Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 4:1-12 GAZB1997 - Bible AI

1Abneer mandara Kebroonitti akka ajjeefame Ish-Bosheet ilmi Saa'ol yommuu dhaga'e, humni isa in bu'e, Israa'eloonnis guutummaatti in na'an*.

2Ilmi Saa'ol kun ajajjuu warra lolaaf ba'anii saaman lama qaba ture; maqaan isa tokkoo Ba'anaa dha, maqaan isa kaanii Rekaab; isaan ilmaan Rimoon nama mandara Beroot gosa Benyaamiin turan; Beroot gara Benyaamiinitti in lakkaa'ama.

3Namoonni Beroot kun Giitaayimitti baqatanii hamma bara kanaatti galaa ta'anii achi in jiraatan.[15]

4Yonaataan ilmi Saa'ol, ilma miilli isaa lachuu naafate tokko qaba ture; oduun waa'ee du'a Saa'olii fi du'a Yonaataan Yizre'elii ba'ee yommuu dhaga'ame, ilmi isaa kun mucaa waggaa shanii ti; guddiftuun mucichaa isa ol fuutee baattee in baqatte; isheen baqachuudhaaf utuu ariifattu, mucichi ishee irraa kufee in naafate; maqaan isaa immoo Mefii-Bosheet ture*.

5Rekaabii fi Ba'anaan ilmaan Rimoon nama Beroot ka'anii, Ish-Bosheet ciisee utuu aara galfachaa jiruu, aduu saafaa keessa mana isaa in ga'an;

6isaan akka waan qamadii fudhachuu dhaqanii fakkeessanii, kutaa manaa isa gara keessaatti ol lixanii garaa isaa in waraanan; kana booddees Rekaabii fi Ba'anaan obboleessi isaa hafuura dhokfatanii ba'anii in sokkan.

7Isaan utuu inni mana hirribaa isaa keessa siree isaa irra ciisaa jiruu, ol lixanii isa rukutanii ajjeesanii, mataa isaa irraa in kutan; kana booddee mataa isaa fuudhanii karaa dachaa Yordaanos ba'anii halkan guutuu adeemaa bulan.

8Mataa Ish-Bosheet sana Kebroonitti Daawit mootichatti geessanii, ?Mataan Ish-Bosheet ilma Saa'ol, isa diina kee ta'ee si ajjeesuu yaalee kunoo ti! Waaqayyo har'a Saa'ol irratti, sanyii isaa irrattis si gooftaa keenya mootichaaf ijaa baaseera? jedhaniin.[16]

9Daawit garuu deebisee Rekaabii fi obboleessa isaa Ba'anaa ilmaan Rimoon nama Beroot sanaan, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa, isa rakkina hundumaa keessaa na baasee ti!

10Namni tokko oduu gaarii se'ee, ?Saa'ol in du'e? jedhee yommuu anatti himetti, ani immoo isa qabsiiseen Siiqlaagitti isa ajjeesise; gatii oduu isaatiif kanan kenneef kana ture*.

11Caalaadhumatti isin namoota jal'oota, warra nama balleessaa hin qabne mana isaa keessatti siree isaa irratti ajjeeftan, ani immoo harka keessan keessaa dhiiga isaa hin barbaaduu ree? Lafa irraas isin hin balleessuu ree?? jedhe.

12Achumaan Daawit namoota isaa in abboome; isaanis ilmaan Rimoon sana ajjeesanii harka isaanii fi miilla isaanii irraa ciranii mandara Kebroon keessatti kuufama bishaanii bukkeetti reeffa isaanii in rarraasan; mataa Ish-Bosheet immoo fuudhanii mandara Kebroon keessatti, awwaala Abneer biratti in awwaalan*.[17]

footer>