1Ammas dheekkamsi Waaqayyoo saba Israa'el irratti boba'ee, ?Dhaqiitii namoota Israa'elii fi namoota Yihudaa lakkaa'i!? jedhee Daawitin isaanitti in kaase*.
2Kana irratti Daawit mootichi Yo'aabiin, ajajjuuwwan loltootaa, warra isa bira jiraniinis, ?Lakkoobsa sabaa akkan barutti, dhaqaa, Daanii hamma Bersheebaatti gosoota Israa'el hundumaa keessa naanna'aatii namoota lakkaa'aa!? jedhe.
3Yo'aab garuu deebisee, ?Waaqayyo gooftaan kee saba isaa dachaa dhibba haa baay'isu! Iji gooftaa koo mootichaa kana haa argu! Garuu gooftaan koo mootichi maaliif wanta akkasii kana gochuutti gammada?? jedhe*.
4Mootichi garuu abboommiin isaa akka raawwatamuuf Yo'aabii fi ajajjuuwwan loltootaa waan giddisiiseef, isaan namoota Israa'el lakkaa'uudhaaf mooticha biraa ba'anii in adeeman.
5Isaan laga Yordaanos ce'anii mandara Aro'er irraa gara harka mirgaatiin dachaa keessa buufatanii, biyya sanyii Gaadi keessa gara mandara Yaazeritti in darban.
6Isaan achii ka'anii gara Giil'aaditti darbanii, gara Qaadesh biyya Heetotaa, gara mandara Daan-Yaa'aan, gara naannoo mandara Sidoon in dhufan.
7Karuma sana gara masaraa Xiiros, gara mandaroota Hiiwotaa, gara mandaroota Kana'aanotaa hundumaas in dhaqan; dhuma irratti immoo gara mandara Bersheebaa isa biyya Yihudaa keessaa gara mirgaatti argamu in dhaqan.
8Isaan ji'a sagalii fi bultii digdama keessatti, guutummaa biyyichaa keessa naanna'anii waliin ga'anii Yerusaalemitti in deebi'an.
9Yo'aab lakkoobsa namoota lolaaf ba'uu danda'anii mootichatti in hime; lakkoobsi namoota sanaas Israa'el keessaa kumaatama dhibba saddeet, Yihudaa keessaa immoo kumaatama dhibba shan ture.
10Haa ta'u iyyuu malee, Daawit mootichi namoota isaa erga lakkoobsisee booddee, yaadni garaa isaa in rukutame; inni kanaaf, ?Ani gowwummaa guddaadhaan wanta akkasii kana gochuu kootiin baay'ee cubbameera; amma garuu yakka ana garbicha keetii akka balleessituuf sin kadhadha? jedhee Waaqayyoon in kadhate*.
11Waaqayyo borumtaa isaa akkuma Daawit hirribaa ka'een, Gaadi raajicha isa Daawitiif mul'ata argutti in dubbate.
12Inni raajichaan, ?Dhaqiitii Daawititti dubbadhuu, ?Waaqayyo:- ani wanta sadii si dura nan kaa'a, isaan keessaa kanan si irratti raawwadhu tokko fo'adhu! siin jedha?? jedhe.
13Kana irratti Gaadi gara Daawit dhaqee, ?Beelli waggaa torbaa biyya keetti, sittis haa dhufu moo? Yookiis ji'a sadii diinni kee si duukaa bu'ee utuu si ari'uu duraa baqachuu fo'atta? Yookiis guyyaa sadiif dha'ichi biyya keetti akka dhufu fo'atta? Ammas isa ana ergeef deebii akkan kennutti, itti yaadii murtoo godhii anatti himi!? jedhee itti in hime.
14Daawit immoo Gaadiif deebisee, ?Ani muddama guddaa keessan jira; ammas araarri Waaqayyoo guddaa waan ta'eef, harka isaatiin adabamuu nuuf wayya malee, inni harka namootaatti akka ana hin kennineef isa nan kadhadha? jedhe*.
15Waaqayyo yommus biyya Israa'elitti dha'icha in erge; dha'ichi kunis ganama sanaa jalqabee, hamma yeroo kennameetti in ture; dha'icha kanaan Daanii hamma Bersheebaatti namoonni kumni torbaatamni in dhuman.
16Ergamaan Waaqayyoo Yerusaalemin balleessuudhaaf harka yeroo ol itti fudhatetti, Waaqayyo in gaddeef, wanta hamaa isa itti fiduuf yaades in dhiise; ergamicha isa namoota fixaa jiruun immoo, ?Haa ga'u, harka kee irraa deebisi!? jedhe; yommus ergamichi oobdii midhaanii isa kan Arawunaa Yibusichaatti dhi'oo ture*.
17Daawit mootichi ergamaa isa namoota rukutaa jiru sana yommuu arge, Waaqayyoon, ?Anatu cubbuu hojjette, anatus yakke; isaan kunoo akka hoolotaa tii maal godhan ree? Adabni kun anaa fi maatii koo irratti haa dhufu!? jedhe*.
18Gaafuma sana Gaadi gara Daawit dhufee, ?Ka'ii ol ba'ii, oobdii midhaanii isa kan Arawunaa Yibusichaa keessatti, iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan ijaari!? jedhee isatti in hime.
19Kana irratti Daawit akkuma Waaqayyo karaa Gaadi raajichaa isa abboomee turetti ol in ba'e.
20Arawunaan gad ilaalee, Daawit, hojjetoonni mootichaas gara isaatti adeemaa akka jiran yommuu arge, oobdii sana keessaa ba'ee hamma lafa ga'utti mootichaaf in qoomma'e.
21Arawunaan, ?Gooftaan koo mootichi sababii maaliitiif gara ana garbicha isaatii dhufe?? jedhee Daawitin in gaafate; Daawit immoo deebisee, ?Dha'ichi kun saba kana irraa akka deebi'utti oobdii midhaanii kee si irraa bitee isa irratti iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan ijaaruudhaafan dhufe? jedhe.
22Arawunaan kana irratti Daawitiin, ?Qalma gubamu dhi'eessuudhaaf, sangoonni kunoo ti! Qoraanii fi immoo mi'i ittiin midhaan siribsiisanii fi mi'i qotiyyoo kunoo ti! Egaa yaa mootichaa, yaa gooftaa ko, waanuma gaarii ta'ee sitti mul'ate fudhadhuutii dhi'eessi*!
23Yaa mootii ko, ani Arawunaan kana hundumaa siif nan kenna? jedhe; itti fufees, ?Waaqayyo gooftaan kee aarsaa kee siif haa fudhatu!? jedhe.
24Daawit mootichi garuu deebisee Arawunaadhaan, ?Lakkii, ani horii baaseen si irraa bita malee, wantan horii itti hin baasin, qalma gubamu godhee Waaqayyo gooftaa kootiif hin dhi'eessu? jedhe; Daawit kana booddee oobdii midhaanii sana, sangoota sanas meetii akka graamii dhibba ja'aa miijanuun in bite.
25Daawit oobdicha keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaaree, achi irratti qalma gubamuu fi qalma araaraa in dhi'eesse; yommus Waaqayyo kadhata waa'ee biyyichaaf kadhatame in dhaga'e; dha'ichi sunis biyya Israa'el irraa in deebi'e*.