1Addaam, Sheetin dhalche; Sheet, Enoshin dhalche;
2Enosh, Qayinaanin dhalche; Qayinaan, Mahalaleelin dhalche; Mahalaleel, Yaaredin dhalche;
3Yaared, Henokin dhalche; Henok, Matusaalaa dhalche; Matusaalaan, Laamekin dhalche;
4Laamek, Nohin dhalche; Nohi immoo Seemin, Kaamin, Yaafetin dhalche.
5Ilmaan Yaafet, ?Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas? jedhamu.
6Ilmaan Gomer, ?Ashkenaas, Riifaatii fi Togaarmaa? jedhamu.
7Ilmaan Yaawaan, ?Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Rodaaniim? jedhamu.
8Ilmaan Kaam, ?Kuush, Misraayim, Fuxii fi Kana'aan? jedhamu.
9Ilmaan Kuush, ?Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa fi Sabtekaa? jedhamu; ilmaan Ra'imaa, ?Sheebaa fi Dedaan? jedhamu.
10Kuush, Niimrodin dhalche; Niimrod kun biyya lafaa keessatti loltuu jabaa isa duraa ture.
11Misraayim immoo Ludiimin, Anaamiimin, Lehabiimin, Naftuhiimin,
12Fatrusiimin, Kasluhiimin isa warri Filiisxiyaa irraa argamanii fi Kaftoriimin dhalche.
13Kana'aan, Sidoonin dhalche; inni ilma isaa isa angafa ture; itti aansee Heetin,
14Yibusoon, Amooron, Girgaashon,
15Hiiwon, Arqon, Siinon,
16Arwaadon, Simaaroo fi Kamaaton dhalche.
17Ilmaan Seem, Elaam, Ashuur, Arfaaksaad, Lud, Aaram; ilmaan Aaram immoo, Uz, Hul, Geterii fi Meshek.
18Arfaaksaad, Shalaa dhalche; Shalaan immoo Ebeerin dhalche.
19Ebeeriif ilmaan lama in dhalatan; bara inni tokko dhalate lafti waan hirmatameef maqaan isaa ?Feleg? jedhame; [?Feleg? jechuun, ?Hiramuu? jechuu dha;] maqaan obboleessa isaa immoo Yoqxaan ture.
20Yoqxaan ilmaan in dhalche; isaanis, Almodaad, Sheleef, Hasarmaawet, Yaaraa,
21Hadoraam, Uzaal, Diqilaa,
22Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa,
23Ofiir, Hawiilaa fi Yobaab turan; isaan kun hundinuu ilmaan Yoqxaan turan.
24Dhaloonni Seemii hamma Abraamitti lakkaa'aman kanatti fufanii jiru; Seem, Arfaaksaad, Shalaa,
25Ebeer, Feleg, Re'uu,
26Seruug, Naahor, Taaraa,
27Abraam, innis isa booddee ?Abrahaam? jedhamee dha.
28Ilmaan Abrahaam, Yisihaqii fi Ishmaa'el turan.
29Hiddi dhaloota isaanii kanatti fufee kan jiruu dha; ilmi Ishmaa'el inni angafni Nabaayot, warri booddee immoo Qedaar, Adbii'el, Miibsaam,
30Miishmaa, Dumaa, Maasaa, Hadaad, Temaa,
31Yetuur, Nafiishii fi Qedimaa turan; isaan kun ilmaan Ishmaa'el.
32Ilmaan Abrahaam warri Qexuuraa saajjatoo isaa irraa dhalataniif immoo Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishbaakii fi Shuwaa turan; ilmaan Yokshaan, Sheebaa fi Dedaan.
33Ilmaan Miidiyaan, Efaa, Efer, Henok, Abiidaa fi Elda'aa turan; isaan kun ijoollee warra Qexuuraan hortee dha.
34Abrahaam, Yisihaqin dhalche; ilmaan Yisihaq, Esaawuu fi Yaaqoob; Yaaqoob kun isa booddee ?Israa'el? jedhamee ture.
35Ilmaan Esaawuu immoo Eliifaaz, Reu'el, Ye'ush, Yaa'alamii fi Qoraahi turan.
36Ilmaan Eliifaaz, Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataam, Qenaz, Tiimnaa fi Amaaleq turan.
37Ilmaan Reu'el, Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miizaa turan.
38Ilmaan Se'iir, Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, Diishon, Ezerii fi Diishaan turan.
39Ilmaan Loxaan, Hoorii fi Hemaam turan; obboleettiin Loxaan immoo Tiimnaa turte.
40Ilmaan Shobaal, Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam; ilmaan Zibe'on, Ayyaa fi Aannaa;
41ilmi Aannaa, Diishon; ilmaan Diishon immoo Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan turan.
42Ilmaan Ezer, Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan turan; ilmaan Diishaan, Uzii fi Aaraan.
43Namni mootii ta'ee warra Israa'el irratti mo'u utuu hin argamin, mootonni biyya Edoom irratti mo'an kanatti fufanii in lakkaa'amu; Bel'aa ilma Be'or isa maqaan mandara isaatii Diinhaabaa ture.
44Yeroo Bel'aan du'e, Yobaab ilma Zeraa nama biyya Bozraatu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.
45Yeroo Yobaab du'e, Hushaam nama biyya Temaantu iddoo isaa bu'e.
46Yeroo Hushaam du'e, Hadaad ilma Bedad isa biyya Mo'aabitti warra Miidiyaan harka jala galfatetu iddoo isaa bu'e; maqaan mandara isaa immoo ?Awiit? jedhama.
47Yeroo Hadaad du'e, Saamlaa nama biyya Masreqaatu iddoo isaa bu'e.
48Yeroo Saamlaan du'e, Shaawul nama biyya Rehobot isa laga Efraaxiis biraatu iddoo isaa bu'e.
49Yeroo Shaawul du'e, Ba'aal-Hanaan ilma Akbortu iddoo isaa bu'e.
50Yeroo Ba'aal-Hanaan du'e, Hadaadtu iddoo isaa bu'e; maqaan mandara isaatii Phaayi, maqaan haadha manaa isaatiis Mahexaabi'el, isheen intala Maxired akkoo Mezahab turte.
51Hadaadis in du'e; warri Edoomitti abboota gosaa ta'an warra kanatti aananii jiranii dha; isaanis Tiimnaa, Alwaa, Yetet,
52Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon,
53Qenaz, Temaan, Miibzaar,
54Magdii'elii fi Iraam; isaan kun abboota gosa Edoom turan.