1 Daawit yeroo Waaqayyo harka diinota isaa hundumaa, harka Saa'olis isa oolchetti, sagalee kanatti fufee jiruun Waaqayyoon in faarfate.
2 Inni, ?Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis;
3 Waaqayyo koo da'oo dhagaa, isa ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana koo, isa akka gaanfaa fayyina koof faccisu, inni iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dha; inni anaaf iddoo kooluu itti galanii dha; yaa fayyisaa ko, ati namoota humnaan nama irratti ka'an ana in oolchita.
4 ?Waaqayyoon isa jajamaa nan waammadha, inni immoo harka diinota koo na oolcha.
5 Hursaan du'aa na marse, dha'aan bishaan badiisaas na naasise.
6 Hidhaan qilee na xaxan, futaasaan du'aas na qabatan.
7 Rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni yommus mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga'e, gargaarsaa fi iyyuun koos gurra isaa bira anaaf in ga'e.
8 ?Yommus lafti rom'itee tochoote, sababii aariin isaa boba'eefis hundeen bantiiwwan waaqaa hurgufamanii in raafaman.
9 Funyaan isaa keessaa aarri, akkasumas afaan isaa keessaa ibiddi xaph godhu in ba'e; barbadaa giimiin isa biraa boba'e.
10 Inni bantiiwwan waaqaa gugguufsisee gad bu'e, duumessi dukkanaa'aan miillan isaa jala ture.
11 Inni Kiruub irra taa'ee in balali'e, baalleewwan qilleensaatiinis shuf jedhee dhufe.
12 Inni naannoo isaatti dukkanni akka golgu godhe, duumessa dukkanaa'aa bishaan keessa guutes godoo isaa godhate;
13 calaqqisa fuula isaa dura jiru keessaa immoo, barbadaa giimiin in gube.
14 ?Waaqayyo bantiiwwan waaqaa keessaa qaqawweessa'e, aabba inni hundumaa gararraa jiru sagalee isaa in dhageessise.
15 Inni xiyya gad dhiisee diinota bittimse, balaqqeessa bakakkaatiinis gara itti goran, isaan in wallaalchise.
16 Dheekkamsa Waaqayyootiin, rukuttaa aara funyaan isaa keessaa ba'eetiinis, maniin bishaanotaa in mul'atan, hundeewwan biyya lafaas qullaatti in baafaman.
17 ?Inni ol gararraadhaa gad hiixatee na qabe, bishaan gurguddaa keessaa harkisee na baase.
18 Inni harka diina koo isa jabaa, akkasumas harka warra na jibbanii humnas ana caalanii na oolche.
19 Isaan yeroo rakkinni ana irra ga'etti, ana irratti lafa dha'an; Waaqayyo garuu irkoo koo ture.
20 Inni gara iddoo bal'aatti na baase, waan anatti gammadeefis na oolche.
21 ?Waaqayyo akka qajeelummaa kootti kana anaaf godhe, akka qulqullina harka koottis dugda anaaf in deebise.
22 Ani karaa Waaqayyoo duukaa bu'eera, jal'inaanis Waaqayyo koottii gargar hin baane.
23 Abboommiin isaa hundinuu fuula koo dura turan, tumaa isaas hundumaa of irraa hin bunne.
24 Ani isatti hin balleessine, yakka hojjechuuttiis of nan eege.
25 Waaqayyo immoo akka ani qajeelaa ta'ee mul'adhetti, akka ani ija isaa duratti qulqulluu ta'ee argamettis, dugda anaaf in deebise.
26 ?Yaa Waaqayyo, nama gaarummaa argisiisutti, atis gaarummaa in argisiifta; nama hin balleessinetti, atis hin balleessitu.
27 Isa of qulleessutti ati ofii keetii qulqullaa'aa ta'uu kee in mul'ifta. Nama micciiramaa immoo akka micciiramummaa isaatti qabuu kee itti in mul'ifta.
28 Ati saba gad qabamaa in oolchita, warra mataa irra-keessa qabatanii adeeman immoo lafa in ilaalchifta.
29 Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti, Waaqayyo koo dukkana koo in ibsa.
30 Eyyee, ani siin kutata loltuu diinaatti nan bu'a, Waaqayyo kootiinis gelaa irra iyyuu nan utaala.
31 Waaqayyo kun, karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.
32 ?Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree? Waaqayyo keenya malees kattaa jabaan eenyu ree?
33 Waaqayyo kun, isa mudhii koo humnaan hidhachiise, isa karaan koo mudaa akka hin qabaanne godhee dha.
34 Inni miilla koo ariifataa akka miilla biichee anaaf godhe; kaarra gubbaas ana in dhaabachiise.
35 Irreen koo iddaa sibiila boorrajjii akka dabsutti, inni harka koo lola in barsiise.
36 Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte, anatti gad dhi'aachuun kees na guddise.
37 Tarkaanfii miilla kootiif ana jalatti iddoo bal'aa anaaf laatte, gulubiin koos ana jala gara hin galle.
38 ?Ani diinota koo ari'ee isaan nan balleesse, hamma isaan dhumanittis ani gara booddeetti hin deebine.
39 Akka isaan deebi'anii hin kaanettis, ani rukutee isaan nan caccabse; isaanis miilla koo jalatti in kufan.
40 Ati lola sanaaf mudhii koo humnaan hidhachiifteetta, warri ana irratti ka'anis na jalatti akka gombifaman gooteetta.
41 Ati, diinonni koo dugda duuba deebi'anii akka ana baqatan in goote; anis warra ana jibban nan balleesse.
42 Isaan gargaarsaaf asii fi achi ilaalan, garuu tokko illee kan isaan gargaaru hin turre; gara Waaqayyoottis in iyyan, inni garuu isaaniif hin deebifne.
43 Ani akka awwaara lafaatti isaan nan bulleesse, isaan caccabsee akka dhoqqee karaa keessaatti isaan irra nan ejjedhe.
44 ?Ati wal loluu saba koo keessaa ana baafte; saba warra kaaniifis mataa akkan ta'u gooteetta; namoonni saba ani hin beeknees anaaf in hojjetan.
45 Warri ormaa afaaniin anatti kuulaa in dhufan; waa'ee koo gurrumaan dhaga'uudhaan anaaf abboomaman.
46 Warri ormaa dadhabanii, rom'aa iddoo cufatanii taa'an keessaa ba'an.
47 Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo jajamaa dha! Waaqayyo kattaa koo ti, fayyina koo tis, inni ol ol haa qabamu!
48 Waaqayyo inni ijaa baasuu anaaf kenne, saba warra kaanis harka koo jala galche.
49 Harka diinota kootii keessaa immoo na baase; eyyee, ati warra na irratti ka'an gararraatti ol na qabdeetta; namoota humna anatti argisiisan harkaas na butatteetta.
50 Kanaaf yaa Waaqayyo, saba hundumaa keessatti sin jajadha, faarfannaa galataatiinis maqaa kee nan faarfadha.
51 Waaqayyo isa ofii isaatii moosiseef fayyina guddaa in kenna; Daawit isa ofii isaatii dibetti, sanyii isaattis bara baraan gaarummaa isaa in argisiisa? jedhe.
Bible Society of Ethiopia