Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 11:1-47 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddee Israa'eloonni guutummaatti Kebroonitti Daawit biratti walitti qabamanii, ?Kunoo, nuyi dhiiga kee ti, foon kee tis.

2Yeroo darbetti, utuma Saa'ol mootii ta'ee jiruu iyyuu, Israa'eloota gara duulaatti bobbaasee kan galchu si ture; Waaqayyo gooftaan kees, ?Saba koo Israa'elin situ geggeessa, situ isaan bulchas? siin jedheera? ittiin jedhan.

3Jaarsoliin Israa'el hundinuu Kebroonitti Daawit mooticha bira yommuu dhufan, Daawit isaanii wajjin fuula Waaqayyoo duratti kakaadhaan walii gale; akkuma Waaqayyo karaa Saamu'el dubbatee turettis, isaan Israa'el irratti mootii akka inni ta'uuf isa in diban*.[42]

4Yommus Daawitii fi Israa'eloonni hundinuu gara mandara Yerusaalem isa ?Yibus? jedhamaa turetti in duulan; innis biyya warri Yibusootaa keessa jiraatan ture.

5Namoonni Yibusis Daawitiin, ?Ati asitti hin galtu!? jedhan; Daawit garuu masaraa Xiyoon in qabate; isheenis ishee ?Mandara Daawit? jedhamtee beekamtee dha.

6Daawit yommus, ?Namni duraan dursee Yibusoota rukutu angafa ajajaa waraanaa in ta'a? jedhe; kana irratti Yo'aab inni Zeruyaan deesse duraan dursee dhaqee isaan rukutee, ajajaa in ta'e.

7Yommus Daawit masaraa sana qabatee keessa in jiraate; kanaaf ?Mandara Daawit? jedhamtee waamamte.

8Inni lafa ?Miiloo? jedhamuu kaasee masarichatti naannessee mandara in ijaare; Yo'aab immoo mandara isa hin haareffamin hafe deebisee in haaresse.

9Waaqayyo gooftaan maccaa isaa wajjin waan tureef, Daawit ittuma fufee jabaachaa in adeeme.

10Loltoota Daawit keessaa warri angafoota loltoota jajjaboo ta'an, warri Israa'eloota hundumaa wajjin akkuma Waaqayyo dubbatetti, Daawit guutummaa biyyichaa irratti akka mo'uuf mootummaa isaa jabeessaa turan kanatti fufanii kan jiranii dha.

11Lakkoobsi gootota Daawit kanatti aanee kan jiruu dha; Yaashobi'aam Hakmontichi dura-buutuu warra soddommanii ti; inni eeboo isaa butatee ala tokkotti namoota dhibba sadii in fixe.

12Isatti aanee immoo Ele'azaar ilma Dodoo isa Ahohichaa ti; inni loltoota jajjaboo sadan keessaa isa tokko.

13Inni yeroo warri Filisxeem lolaaf Phasdamiimitti walitti qabamanitti Daawitii wajjin achi ture; yommuu namoonni Israa'el warra Filisxeem duraa baqachuu jalqabanitti inni maasii garbuu baay'een irra jiru keessa ture.

14Innii fi namoonni isaa maasii sana keessa iddoo qabatanii warra Filisxeem in rukutan; yommus Waaqayyo mo'icha guddaa isaaniif in kenne.

15Kutanni loltuu warra Filisxeem dachaa Refaa'iim keessa buufatee utuu jiruu, dura-buutota soddomman keessaa sadii Daawit bira gara kattaa isa holqa Adulaamitti dhi'oo jiru in dhaqan.

16Yommus Daawit masaraa keessa ture, loltoonni Filisxeem immoo Betlihem keessa buufatanii turan.

17Daawit bishaan kajeelee, ?Eenyutu boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru keessaa bishaan dhugaatii buduqsee anaaf fida laata!? jedhe.

18Loltoonni beekamoonni sun sadan buufata loltoota Filisxeemotaa gidduu ba'anii, boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru sana keessaa bishaan buduqsanii, Daawitiif in fidan; Daawit garuu bishaanicha akka kennaatti Waaqayyoof dhangalaase malee, dhuguu hin barbaanne.

