Macaafa Saamu'el Isa Duraa 3:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1Yeroo sanatti Saamu'el mucichi geggeessaa Elii jalatti Waaqayyoof in hojjeta ture; baras Waaqayyo takka takka malee namatti hin dubbatu, mul'annis deddeebi'ee hin argamu ture.

2Eliin dulloomee iji isaa bararisee arguu dhabaa in adeeme; gaaf tokko halkan inni iddoodhuma isaa in ciisa;

3Saamu'el immoo godoo qulqullaa'aa iddoo sanduuqi kakuu Waaqayyoo jiru keessa in ciisa ture; ibsaan Waaqayyoo amma illee hin dhaamne.

4Waaqayyo yommus Saamu'elin in waame; Saamu'elis, ?Kunoo, asan jira? jedhe*.

5Gara Eliitti fiigee, ?Kunoo, asan jira, maal jette?? jedhe; Eliin garuu, ?Ani si hin waamne, deebi'ii ciisi!? jedheen; innis deebi'ee in ciise.

6Ammas Waaqayyo Saamu'elin in waame; innis ka'ee gara Elii dhaqee, ?Kunoo, asan jira, maal jette?? jedheen; Eliin garuu, ?Yaa ilma ko, ani si hin waamne, deebi'ii ciisi!? jedheen.

7Kanaan dura Waaqayyo dubbii isaa isatti mul'isee waan hin beekneef Saamu'el akka Waaqayyo isa waame hin barre.

8Waaqayyo ammas si'a sadaffaa Saamu'elin in waame; inni ka'ee gara Elii dhaqee, ?Kunoo, asan jira, maal jette?? jedhe; Waaqayyo mucicha akka waame Eliin kana irratti hubatee,

9Saamu'eliin, ?Dhaqii ciisi! Yoo inni ammas si waame, ?Yaa gooftaa ko, garbichi kee in dhaggeeffataatii dubbadhu!? jedhiin? jedhe; Saamu'elis deebi'ee dhaqee iddoodhuma isaa in ciise.[13]

10Kana booddee Waaqayyo dhufee achi dhaabatee, akkuma isaa si'a duraa, ?Saamu'el! Saamu'el!? jedhee in waame; Saamu'el immoo, ?Yaa gooftaa ko, garbichi kee in dhaggeeffataatii dubbadhu!? jedhe.

11Waaqayyo yommus Saamu'eliin, ?Kunoo, ani wanta dhaga'uun isaa dhagna nama suukessu Israa'el keessatti nan hojjedha.

12Gaafas ani maatii Elii irratti waanan dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti nan raawwadha.

13Ilmaan isaa wanta nama yeellaasisu hojjechuu isaanii utuu beekuu isaan hin dhowwine; anis sababii yakka kanaaf bara baraan maatii isaatti akkan faradu isatti beeksiseera*.

14Kanaafis yakki maatii Elii, aarsaadhaan yookiis kennaa garaa garaatiin raawwatee akka hin dhiisifamneef kakadheera? jedhe.[14]

15Saamu'elis hamma ganamaatti erga ciisee booddee, ka'ee balbala godoo qulqullaa'aa in bane; mul'ata arge sana garuu Eliitti himuu in sodaate.

16Eliin garuu, ?Yaa ilma ko Saamu'el? jedhee isa in waame; innis, ?Kunoo, asan jira? jedheen.

17Eliin immoo, ?Waaqayyo maal sitti dubbate? Hadaraa kan inni sitti dubbate ana hin dhoksin! Wanta inni sitti dubbate hundumaa keessaa tokko illee yoo ana dhoksite garuu Waaqayyo wanta hamaa sitti haa fidu, sittis haa dabalu!? jedheen.

18Saamu'el yommus waan Waaqayyo isatti dubbate keessaa tokko illee utuu hin dhoksin isatti in hime; Eliinis, ?Inni Waaqayyoo dha, waanuma gaarii ta'ee isatti mul'ate haa godhu!? jedhe*.[15]

19Saamu'el guddachaa in adeeme; Waaqayyo isaa wajjin waan tureefis wanti inni dubbatu hundinuu akka lafa hin buune in godhaaf ture.

20Yommus guutummaa biyya Israa'el keessatti Daanii hamma Bersheebaatti, Saamu'el raajii Waaqayyoo isa amanamaa akka ta'e beekanii in fudhatan.

21Shiiloo iddoo itti dubbii isaa Saamu'elitti mul'ise sanatti Waaqayyo ittuma fufee ofii isaa in mul'ise.

er>