Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 12:1-40 GAZB1997 - Bible AI

1Daawit fuula Saa'ol ilma Qiish duraa dhokatee Siiqlaag keessa taa'ee utuu jiruu, loltoota bebbeekamoo keessaa duula keessatti kan isa gargaaran gara isaa in dhufan; isaanis kanatti fufanii kan jiranii dha;

2jarri kun gosa Benyaamiin keessaa aantii Saa'ol, warra iddaa qabatanii harka bitaa fi harka mirgaatiin xiyya darbachuuf furuursaadhaan akeekkatanii dhagaa darbachuu beekan turan.

3Dura-buutonni isaanii Ahii'ezerii fi Yo'aash ilmaan Shemaa'aa Giibe'aatichaa ti; Yezii'elii fi Phelex ilmaan Azmaawet; Beraakaa, Yehuu Anaatoticha,

4Ishmaa'iyaa Giibe'onicha isa warra soddomman keessaa loltuu jabaa fi dura-buutuu isaanii ture; Ermiyaas, Yaahazii'el, Yohaannaan, Yozaabaad isa Gederaaticha,

5Eluzaayi, Yeriimoot, Belaayaa, Shemaariyaa akkasumas Shefaaxiyaa isa Haruuficha;

6Elqaanaa, Yeshiiyaa, Azaarel, Yo'ezerii fi Yaashaabe'aam isa Qoraahicha;

7Yo'elaa fi Zebaadiyaa ilmaan Yerohaam isa Gedoor.

8Gosa Gaadi keessaas loltoonni jagnoonni jajjaboonni, lolaaf qophaa'an, gaachanaa fi eeboo qabannaatti kan beekan, iji isaanii akka ija leencaa kan nama sodaachisu, collumni isaanii akka kuruphee tulluu irraa kan ta'e cabsatanii masaraa isaa isa lafa onaa keessaatti Daawit bira in dhufan.

9Dura-buutota isaanii keessaa, Ezer tokkoffaa dha; Obaadiyaan lammaffaa dha, Eliiyaab sadaffaa dha,

10Miishmanaan afuraffaa dha, Ermiyaas shanaffaa dha,

11Ataayi ja'affaa dha, Elii'el torbaffaa dha,

12Yohaannaan saddeettaffaa dha, Elzaabaad salgaffaa dha,

13Ermiyaas kurnafaa dha, Maakbaanaayi kudha tokkoffaa dha.

14Isaan kun angafoota loltuu gosa Gaadi turan; angafummaa isaaniitiinis inni hundumaa keessaa xinnaan angafa dhibbaa, inni hundumaa keessaa guddaan immoo angafa kumaa ture.

15Warri ji'a isa jalqabaa keessa yeroo Yordaanos guutee manii isaa irra danbali'utti ce'anii warra Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu fi gara lixa-biiftuutiin dachaa keessa jiraatan hundumaa ari'an isaan kana turan.

16Akkasuma immoo sanyii Benyaamiinii fi gosa Yihudaa keessaa jarri tokko Daawit bira gara masaraa isaatii in dhufan.

17Daawit gara isaaniitti gad ba'ee, ?Isin nagaadhaaf, ana gargaaruudhaafis gara koo dhuftan yoo ta'e, ani ofitti isin dabalachuudhaaf qophaa'aa dha; utuu ani humnaan isin irratti hin ka'in, isin dabarsitanii diina kootti na kennuudhaaf gara koo dhuftan yoo ta'e garuu, Waaqayyo inni kan abboota keenyaa haa ilaalu, isinitti haa faradus!? isaaniin jedhe.

18Yommus Amaasaayi angafni jagnoota sanaa hafuura gooftichaatiin geggeeffamee, ?Waaqayyo kee waan si gargaaruuf, yaa Daawit nuyi kan kee ti, nagaan siif haa ta'u! Yaa ilma Iseyi, nuyi gara kee ti, nagaan siif haa ta'u! Warra si gargaaraniifis nagaan haa ta'u!? jedheen. Kana irratti Daawit immoo isaan fudhatee gurmuu angafoota loltoota isaatiitti isaan in dabalate.

19Daawit Filisxeemotaa wajjin Saa'ol mooticha loluu yommuu dhaqe, gosa Minaasee keessaa jarri tokko cabsatanii gara isaa in dhaqan; haa ta'u iyyuu malee Daawitii fi namoonni isaa warra Filisxeem hin gargaarre; kanaaf bulchitoonni Filisxeemotaa, ?Daawit, nu galaafatee Saa'ol gooftaa isaatti in deebi'a ta'a!? jedhanii, waan sodaataniif, mari'atanii achii isa in adeemsisan.

