1Daawit ammas Israa'eloota keessaa namoota fo'amoo kuma soddoma walitti in qabe.
2Daawitii fi namoonni isaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo mandara Ba'aalaa ishee Yihudaa keessa jirtu keessaa fuudhanii fiduudhaaf in ka'an; sanduuqi kakuu kun maqaa Waaqayyo gooftaa maccaa isa Kiruubel lamaan gara irraa teessoo isaa irra taa'een waamame*.
3Isaan sanduuqa kakuu Waaqayyoo mana Abinaadaab isa gaara irra ture keessaa fuudhanii, konkolaataa haaraa tokko irra in kaa'an; ilmaan Abinaadaab Uzaa fi Ahiiyon immoo horii konkolaataa haaraa sana harkisan in oofu turan*.
4Ahiiyon sanduuqa kakuu Waaqayyoo isa mana Abinaadaabii fuudhanii fidan sana dura in adeema ture.
5Daawitii fi Israa'eloonni hundinuu immoo Waaqayyo duratti weedduudhaan, sagalee kiraaraatiin, maseenqoodhaan, dibbeedhaan, sibiila ?Kosh kosh? jettuun, sibiila walitti rukutamee sagalee dhageessisuunis of irraa bu'anii in taphatu turan.
6Oobdii midhaanii Naakon bira yommuu ga'an immoo, qotiyyoon konkolaataa sana harkisan waan gufataniif, Uzaan sanduuqa kakuu sana qabuudhaaf itti in hiixate.
7Uzaan sanduuqa kakuu Waaqayyoo safeeffachuu waan dhiiseef, Waaqayyo baay'ee isatti aaree isa in dha'e; kanaaf inni achuma sanduuqa kakuu Waaqayyoo biratti in du'e*.
8Daawit immoo sababii Waaqayyo badiisa kana Uzaatti fideef in aare; maqaan iddoo sanaas hamma har'aatti iyyuu ?Pherez-Uzaa? jedhama; [kana jechuun ?Badiisa Uzaa? jechuu dha.]
9Yeroo kun ta'etti, Daawit Waaqayyoon sodaatee, ?Attamitti sanduuqa kakuu Waaqayyoo anaaf fiddu ree?? jedhe.
10Kanaaf Daawit sanduuqa kakuu sana gara mandara isaatiitti fudhatee galuu waan hin barbaanneef, mana Obed-Edoom nama Gaatitti in jal'ise.
11Sanduuqi kakuu Waaqayyoo, ji'a sadiif mana Obed-Edoom nama Gaat sana ture; Waaqayyo immoo Obed-Edoomin, maatii isaas guutummaatti in eebbise*.
12Yommus jarri tokko, ?Waaqayyo sababii sanduuqa kakuu isaatiif maatii Obed-Edoom, wanta inni qabu hundumaas eebbiseera? jedhanii Daawit mootichatti in himan; kana irratti Daawit dhaqee, sanduuqa kakuu Waaqayyoo mana Obed-Edoom keessaa fuudhee, gammachuudhaan gara mandara Daawititti ol in fide.
13Warri sanduuqa kakuu baatan akkuma tarkaanfii ja'a adeemaniin, mootichi korma tokkoo fi tuntunoo tokko aarsaa in dhi'eesse*.
14Daawit dirata fuula duraa isa quncee talbaa irraa hojjetame mudhiitti hidhatee, ulfina Waaqayyootiif of irraa bu'ee in sirba ture*.
15Akkasitti Daawitii fi Israa'eloonni hundinuu sagalee gammachuu, sagalee fiinoos dhageessisaa, sanduuqa kakuu Waaqayyoo ol in fidan.
16Yeroo sanduuqi kakuu Waaqayyoo mandara Daawititti galetti, Mikaal intalli Saa'ol karaa qaawwa manaa gad ilaaltee Daawit mootichi ulfina Waaqayyootiif utaalee utuu sirbuu yommuu argite, garaa isheetti isa in tuffatte.
17Jarri sanduuqa kakuu Waaqayyoo fidanii, dunkaana isa Daawit dhaabe keessa iddoo isaa in kaa'an; kana booddees Daawit, qalma gubamuu fi qalma araaraa Waaqayyoof in dhi'eesse.
18Daawit, qalma gubamuu fi qalma araaraa sana dhi'eessuu erga raawwatee, maqaa Waaqayyo gooftaa maccaatiin jara in eebbise*.
19Yommus inni dhiira, dubartii dha utuu hin jedhin, tokkon tokkon guutummaa namoota Israa'eliif buddeena tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoo fi bixxillee ija waynii tokko tokko in hirsiise; kana booddee namoonni hundinuu mana mana isaaniitti in galan.
20Daawit qe'ee isaa ilaaluudhaaf gara mana isaatti yommuu deebi'e, Mikaal intalli Saa'ol isa simachuudhaaf gad itti baatee, ?Mootiin Israa'el har'a akka nama gatii hin qabnetti, utuu hin qaana'in ija xomboreewwan hojjetoota isaa duratti uffata isaa of irraa fuudhuudhaan ulfina attamii argate!? jetteen.
21Daawit immoo deebisee Mikaaliin, ?Ani ulfina Waaqayyootiif nan sirbe; inni abbaa kee fi sanyii abbaa keetii dhiisee, ani saba isaa Israa'elin akkan geggeessuuf na fo'ate; kanaaf gammadee ulfina Waaqayyootiif nan sirbe.
22Ani kana caalaatti iyyuu of nan salphisa, gad deebi'uu koos ija kootiin nan arga; xomboreewwan ati waa'ee isaanii dubbatte kana biratti garuu, ani ulfina qaba? jedhe.
23Mikaal intalli Saa'ol immoo utuu dhala hin godhatin in duute.