19Kanaafis, ?Waaqayyoon koo kana gochuu ana irraa haa fageessu! Jarri kun lubbuu isaanii gurguranii waan fidaniif, ani immoo dhiiga namoota lubbuu isaanii gurguranii bishaan kana fidanii dhuguu ree?? jedhe; isaan lubbuu isaanii qubaan of keessatti gad qabaa waan fidaniif Daawit bishaanicha dhuguu hin barbaanne; wanti loltoonni jajjaboonni sadan kun godhan kana ture.

20Abiishaayi obboleessi Yo'aab immoo dura-buutuu warra sadan sanaa ture; innis eeboo isaa butatee namoota dhibba sadii in fixe, warra sadan keessattis maqaa in godhate.

21Inni warra hafan sadan keessaa caalaatti ulfina guddaa waan qabuuf, ajajjuu isaanii in ta'e; haa ta'u iyyuu malee, akka warra kaanii beekama hin turre.

22Benaayaan ilmi Yihoyaadaa namni biyya Kabzii'el, loltuu jabaadhaa fi nama hojii gurguddaa hojjete ture; inni namoota Mo'aab warra akka leencaa lama in ajjeese; gaaf tokkos cabbii keessa boolla tokko keessa lixee leenca tokko ajjeeseera.

23Nama biyya Gibxii hojjaan isaa dhundhuma shan dheeratu tokkos ajjeeseera; namichi Gibxii kun eeboo somaan isaa hamma muka wayya-dhooftuun wayyaa isa dha'e itti maru furdatuu in qabata ture; Benaayaan immoo ulee qabatee bira ga'ee eeboo isaa harka isaa keessaa butee, isumaan namicha Gibxii sana in ajjeese.

24Benaayaan ilmi Yihoyaadaa kana gochuu isaatiin loltoota jajjaboo sana sadan biratti beekamaa in ta'e*.

25Kanaanis inni warra soddomman sana keessatti baay'ee ulfina in argate, garuu akka warra kaan sadanii beekamaa hin turre; Daawit immoo warra isa eegan irratti gaafatamaa isa in godhate.[43]

26Loltoota keessaa jagnoonni jajjaboonni kanatti aananii kan jiranii dha; isaanis Asaahel obboleessa Yo'aab, Elhaanaa ilma Dodoo Betlihemichaa,

27Shaamoot Haroricha, Helez Phelonicha*,

28Iiraa ilma Iiqish Teqo'ichaa, Abii'ezer Anaatoticha,

29Siibekaayi Hushicha, Iilaayi Ahohicha,

30Maharaayi Netofaaticha, Heled ilma Ba'anaa Netofaatichaa;

31sanyii Benyaamiin keessaa Iitaayi ilma Riibaayi Giibe'aahichaa, Benaayaa Phiiraatonicha.

32Dachaa Ga'aash keessaa Huraayi, Abii'el Aarbataahicha,

33Azmaawet Baharumicha, Eliyaabaa Sha'albonicha;

34ilmaan Haashem Giizonichaa, Yonaataan ilma Shaagee Haraarichaa,

35Ahii'aam ilma Saakaar Haraarichaa, Eliifaal ilma Ur,

36Hefer Mekeraaticha, Ahiiyaa Phelonicha,

37Hezroo Qarmelosicha, Na'araayi ilma Ezbaayi,

38Yo'el obboleessa Naataan, Miibhaar ilma Hagrii,

39Zeleq Amoonicha, Naharaayi Berooticha isa mi'a lolaa Yo'aab baatu, Yo'aab kana Zeruyaatu da'e;

40Iiraa Yaatiricha, Gaareb Yaatiricha,

41Uriiyaa Heeticha, Zaabaad ilma Ahilaayi,

42Adiinaa ilma Shiizaa Ruubenichaa isa gosa Ruubeniif, loltoota soddomman isaa wajjin turaniifis dura-buutuu turee dha.

43Haanaan ilma Ma'akaa, Yoshaafaax Miitaanicha,

44Uziiyaa Ashteraaticha, Shaamaa'ii fi Yei'el ilmaan Hotaam Aro'erichaa,

45Yediyaa'elii fi obboleessa isaa Yohaa ilmaan Shiimrii Tiizaahichaa,

46Elii'el Mahawaaticha, Yeriibaayii fi Yoshaabiyaa ilmaan Elnaa'aam, Iitmaa Mo'aabicha,

47Elii'el, Obedii fi Yaa'aasii'el Mezoobicha turan.[44]

/footer>