Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 16:1-43 GAZB1997 - Bible AI
1Jarri sanduuqa kakuu Waaqayyoo fidanii, dunkaana isa Daawit dhaabeef keessa in kaa'an; kana booddees, qalma gubamuu fi qalma araaraa Waaqayyoof in dhi'eessan.
2Daawitis qalma gubamuu fi qalma araaraa sana dhi'eessuu erga raawwatee, maqaa Waaqayyootiin jara in eebbise.
3Dhiira, dubartii dha utuu hin jedhin, tokkon tokkon namoota Israa'eliif buddeena tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoof bixxillee ija waynii tokko tokko in hirsiise.
4Daawit warra Lewwootaa keessaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti, gaarummaa Waaqayyo gooftaa Israa'el kan yaadachiisan, kan isa galateeffatanii fi kan isa jajatan hojii hojii isaanii irra in dhaabe.
5Dura-buutuun jara kanaa Asaaf, itti aanaan dura-buutuu immoo Zakaariyaas ture; warri maseenqoodhaa fi kiraaraan faarfatan, Yei'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Obed-Edoomii fi Yei'el turan; Asaaf sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasu in dhageessisa ture*.
6Benaayaanii fi Yaahazii'el luboonni warri fiingee afuufan yeroo hundumaa fiingee baadhatanii sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti in argamu.[51]
7Faarfannaan galata Waaqayyoo inni Daawit gaafas Asaafii fi Lewwoota akka isaatiitti kenne, kanatti fufee kan jiruu dha;
8Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa!Gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa!
34Waaqayyo gaarii waan ta'eef,araarri isaas bara baraan waan jiraatuuf,isa galateeffadhaa*!
35Isin, ?Nuyi maqaa keeisa qulqulluu akka galateeffannuuf,warra si jajatan ta'uu keenyaafisakka of himnuuf,yaa Waaqayyo fayyisaa keenyaa,ati nu oolchi,saba lafa irraa harkaa nu baasi,walittis nu sassaabi!? jedhaatiiisa kadhadhaa!
36Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el,bara baraa hamma bara baraatti haa galateeffamu!Yommus namoonni hundinuu, ?Ameen!Waaqayyoof galanni haa ta'u!? jedhan*.[55]