1Daawit mootichi mana mootummaa isaa keessa nagaadhaan in jiraate; Waaqayyos diinota warra naannoo isaa jiran hundumaa isa irraa deebisee boqonnaa in kenneef.
2Daawit gaaf tokko Naataan raajichaan, ?Kunoo, ani mana muka gaatirraatiin ijaarame keessan jiraadha, sanduuqi Waaqayyoo garuu dunkaana keessa jira? jedhe*.
3Kana irratti Naataan immoo mootichaan, ?Waaqayyo sii wajjin waan jiruuf, ati wanta garaa keetti yaadde hundumaa godhi!? jedhe.
4Waaqayyo biraa dubbiin gaafasuma halkan gara Naataan in dhufe*;
5inni, ?Dhaqii garbicha koo Daawitiin, ?Waaqayyo:- mana ani keessa jiraadhu kan anaaf ijaaru sii*?
6Erga bara ani Israa'eloota biyya Gibxii baasee jalqabee hamma ammaatti dunkaanuma keessa jiraachaa, iddoo buufataatii gara iddoo buufataatti darbaan ture malee, mana keessa hin jiraanne*.
7Israa'eloota hundumaa wajjin lafan dhaqe hundumaatti abboota firdii Israa'el warra ani saba koo Israa'elin akka eeganiif abboome keessaa isa tokkoon illee:- muka gaatirraatiin maaliif mana anaaf ijaaruu didde? jedhee beekaa ree?? jedhi? jedheen.
8Waaqayyo itti dabalees, ?Garbicha koo Daawitiin, ?Waaqayyo gooftaan maccaa:- ati saba koo Israa'elin akka geggeessituuf, utuu ati hoolaa eegduun, lafa tikaatii si fudhadhe*.
9Lafa ati dhaqxe hundumaatti sii wajjinan turee, diinota kee hundumaas fuula kee duraa balleesseera; ammas gurguddoota biyya lafaa keessaa akka isa tokkotti akka ati beekamtu nan godha.
10Saba koo Israa'eliif iddoo nan kenna, akka isaan biyya ofii isaanii keessa jiraataniif, deebi'aniis akka isaan hin goolamneef, isaan nan dhaaba; si'achi namoonni jal'oonni akka yeroo duraa sana isaan hin cunqursan.
11Yeroo ani abboota firdii saba koo Israa'eliif kaasee jalqabanii kan hojjechaa turan deebi'anii isaan irratti hin hojjetan; diinota kee hundumaa si irraa eegee akka ati boqottu nan godha; mootummaa sanyii keetiif akkan dhaabu sitti nan beeksisa!
12Barri kee ga'ee yommuu duutu, abboota kee birattis yommuu awwaalamtu, sanyii kee keessaa tokko iddoo kee mootii nan godha; innis warra ati dhalchite keessaa tokko in ta'a; mootummaa isaas nan jabeessa.
13Inni ulfina maqaa kootiif mana qulqullummaa anaaf in ijaara, ani immoo teessoon mootummaa isaa bara baraan jabaatee akka dhaabatu nan godha*.
14Ani abbaa isaaf nan ta'a, innis ilma koo in ta'a; yommuu inni balleessu akka nama ilma isaa adabuutti karaabaadhaan reebee isa nan adaba*.
15Saa'ol isa si dura ture mootummaa irraa buusee, gaarummaa koo akkan irraa deebise, ilma kee sana irraa garuu gaarummaa koo hin deebisu*.
16Manni kee fi mootummaan kee fuula koo dura
17Naataan yommus wanta Waaqayyo mul'ataan isatti dubbate hundumaa Daawititti in hime.
18Yommus Daawit mootichi dunkaana sanduuqi kakuu Waaqayyoo keessa jirutti ol lixee taa'ee,
19Yaa Waaqayyo, kunumti iyyuu si duratti kan ga'u ta'ee mul'achuu dinnaan, sanyiin garbicha keetii gara fuul duraatti maal ta'uuf akka jiru ati dubbatteetta; yaa Waaqayyo gooftaa, kun seera ta'ee warra kaaniifis in hojjetaa?
20Yaa Waaqayyo gooftaa, ati ana garbicha kee beekta, ani waa'ee kanaatiif kana caalaa maal jechuun danda'a ree?
21Dubbii keetiin isa abdachiifteef jettee akka yaada keetiitti wanta guddaa kana gooteetta, ana garbicha keettis beeksifteetta.
22?Yaa Waaqayyo gooftaa, ati attam guddaa dha! Akkuma nuyi gurra keenyaan dhageenyetti iyyuu, kan akka keetii tokko illee hin argamu, si malees Waaqayyo kan biraa hin jiru.
23Saba dhuunfaa kee godhachuudhaaf kan ati furte saba Israa'el malee, sabni kan biraa hin jiru; saba kee warra biyya Gibxii baafte kana duraa saba warra kaan, waaqayyolii tolfamoo isaaniis ariitee baaftee, hojii kee isa guddaa fi sodaachisaadhaan maqaan kee akka beekamu in goote*.
24Yaa Waaqayyo, ati saba kee Israa'eliif Waaqayyo in taate, bara baraanis akka inni saba dhuunfaa kee ta'u in goote*.
25?Ammas yaa Waaqayyo gooftaa, waa'ee ana garbicha keetiitiif, waa'ee sanyii kootiitiifis abdii isa kennite bara baraan cimsi! Wanta abdachiiftes raawwadhu!
26Maqaan kee bara baraan guddaa haa ta'u! Yommus namoonni, ?Gooftaan maccaa Israa'el irratti Waaqayyoo dha!? in jedhu; mootummaan sanyii garbicha kee Daawit jabaatee si dura haa dhaabatu!
27Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, Waaqayyo isa kan Israa'el, ?Mootummaan sanyii ana Daawit garbicha keetii bara baraan jabaatee in dhaabata? jettee mul'inatti waan anatti dubbatteef, ani garbichi kee si kadhachuudhaaf ija-jabina argadheera.
28Yaa Waaqayyo gooftaa! Ati Waaqayyoo dha, dubbiin kee amanamaa dha, ati waan gaarii kanas ana garbicha kee abdachiifteetta*.
29Sanyiin ana garbicha keetii bara baraan itti fufee fuula kee dura akka jiraatuuf, ati isa eebbisuun jaalala kee haa ta'u! Yaa Waaqayyo gooftaa, ati akka dubbattetti, sanyiin ana garbicha keetii eebba keetiin bara baraan haa eebbifamu!? jedhe.