1Yommus Haannaan kadhata ishee keessatti,
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11Ergasii Elqaanaan gara Raamaatti deebi'ee mana isaatti in gale; Saamu'el mucichi garuu Elii lubicha biratti hafee Waaqayyoof hojjechaa ture.
12Ilmaan Elii Waaqayyoon kan hin beekne, namoota waa'ee hin baafnes turan;
13akka isaan amala godhatanitti, yeroo namoonni aarsaa qalmaa dhi'eessanitti foonichi affeelamaa utuu jiruu, hojjetaan luba tokkoo filoo mataa sadii qabu fudhatee in dhufa.
14Filoo sanaanis beddee keessaa yookiis huuroo keessaa yookiis okkotee keessaa yookiis xuwwee keessaa waraanee foonicha in fuudha, hamma filoon sun fuudhe hundumaas lubichaaf in geessa ture; namoota Israa'el warra gara Shiiloo dhufan hundumaa akkuma kana godhanii in rakkisu turan.
15Kana duwwaas utuu hin ta'in moorri qalma sanaa gubamee utuu hin aarfamin iyyuu hojjetaan lubichaa dhufee namicha aarsaa dhi'eessuun, ?Lubichi foon affeelamaa si harkaa waan hin fudhanneef, ani isaaf nan waadaatii, foon dheedhii anatti kenni!? jedha.
16Yommuu namichi, ?Akka seeraatti dura moorri isaa gubamee haa aarfamu! Isa booddee hamma garaan kee barbaade in fudhatta? ittiin jedhutti, hojjetichi immoo, ?Waawuu! Amma anatti kenni malee, yoo diddes humnaanan fudhadha? jedhaan.
17Aarsaa namoonni Waaqayyoof dhi'eessan waan salphisaniif, cubbuun ilmaan Elii Waaqayyo duratti sonaan guddaa in ta'e*.
18Saamu'el mucichi dirata fuula duraa isa quncee talbaa irraa hojjetame diratee Waaqayyoof in hojjeta ture.
19Haati isaas wagguma waggaan aarsaa dhi'eessuudhaaf abbaa manaa ishee wajjin yommuu ol baatutti, uffata ba'eessa irra keessatti uffatan xinnaa tokko qopheessitee in geessitiif turte.
20Eliin immoo Elqaanaa fi haadha manaa isaa eebbisee, ?Waaqayyo qooda mucaa isa Haannaan galchii gootee isumaaf kennitee isheedhuma irraa dhala siif haa kennu!? jedheen; kana booddee isaan gara mana isaaniitti in deebi'an.
21Ammoo Waaqayyo Haannaa in yaadate; isheen in ulfoofte, dabaltees ilmaan sadii fi intaloota lama in godhatte; Saamu'el mucichi immoo hojii Waaqayyoo keessatti in guddate.
22Eliin yeroo sanatti baay'ee dulloomee ture; inni waanuma ilmaan isaa namoota Israa'el hundumaa irratti hojjetan, dubartoota balbala dunkaana itti walga'aniitii hojjetan bira akka ga'anis dhaga'ee,
23?Namoota hundumaatii waa'ee hojii keessan isa hamaa nan dhaga'a; maaliif waan akkasii hojjettu?
24Yaa ijoollee ko! Waa'ee saba Waaqayyoo karaa irraa kaachisuu keessanii kanan dhaga'u kun gaarii miti;
25namni nama tokko yoo yakke Waaqayyotu gidduu gala, namni yoo Waaqayyoon yakke garuu eenyutu gidduu gala ree?? jedheen; ilmaan isaa garuu, sababii Waaqayyo isaan ajjeesuu barbaadeef abbaa isaaniitiif hin dhageenye.
26Saamu'el mucichi Waaqayyoof namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaan guddachaa in adeeme*.
27Yommus namni Waaqayyoo tokko gara Elii dhufee, ergaa Waaqayyoo isatti hime; ?Waaqayyo, ?Sanyiin abbaa keetii biyya Gibxii, harka Fara'oon jala yommuu turan, ani isaanitti mul'adheera mitii ree?
28Abbaa kee luba akka anaaf ta'uuf iddoo aarsaa kootiitti ol ba'ee ixaana akka aarsuuf, dirata fuula duraas diratee ana duratti akka argamuufan gosa Israa'el hundumaa keessaa isa fo'adhe; akkasumas waan Israa'eloonni qalma gubamuuf dhi'eessan hundumaa sanyii abbaa keetiif nan kenne*.
29Atii fi ilmaan kee garuu aarsaadhaaf kennaa sabni koo godoo koo keessatti akka anaaf dhi'eessan abboommadhe maaliif salphiftan? Ilmaan kee kennaa sabni koo anaaf dhi'eessan keessaa isa hundumaa caaluun foon isaanii akka gabbifataniif cal jettee maaliif ana caalaa isaaniif ulfina kennite?
30? ?Ani Waaqayyo gooftichi Israa'el:- Dhuguma sanyiin kee, sanyiin abbaa keetiis yeroo hundumaa ana dura deddeebi'anii anaaf in hojjetu jedheen ture; si'achi garuu akkas hin ta'u; warra ulfina anaaf kennaniif ulfina nan kenna, warra na tuffatan immoo nan salphisa.
31Kunoo, sanyii kee fi sanyii abbaa keetii keessaa jaarsi akka hin argamneef, yeroon ani itti ol adeemaa kee hundumaa karaatti hambisu in dhufa*.
32Bara baraan sanyii kee keessaa namni jaarsomu hin argamu; ati immoo akka diinaatti ilaaltee wanta ba'eessa Israa'elootaaf godhamutti in hinaafta.
33Nama kee keessaa inni ani iddoo aarsaa kootiitii akka inni hojjetuuf hambisu iji kee akka dadhabuuf garaan kees akka gadduuf sababii sitti in ta'a; siif kan dhalatu hundinuu ijoollummaadhaan in du'a.
34Kanaafis ilmaan kee lamaan Hofnii fi Fiinehaas guyyaa tokkotti in du'u; kunis milikkita siif in ta'a*.
35Anis luba amanamaa isa wanta ani garaa kootti yaadu hojjetu nan kaafadha; inni yeroo hundumaa mootii ani dibee moosise duratti in hojjeta; ani immoo mana sanyii isaa jabeessee nan dhaaba.
36Yommus sanyii kee keessaa warri hafan gara lubichaa dhufanii in qoomma'uuf; adduma addaanis meetii yookiis buddeena isa in kadhatu; itti dabalaniis, hadaraa, cabaadhuma buddeenaa illee akka ittiin nyaannuuf hojii lubummaatti nu galchi jedhanii isa in kadhatu? jedha? jedhe.