1Namoonni Ziif yommus Giibe'aatti Saa'ol bira dhaqanii, ?Daawit tulluu Hakiilaa isa fuullee lafa gogaa irra dhokatee jira mitii?? jedhan*.
2Yommus Saa'ol loltoota Israa'el keessaa fo'aman kuma sadii fudhatee, Daawitin barbaaduudhaaf Ziif lafa onaatti gad in bu'e.
3Saa'ol tulluu Hakiilaa isa karaa bukkee daarii lafa gogaa jiru sana irra in buufate; Daawit garuu lafa onaa keessa ture; Saa'ol booddee isaatiin gara lafa onaa sana akka dhufe yommuu arge,
4gaaddota ergee Saa'ol gara Naakon
5Daawit ka'ee iddoo Saa'ol buufatee jiru dhaqee, Saa'olii fi ajajaan loltootaa Abneer ilmi Neer eessa akka rafan in arge; Saa'ol buufaticha keessaa gara gidduu in rafa ture, loltoonni isaa immoo naannoo isaa buufatanii turan*.
6Daawit yommus Ahiimelek Heetichaa fi Abiishaayi isa Zeruyaan deesse obboleessa Yo'aab sanaan, ?Eenyutu anaa wajjin gara iddoo buufata Saa'olitti gad bu'a?? jedhee in gaafate; Abiishaayi immoo, ?Ani sii wajjin gad nan bu'a? jedheen.
7Achumaan Daawitii fi Abiishaayi halkaniin gara buufata jaraa in dhaqan; Saa'ol eeboo isaa mataa isaa duraan lafatti hordee, buufaticha keessaa gara gidduu in rafa ture; Abneerii fi warri loltootaa immoo guutummaatti itti naanna'anii in rafu turan.
8Abiishaayi yommus Daawitiin, ?Waaqayyo har'a diina kee harka kee keessa buuseera; si'a lama itti hin deebi'uutii maaloo tokkicha eeboo kootiin lafatti isa fayyisuu?? jedhee in gaafate.
9Daawit garuu deebiseefii, ?Namni isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka isaa ol fudhatu yakkaa ta'ee waan gaafatamuuf ati lafatti isa hin dabalin!? jedhe*.
10Daawit itti fufee, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Namni kun Waaqayyo isa dha'ee yoo du'e, yookiis guyyaan isaa ga'ee yoo du'e, yookiis immoo gara adda waraanaa dhaqee achitti yoo barbadeeffame malee,
11isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka koo ol fudhachuu inni ana haa oolchu! Amma garuu mee eeboo isa mataa isaa dura jiruu fi cuggee bishaanii sana fuudhi in adeemnaa!? jedhe.
12Daawit eeboo fi cuggee bishaanii mataa Saa'ol duraa in fudhate; achumaanis isaan lachanuu achii in adeeman; Waaqayyo hirriba ulfaataa jaratti waan buuseef, hundumti isaanii in rafu turan malee, namni tokko illee hin dammaqne, isaan hin argine, waa'ee kanaas hin beekne.
13Ergasii Daawit gara gamaatti ce'ee fiixee tulluu achi fagoo tokko irra in dhaabate; akkasitti jara sana irraa baay'ee fagaatee ture.
14Daawit loltoota sana waamee, addumaan immoo Abneer ilma Neeriin, ?Yaa Abneer! Ana jalaa hin owwaattu moo?? jedhe; yommus Abneer deebisee, ?Eenyu ati, inni mootiitti iyyitu kun?? jedheen.
15Daawit immoo Abneeriin, ?Ati nama mitii ree? Israa'el keessaa immoo kan akka keetii eenyu ree? Namoota keessaa tokko gooftaa kee mooticha barbadeessuuf dhufee ture; ati garuu maaliif dammaqxee gooftaa kee mooticha hin eegne ree?
16Wanti ati hojjette kun ba'eessa miti; atii fi namoonni kee gooftaa keessan isa Waaqayyo dibee moosise waan hin eeginiif, dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti ajjeefamuutu isiniif ta'a; eeboon mootichaa fi cuggeen bishaanii warri mataa isaa dura turan eessa jiru? Mee naannoo kee ilaali!? jedhe.
17Saa'ol sagalee Daawit baree, ?Ilma ko kun sagalee kee tii?? jedheen; Daawit deebisee, ?Yaa mootii, yaa gooftaa ko eyyee, sagalee koo ti!? jedhe.
18Itti fufees, ?Yaa gooftaa ko, maaliif ana garbicha kee ari'atta? Maalan godhe? Hamaan ani hojjedhes maali*?
19Yaa mootii, yaa gooftaa ko! Hadaraa wanta ani garbichi kee jedhu dhaggeeffadhu! Waaqayyotu ana irratti si kaase yoo ta'e, inni aarsaa anaaf haa fudhatu! Namootatu kana godhe yoo ta'e garuu, qabeenya Waaqayyo anaaf kennutti akkan hin galleef har'a bakkee na baasanii, ?Dhaqiitii waaqayyolii kan biraaf hojjedhu!? jechuu isaanii waan ta'eef, Waaqayyo duratti kan abaaraman haa ta'an!
20Akkasitti fuula Waaqayyoo duraa fageessitee dhiigni koo akka dhangala'u hin godhin! Yaa mootii Israa'el, akka nama gaara gubbaa gogorii adamsutti ana nama tafkii tokko barbaaduudhaaf maaliif baate ree?? jedhe.
21Saa'olis, ?Ani gowwummaa kootiin cubbuu hojjedheera, hammana kan hin jedhamnes balleesseera; garuu lubbuun koo si duratti ulfina guddaa waan argatteef, ani deebi'ee hamaa si irratti hin hojjedhu; kanaaf yaa Daawit ilma ko, deebi'ii kottu!? jedhe.
22Daawit immoo deebisee, ?Yaa mootii, kunoo eeboon kee as jira, dargaggoota kee keessaa tokko as ce'ee haa fuudhu!
23?Waaqayyo, tokkon tokkon namaaf qajeelummaa isaatii fi amanamummaa isaatiifis gatii in baasaaf; akkasitti inni har'a harka kootti dabarsee si kennee ture, ani garuu isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka koo ol fudhachuu hin barbaanne.
24Akkuma har'a lubbuun kee ana duratti ulfina guddaa argatte, akkasuma lubbuun koo Waaqayyo duratti ulfina guddaa haa argattu! Innis dhiphuu hundumaa keessaa ana haa baasu!? jedhe.
25Saa'ol yommus Daawitiin, ?Yaa Daawit ilma ko, eebbifami! Ati wanta baay'ee in hojjetta, in dandeessas? jedhe; ergasii Daawit karaa isaa irra bu'ee in adeeme; Saa'ol immoo gara mana isaatti in deebi'e.