1Saa'ol erga du'ee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutee mo'e; achii deebi'ee, mandara Siiqlaag guyyaa lama in taa'e*.
2Guyyaa sadaffaa isaatti, namni tokko gadda irraa kan ka'e uffata isaa tarsaasee, awwaara mataatti firfirfatee iddoo buufata Saa'ol keessaa gara Daawit in dhufe; namichi yommuu dhi'aate, ulfina Daawitiif hamma lafa ga'utti in qoomma'e.
3Daawit immoo, ?Ati eessaa dhufte?? jedhee isa in gaafate; innis deebisee, ?Iddoo buufata namoota Israa'el keessaan baqadhee dhufe? jedheen.
4Kana irratti Daawit, ?Maaltu ta'e? Wanta ta'e anatti himi!? ittiin jedhe; namichi immoo, ?Loltoonni keenya lafa waraanaatii baqatanii, baay'een isaaniis rukutamanii kukkufanii du'aniiru; Saa'ol mootichii fi Yonaataan ilmi isaa ajjeefamaniiru? jedhee itti in hime.
5Daawit yommus, ?Saa'ol mootichii fi Yonaataan ilmi isaa akka du'an ati attamitti beekta?? jedhee namicha isatti hime sana in gaafate.
6Namichi oduu kana isatti himes deebisee, ?Ani dhimma utuun hin qabaatin, tulluu Giilbo'aatti ol ba'ee Saa'ol eeboo isaatti hirkatee utuu jiruu, warri konkolaataan adeemanii fi abboonni fardeenii warri isa ari'aa jiran immoo isa qaqqabuuf akka jedhan nan arge*.
7Saa'ol gara galee yommuu na arge ana in waame; anis, ?Kunoo, asan jira? nan jedheen.
8Inni immoo, ?Ati eenyu?? jedhee na gaafate; anis deebise, ?Ani nama Amaaleq? nan jedhe;
9inni immoo, ?Ani laafee du'uudhaaf nan jedha, garuu lubbuun koo ana keessaa ba'uu in didde; kanaaf kottuutii ana ajjeesi!? naan jedhe.
10Inni erga kufee booddee jiraachuu akka hin dandeenye waanan beekeefan dhaqee isa ajjeesee, gonfoo mataa isaa irra tureef bitawoo harka isaatti ture ittii baasee si gooftaa kootiif fideera? jedhe*.
11Kana irratti Daawit, namoonni isaa wajjin turan hundinuus gadda irraa kan ka'e uffata isaanii of irratti in tarsaasan*.
12Kana malees Saa'ol, Yonaataan ilmi isaa, loltoonni Israa'el saba Waaqayyoo ta'anis billaadhaan waan dhumaniif, Daawit, namoonni isaa wajjin turanis hamma galgalaatti isaaniif jedhanii in wawwaatan, in boo'an, in sooman*.
13Daawit ergasii, ?Ati nama eessaa ti?? jedhee namicha oduu kana isatti hime sana in gaafate; inni immoo, ?Ani ilma nama Amaaleqootatti gale tokkoo ti? jedhee in deebiseef.
14Kana irratti Daawit, ?Ati attamitti nama isa Waaqayyo dibee moosise sana harka keetiin ajjeesuudhaaf ija jabaatte?? jedhee isa in gaafate*;
15Yommusuma namoota isaa keessaa tokko waamee, ?Dhaqii namicha kana rukutii lafaan dha'i!? jedhee isa in abboome; kana irratti inni namicha rukutee in ajjeese*.
16Namichi utuu hin ajjeefamin, Daawit, ?Ati afaanuma keetiin, ?Nama isa Waaqayyo dibee moosise nan ajjeese? jettee of irratti dhugaa waan baateef, dhiigni kee mataa kee irraa haa barbaadamu!? jedhee itti in dubbate.
17Ergasii Daawit Saa'olii fi Yonaataan ilmi Saa'ol waan du'aniif,
18akka kanatti fufee jirutti in faarse; namoonni Yihudaa immoo faarfannaa ?Iddaa? jedhamu kana akka barsiifamaniif in abboome; faarfannaan kun macaafa warra qajeelotaa isa ?Yaashaar? jedhamu keessatti caafamee jira*.
19
20
21
22
23
24
25
26
27