20Daawit yeroo Siiqlaagin dhaqetti gosa Minaasee keessaa, angafoonni kumaa Adnaa, Yozaabaad, Yediyaa'el, Mikaa'el, Yozaabaad, Eliihuu fi Ziiletaayi kan jedhaman cabsatanii isatti in galan*.

21Isaan kun loltoota jajjaboo waan turaniif, loltoota isaa keessattis ajajjuu ta'anii, loltoota warra isatti duulan loluudhaan Daawitin in gargaaran.

22Guyyuma guyyaatti namoonni isa gargaaruudhaaf loltoota isaatti in dabalamuuf turan; akkasitti inni kutata loltoota macca jabaa in godhate.[45]

23Lakkoobsi angafoota namoota warra lolaaf hidhatanii, akkuma Waaqayyo dubbatetti mootummaa Saa'ol mootichaa isatti dabarsuudhaaf Kebroonitti gara Daawit dhufanii kanatti aanee jira.

24Sanyii Yihudaa keessaa warri gaachanaa fi eeboo qabatanii lolaaf qophaa'an, namoota kuma ja'aa fi dhibba saddeet turan.

25Sanyii Shimi'oon keessaa, loltoonni jajjaboonni lolaaf qophaa'an, namoota kuma torbaa fi dhibba tokko turan.

26Sanyii Lewwii keessaa, namoota kuma afurii fi dhibba ja'a.

27Akkasumas qomoo Aaron keessaa, Yehoyaadaa isuma dura-buutuu wajjin, namoota kuma sadii fi dhibba torba.

28Kana malees Zaadoq isa dargaggeessa goota jabaa turee fi namoota mana abbaa isaatii angafoota digdamii lama turan.

29Sanyii Benyaamiin, aantii Saa'ol keessaa, namoota kuma sadii, sanyii isaa keessaa garri caalaan hamma har'aatti iyyuu Saa'oliif amanamoo turan.

30Sanyii Efreem keessaa loltoonni jajjaboonni mana mana abbaa isaaniittis beekamoonni kuma digdamaa fi dhibba saddeet.

31Walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo dhufanii Daawitin moosisuudhaaf maqaa dha'amanii kan fo'aman, namoota kuma kudha saddeet turan.

32Sanyii Yisaakor keessaa yericha kan hubatan, Israa'elis maal gochuun akka ta'uuf warri beekan, aantii isaanii warra ajaja isaanii jala jiran hundumaa wajjin angafoota dhibba lama turan.

33Sanyii Zebuloon keessaa, loltoonni mi'a lolaa hundumaatti baranii lolaaf qophaa'an, warri garaa tokkichaan isa gargaaruudhaaf dhufan, namoota kuma shantama.

34Sanyii Niftaalem keessaa, angafoota kuma tokko, isaan kana malees warri gaachanaa fi eeboo qabatan namoota kuma soddomii torba turan.

35Sanyii Daan keessaa lolaaf kan qophaa'an, namoota kuma digdamii saddeetii fi dhibba ja'a.

36Sanyii Asheer keessaa namoonni lolatti baranii duulaaf qophaa'an kuma afurtama.

37Gosoota Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jiran, Ruuben, Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa mi'a lolaa hundumaa kan hidhatan namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma digdama turan.

38Loltoonni lolaaf qophaa'an kun hundinuu garaa guutuudhaan Daawitin guutummaa Israa'el irratti moosisuudhaaf gara Kebroon in dhufan; namoonni Israa'el warri hafanis Daawitin mootii godhachuudhaaf garaan isaanii tokko ture.

39Namoonni kun wanta obboloonni isaanii qopheessaniif nyaachaa, dhugaa guyyaa sadiif achi Daawit bira in turan.

40Biyya Israa'elitti yeroo gammachuu waan ta'eef, namoonni kutaawwan biyya naannoo sanaa jiran, darbees hamma biyya Yisaakor, biyya Zebuloonii fi biyya Niftaalem ga'utti warri jiran buddeena, nyaata daakuu ba'eessa irraa qopheeffame, bixxillee harbuu, bixxillee ija waynii, daadhii waynii, dhadhaa ejersaa sonaan baay'ee harrootatti, gaalotatti, gaangolii fi sangootatti fe'anii akkasumas sangootaa fi hoolota fidanii in dhufan.

/footer>