Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 10:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1Baras Filisxeemonni Israa'eloota in lolan; namoonni Israa'elis fuula isaanii duraa utuu baqatanii baay'een tulluu Giilbo'aa irratti waraanamanii in dhuman.

2Filisxeemonni Saa'olii fi ilmaan isaa duukaa ba'anii ari'anii ilmaan isaa sadan, Yonaataanin, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa billaadhaan in ajjeesan.

3Lolli kun Saa'ol irratti in cime; warri iddaadhaan xiyya darbatan yommuu isa argatanitti isa in madeessan.

4Saa'ol yommus namicha isa mi'a lolaa baatuuf sanaan, ?Warri dhagna hin qabatin kun dhufanii akka anatti hin taphannetti, ati billaa kee luqqifadhuutii na ajjeesi!? jedhe; namichi mi'a lolaa baatuuf sun garuu baay'ee waan sodaateef, kana gochuu hin barbaanne; yommus Saa'ol billaa ofii isaatii fudhatee itti of in dire.

5Namichi mi'a lolaa isaaf baatu sun immoo, du'uu Saa'ol yommuu arge ofii isaatii billaa isaatti of diree in du'e.

6Akkasitti Saa'olii fi ilmaan isaa sadan wal duukaa in dhuman, qe'een isaas in bade.

7Israa'eloonni dachaa sana keessa jiran, loltoonni isaanii akka baqatan, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhuman yommuu argan, isaanis mandaroota isaanii dhiisanii in baqatan; Filisxeemonni immoo dhufanii mandaroota sana in qabatan.

8Borumtaa isaa Filisxeemonni warra ajjeesan sana irraa mi'a yaafachuu dhaqanii, reeffa Saa'olii fi reeffa ilmaan isaatii tulluu Giilbo'aa irratti in argan.

9Yommus uffata Saa'ol irraa yaafatanii, mataa isaa irraa muranii, mi'a lolaa isaa wajjin fudhatanii waaqayyolii tolfamoo isaanii fi saba isaaniitti oduu gaarii kana himuudhaaf biyya isaanii keessa in naannessan.

10Mi'a lolaa isaa galma waaqayyolii isaanii keessa in kaa'an; mataa isaa immoo galma Daagon Waaqayyo tolfamaa isaanii keessa in rarraasan.

11Namoonni mandara Yaabesh-Giil'aad keessaa, wanta Filisxeemonni Saa'ol irratti hojjetan hundumaa yommuu dhaga'an,

12loltoonni isaanii warri jajjaboonni dhaqanii, reeffa Saa'olii fi reeffa ilmaan isaa fuudhanii, gara Yaabesh fidanii qilxuu jalatti awwaalanii guyyaa torbaaf in sooman.

13Saa'ol Waaqayyoof amanamuu waan dideef in du'e; inni eker-dubbiftuu barbaadee gaafatate malee, dubbii Waaqayyoof hin abboomamne*.

14Inni Waaqayyoon gaafatachuu hin barbaanne; kanaaf Waaqayyo isa ajjeesee, mootummaa isaa Daawit ilma Iseyitti in dabarse.[41]

/footer>