1Warri Filisxeem sanduuqa kakuu Waaqayyoo booji'anii Ebeen-Ezerii fuudhanii, Ashdooditti in geessan.
2Sanduuqa kakuu Waaqayyoo sanas gara galma Daagonitti geessanii bifa fakkeenya Daagon bukkee in kaa'an*.
3Borumtaas warri Ashdood ganamaan yommuu ka'an bifni fakkeenya Daagon sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti adda isaatiin lafatti gad gombifamee in argan; isaan garuu bifa fakkeenya Daagon sana fuudhanii iddoo isaatti deebisanii in dhaaban.
4Gaafa guyyaa lammaffaas ganama ka'anii yommuu ilaalan bifni fakkeenya Daagon ammas sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti gad gombifamee argan; alana garuu dhagna isaa duwwaatu achi ture malee, mataan isaatii fi harki isaa lamaan irraa ciccitanii buusaa balbala galmichaa irra bubbu'anii turan.
5Sababii kanaaf hamma har'aatti iyyuu luboonni Daagon akkasuma immoo namoonni kan biraa warri galma isaa isa Ashdooditti ol lixan hundinuu buusaa balbala galma Daagon irra hin ejjetan.
6Humni Waaqayyoo namoota mandara Ashdoodii fi naannoo isaa jiraatan irratti in ulfaate; inni badiisa isaanitti fidee, iitoodhaan isaan in dha'e*.
7Warri Ashdood wanta ta'e yommuu argan, ?Sababii humni isaa nuyii fi Daagon Waaqayyo keenyatti ulfaateef, sanduuqi kakuu Waaqayyoo isa kan Israa'el nu bira hin taa'in!? jedhan.
8Kana booddees namoota erganii gurguddoota Filisxeemotaa warra humnaan mo'an hundumaa walitti waammatanii, ?Sanduuqa kakuu Waaqayyoo isa kan Israa'el kana attam goonu?? jedhanii in gaafatan; isaan immoo deebisanii, ?Sanduuqi kakuu Waaqayyoo isa kan Israa'el kun gara mandara Gaatitti haa geeffamu!? jedhaniin; akkasitti sanduuqa kakuu Waaqayyoo sana Gaatitti in geessan.
9Isaan sanduuqa kakuu sana erga dabarsanii booddee, harki Waaqayyoo mandara sana irratti ol kaafamee badiisa baay'ee guddaadhaan mandara sana in balleesse; namoota mandaricha keessa jiraatan xinnaadhaa hamma guddaatti rukutee, iitoon akka itti yaa'u in godhe.
10Kana irratti isaan sanduuqa kakuu Waaqayyoo sana fuudhanii Eqroonitti in ergan; akkuma sanduuqi kakuu sun Eqroonitti galeen immoo warri Eqroon, ?Jarri kun nuyii fi saba keenya ficisiisuudhaaf sanduuqa kakuu Waaqayyoo isa kan Israa'el gara keenya fidan? jedhanii in iyyan*.
11Sababii humni Waaqayyoo isaanitti ulfaatee, badiisi sodaachisaan mandara sana keessa guuteef, warri mandara sanaa namoota erganii gurguddoota Filisxeemotaa warra humnaan mo'an hundumaa walitti waammatanii, ?Nuyii fi sabni keenya akka hin dhumnetti, sanduuqa kakuu Waaqayyoo isa kan Israa'el kana iddoo isaatti akka deebi'uuf deebisaatii ergaa!? jedhan.
12Namoonni hin du'in hafan immoo dhukkuba iitootiin dha'amanii waan iyyaniif, iyyi namoota mandarichaa gara waaqaatti ol in ba'e.