Macaafa Saamu'el Isa Duraa 16:1-23 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo yommus Saamu'eliin, ?Egaa Saa'ol Israa'el irratti mootii akka hin taaneef ergan tuffadhee, ati hamma yoomiitti isaaf boossa? Ani ilmaan Isey keessaa nama mootii ta'u waanan argadheef, gara Isey Betlihemichaatti sin ergaatii, qodaa gaanfaa keetti dhadhaa ejersaa guutii fudhadhuu dhaqi!? jedhe*.

2Saamu'el garuu, ?Saa'ol kana yoo dhaga'e na ajjeesa, attamittan dhaqa?? jedhe; Waaqayyo immoo, ?Goromsa tokko fudhadhuu dhaqiitii, ?Waaqayyoofan aarsaa dhi'eessuu dhufe? jedhi!

3Iseyin gara aarsaa isa dhi'eessuu dhaqxu sanaatti waami! Ani waan ati gochuun siif ta'u sitti nan hima; namicha ani ?Dibi!? siin jedhu, anaaf dibi!? jedhe.

4Saamu'el wanta Waaqayyo jedhe gochuudhaaf Betlihemin in dhaqe; jaarsoliin mandarichaas hollachaa isa simachuuf dhufanii, ?Naguma dhuftee?? jedhanii isa in gaafatan.

5Saamu'el deebisee, ?Eyyee naguma, anoo Waaqayyoofan aarsaa dhi'eessuu dhufe; isinis of qulleessaatii na duukaa gara aarsaa sanaa kottaa!? jedhe; kana booddee immoo Iseyii fi ilmaan isaa qulleessee gara aarsaa sanaatti isaan in waame.[61]

6Iseyii fi ilmaan isaa dhufanii yeroo ol galanitti, Saamu'el isaan keessaa Eliiyaabin ilaalee, ?Dhugumaan inni Waaqayyoof dibamu kunoo, fuula isaa dura in ijaajja? jedhee in yaade.

7Waaqayyo garuu Saamu'eliin, ?Ani waanan isa tuffadheef bifa isaa fi dheerina hojjaa isaatii hin ilaalin! Ani akka namni ilaalutti hin ilaalu; namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala? jedhe*.[62]

8Isey isa booddeedhaan Abinaadaabin waamee fuula Saamu'el dura akka inni darbu in godhe; Saamu'el immoo, ?Waaqayyo isa kanas hin fo'anne? jedheen.

9Isey amma immoo Shamaahi fuula isaa dura akka darbu in godhe; Saamu'el immoo, ?Waaqayyo isa kanas hin fo'anne? jedhe.

10Akkasitti Isey ilmaan isaa keessaa torba fuula Saamu'el dura akka darban in godhe; Saamu'el garuu, ?Waaqayyo isaan kana hin fo'anne? ittiin jedhe.

11Itti fufees, ?Ilmaan kee isaanuma kana duwwaa dhaa?? jedhee Iseyin gaafate.

11Innis deebiseefii, ?Inni quxisuun hafeera; inni immoo hoolota tiksa? jedhe; Saamu'el immoo, ?Hamma inni dhufutti nuyi homaa gochuu waan hin dandeenyeef[63], nama itti ergiitii nuuf fichisiisi!? jedhe*.

12Kanaaf inni nama itti erge isa in fichisiise; inni diimaa nama iji isaa miidhagu, nama dhaabbii tolus ture. Waaqayyo yommus Saamu'eliin, ?Inni kunoo, isa kanaatii ka'ii, isa dibi!? jedhe.

13Kana irratti Saamu'el qodaa gaanfaa dhadhaa ejersaa qabu sana fuudhee, Daawitin obboloota isaa gidduutti in dibe; gaafasii jalqabee hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe; Saamu'el immoo Raamaatti in deebi'e*.[64]

14Amma immoo hafuurri Waaqayyoo Saa'ol irraa in fagaate; hafuurri hamaan Waaqayyo itti erge immoo isa in dhiphise*.

15Naa'onni Saa'ol immoo, ?Kunoo, hafuurri hamaan Waaqayyo sitti erge si dhiphisaa jira;

16kanaaf hafuurichi hamaan Waaqayyo sitti erge sun yommuu sitti dhufu, nama ba'eessa godhee kiraara rukutee sitti fooyyessuu danda'u akka siif barbaadanitti naa'ota kee ajaji!? jedhan.[65]

17Saa'ol yommus naa'ota isaatiin, ?Maaloo! Nama ba'eessa godhee kiraara rukutu barbaadaatii anaaf fidaa!? jedhe.

18Naa'ota isaa keessaas tokko, ?Kunoo, ani ilma Isey Betlihemichaa argeera; inni nama kiraara rukutuu beeku, jagna, loltuu jabaa, lolatti kan beekame, nama dubbii beekuu fi nama dhaabbii toluu dha; Waaqayyos isaa wajjin jira? jedhe.

19Saa'ol kana irratti Iseyitti namoota ergee, ?Daawit ilma kee isa hoolota tiksu anaaf ergi!? jedhe*.

20Isey yommus buddeenaa fi daadhii waynii qalqalloo tokko fuudhee harreetti fe'ee ilmoo reettii tokkoo wajjin Daawititti kennee Saa'oliif in erge.

21Daawit isaaf ergamuudhaaf gara Saa'ol in dhufe; Saa'olis baay'ee isa jaallatee, nama mi'a lolaa isaaf baatu in godhate.

22Saa'olis, ?Daawit ana biratti jaallatameeraatii; maaloo, ana dura dhaabatee anaaf haa ergamu!? jedhee Iseyitti in dhaame.

23Yeroodhuma hafuurri inni Waaqayyo isatti ergu Saa'olitti dhufutti, Daawit kiraara fuudhee in rukuta ture; Saa'ol yommus aara galfatee in gammada, hafuurri hamaan sunis isa irraa in fagaata.[66]

ter>