'an; kutanni tokko gara biyya Shuwaal gara mandara Ofraa in dhaqe.
18Kutanni lammaffaan karaa Bet-Horoon irra in gore; kutanni sadaffaan immoo karaa daarii gad bu'a dachaa Zebo'iim isa fuullee lafa onaatti geessu irra in gore.
19Filisxeemonni, ?Warri Ibrootaa billaadhaa fi eeboo hin tumin!? waan jedhaniif, baras guutummaa biyya Israa'el keessaa namni sibiila tumu hin argamne*.
20Namoonni Israa'el hundinuu adduma addaan maarashaa, gasoo, qottoo fi haamtuu qarsiifachuuf biyya Filisxeemotaatti gad in bu'u turan.
21Gatiin maarashaa fi gasoo ittiin qarsiisan meetii akka graamii saddeetii miijanuu dha; gatiin eeboo mataa sadii, qottoo fi tuqaa qotiyyoo ittiin qarsiisan immoo meetii akka graamii afurii miijanuu dha.
22Guyyaa lolaatti Saa'olii fi Yonaataan ilma isaa irraa kan hafe loltoota isaanii wajjin turan keessaa billaa yookiis eeboo kan qabu hin turre.
23Kutanni loltoota Filisxeemotaa warri iddoo qabatan karaa Miikmaashitti ceesisutti ol in ba'an.