Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 15:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Daawit mandara ofii isaatii keessatti mana erga ijaarratee booddee, sanduuqa kakuu Waaqayyootiif iddoo qopheessee, dunkaana in dhaabsiseef.

2Yommus Daawit, ?Waaqayyo, sanduuqa kakuu isaatii akka baataniif, bara baraanis isaaf akka hojjetaniif, Lewwoota waan fo'ateef, isaan malee namni tokko illee sanduuqa kakuu Waaqayyoo hin baatu? jedhe*.

3Daawit yommus sanduuqa kakuu Waaqayyoo sana gara iddoo isaaf qopheessetti fiduudhaaf Israa'eloota hundumaa Yerusaalemitti walitti in qabe.

4Akkasumas sanyii Aaronii fi warra Lewwootaa walitti in waame.[48]

5Isaanis qomoo Qehaat keessaa, Urii'el isa geggeessituu fi obboloota isaa nama dhibbaa fi digdama,

6qomoo Meraarii keessaa, Asaayaa isa geggeessituu fi obboloota isaa nama dhibba lamaa fi digdama,

7qomoo Gershoom keessaa, Yo'el isa geggeessituu fi obboloota isaa nama dhibbaa fi soddoma,

8qomoo Eliizaafaan keessaa, Shemaa'iyaa isa geggeessituu fi obboloota isaa nama dhibba lama,

9qomoo Kebroon keessaa, Elii'el isa geggeessituu fi obboloota isaa nama saddeettama,

10qomoo Uzii'el keessaa, Aminaadaab isa geggeessituu fi obboloota isaa nama dhibbaa fi kudha lama turan.

11Daawit kana booddee luboota lama Zaadoqii fi Abiyaataarin akkasumas Lewwoota ja'a, Urii'el, Asaayaa, Yo'el, Shemaa'iyaa, Elii'elii fi Aminaadaabin ol waamee,

12?Isin dura-buutota abboota qomoo Lewwootaa ti; ammas sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa Israa'el gara iddoo ani isaaf qopheessetti fiduudhaaf, ofii keessanii fi obboloota keessan akka seeraatti qulleessaa!

13Si'a duraa isin nuu wajjin achi waan hin turiniif, nuyis akka abboommii isaatiitti waan isa hin barbaaddatiniif, Waaqayyo dheekkamsa isaa nu irratti in bobeesse? jedhee isaanitti in dubbate.

14Kana irratti luboonnii fi Lewwoonni, sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa Israa'el ol geessuudhaaf, akka seeraatti of in qulleessan.

15Museen akka dubbii Waaqayyootti akkuma abboometti, warri Lewwootaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo sana danqaraadhaan gatiittii isaaniitti in baatan*.[49]

16Itti dabalees Daawit, dura-buutonni Lewwootaa, namoota mi'a faarfannaatiin, maseenqoodhaan, kiraaraan, sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuunis geggeeffamanii, faarfannaa nama gammachiisu faarfatan obboloota isaanii keessaa akka fo'aniif in abboome*.

17Warri Lewwootaas Hemaan ilma Yo'el, aantii isaa keessaa immoo Asaaf ilma Berekiiyaa, aantii isaanii Meraarota keessaa Etaan ilma Qushaayaa in fo'an*.

18Itti aantota isaanii immoo obboloota isaanii keessaa in fo'an; warri fo'amanis, Zakaariyaas, Yaa'azii'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Unii, Eliiyaab, Benaayaa, Ma'aseyaa, Matiitiyaa, Eliifelehuu, Miiqneyaa akkasumas Obed-Edoomii fi Yei'el warra karra eeganii dha.

19Warra mi'aan faarfatan keessaa Hemaan, Asaafii fi Etaan sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasu in dhageessisu turan.

20Zakaariyaas, Azii'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Uniin, Eliiyaab, Ma'aseyaanii fi Benaayaan, maseenqoo akka sagalee durbootaa isa ol ka'aatti in rukutu.

21Matiitiyaan, Eliifelehuun, Miiqneyaan, Obed-Edoom, Yei'elii fi Azaziiyaan immoo qooqa maseenqoo toora saddeettaffaatiin in geggeessu;

22Kenanyaan Lewwiichi dura-buutuun warra faarfatootaa itti gaafatamaa faarfannaa ti; inni itti beekaa isaa waan ta'eef, faarfannaa in barsiisa ture.

23Berekiiyaanii fi Elqaanaan eegduu balbala sanduuqa kakuu turan.

24Shebaaniyaan, Yoshaafaax, Nataani'el, Amaasaayi, Zakaariyaas, Benaayaan fi Elii'ezer warri luboonni, fuula sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti fiingee in afuufu; Obed-Edoomii fi Yehiiyaan immoo eegduu balbala sanduuqa kakuu turan.[50]

25Yommus Daawit, jaarsoliin Israa'elii fi angafoonni kumaa, sanduuqa kakuu Waaqayyoo mana Obed-Edoomii fiduudhaaf gammachuudhaan in dhaqan.

26Lewwoota warra sanduuqa kakuu isaatii sana baachaa turan Waaqayyo waan gargaareef, isaan tuntunoota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa in dhi'eessan.

27Daawit gaafas akka Lewwoota warra sanduuqa kakuu baatanii, akka faarfatootaa fi akka Kenanyaa isa itti gaafatamaa faarfatootaa, uffata quncee talbaa ba'eessa irraa hojjetame in uffata ture; itti dabalees, dirata fuula duraa isa quncee talbaa irraa hojjetame in dirata ture.

28Akkasitti Israa'eloonni hundinuu wacaa, sagalee faaggaa, sagalee fiinoo, sagalee fiingee, kan sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuu, sagalee kiraaraa fi maseenqoo dhageessisaa, sanduuqa kakuu Waaqayyoo ol in fidan.

29Yeroo sanduuqi kakuu Waaqayyoo mandara Daawititti galetti, Mikaal intalli Saa'ol karaa qaawwa manaa gad ilaaltee, Daawit mootichi gammadee utaalee utuu sirbuu yommuu argite, garaa isheetti isa in tuffatte.

/footer>