Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 17:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Daawit mana mootummaa isaa keessa erga takka jiraatee, gaaf tokko Naataan raajicha waamsisee, ?Kunoo, ani mana muka gaattiraatiin ijaarame keessan jiraadha, sanduuqi kakuu Waaqayyoo garuu golgaa akka dunkaanaa jala jira? jedhe.

2Naataan immoo, ?Waaqayyo sii wajjin waan jiruuf, ati wanta garaa keetti yaadde hundumaa godhi!? jedhee Daawitiif deebii in kenne.

3Dubbiin Waaqayyoo gaafasuma halkan gara Naataan dhufee,

4?Dhaqiitii garbicha koo Daawitiin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Mana ani keessa jiraadhu kan anaaf ijaaru si miti!

5Erga bara ani Israa'elin biyya Gibxii baasee jalqabee hamma ammaatti dunkaanuma keessa jiraachaa, iddoo buufataatii gara iddoo buufataatti darbaan ture malee, mana keessa hin jiraanne.

6Israa'eloota hundumaa wajjin lafan dhaqe hundumaatti, abboota firdii Israa'el warra ani saba koo akka eeganiif abboome keessaa isa tokkoon illee:- Muka gaattiraatiin maaliif mana anaaf ijaaruu didde? jedhee beekaa ree?

7? ?Amma immoo wanta ani Waaqayyo gooftaan maccaa jedhu garbicha koo Daawititti dubbadhu:- Ati saba koo Israa'elin akka geggeessituuf utuu ati hoolaa eegduun lafa tikaatii si fudhadhe.

8Lafa ati dhaqxe hundumaatti sii wajjinan ture, diinota kee hundumaas fuula kee duraa balleesseera; ammas gurguddoota biyya lafaa keessaa akka isa tokkootti akka ati beekamtu nan godha.

9Saba koo Israa'eliif iddoo nan kenna, akka isaan biyya ofii isaanii keessa jiraataniif deebi'aniis akka isaan hin goolamneef, isaan nan dhaaba; si'achi namoonni jal'oonni akka yeroo duraa sana isaan hin cunqursan.

10Yeroo ani abboota firdii saba koo Israa'eliif kaasee jalqabanii kan hojjechaa turan deebi'anii isaan irratti hin hojjetan; ani diinota kee gad nan deebisa; mootummaa sanyii keetii jabeessee akkan dhaabu sitti nan beeksisa!

11Barri kee ga'ee yommuu duutu, abboota kee birattis yommuu awwaalamtu sanyii kee keessaa tokko iddoo kee mootii nan godha, innis ilmaan kee keessaa tokko in ta'a; mootummaa isaas nan jabeessa.

12Inni mana qulqullummaa anaaf in ijaara, ani immoo teessoon isaa bara baraan jabaatee akka dhaabatu nan godha*.[58]

13Ani abbaa isaaf nan ta'a, inni immoo ilma koo in ta'a; mootii isa si dura ture irraa gaarummaa koo akkan deebise, ilma kee sana irraa garuu gaarummaa koo hin deebisu;

14inni saba koo irratti, mootummaa koo irrattis bara baraan jabaatee akka dhaabatu nan godha, teessoon isaas bara baraan jabaatee in jiraata? jedhi!? jedhe.

15Naataan immoo dubbii mul'ata kanaa guutummaatti Daawititti in hime.

16Yommus Daawit mootichi dunkaana sanduuqi kakuu Waaqayyoo keessa jirutti ol lixee taa'ee, ?Yaa Waaqayyo gooftaa, ani, eenyu? Sanyiin koo eenyu iyyuu ati iddoo kanaan na geesse?

17Yaa Waaqayyo kunumti iyyuu si duratti kan ga'u ta'ee mul'achuu dinnaan sanyiin garbicha keetii gara fuula duraatti maal ta'uuf akka jiru ati dubbatteetta; yaa Waaqayyo gooftaa, akka waan ani nama hundumaa caalaatti ulfina qabuutti na ilaalteetta.

18?Atoo ana garbicha kee beekta, waa'ee ulfina ati ana garbicha keef laatteef kana caalaa maal jechuun danda'a ree?

19Yaa Waaqayyo, garbicha keetiif jettee akka yaada keetiitti wanta guddaa kana gooteetta, abdii guddaa kanas beeksifteetta.

20?Yaa Waaqayyo, akkuma nuyi gurra keenyaan dhageenyetti iyyuu kan akka keetii tokko illee hin argamu, si malees Waaqayyo kan biraa hin jiru*.[59]

21Saba dhuunfaa kee godhachuuf kan ati furte saba Israa'el malee, sabni kan biraa hin jiru; saba kee warra biyya Gibxii baafte kana duraa saba warra kaan ariitee baaftee, hojii kee isa guddaa fi sodaachisaadhaan maqaan kee akka beekamu in goote.

22Yaa Waaqayyo, ati saba kee Israa'eliif Waaqayyo in taate, bara baraanis saba dhuunfaa kee isa in godhatte.

23?Ammas yaa Waaqayyo, waa'ee ana garbicha keetiitiif, waa'ee sanyii kootiitiifis abdiin ati kennite bara baraan jabaatee haa dhaabatu! Wanta na abdachiiftes raawwadhu!

24Guddinni maqaa keetii bara baraan akka beekamutti dubbiin ati abdachiifte kun jabaatee haa dhaabatu! Yommus namoonni, ?Gooftaan maccaa, gooftichi Israa'el, inni Waaqayyo isa kan Israa'el!? in jedhu; mootummaan sanyii ana Daawit garbicha keetii jabaatee si dura haa dhaabatu!

25?Yaa Waaqayyo koo, mootummaan sanyii ana garbicha keetii bara baraan jabaatee akka dhaabatu mul'ataan waan anatti dubbatteef, si kadhachuudhaaf ija-jabina argadheera.

26Yaa Waaqayyo, ati gooftaa dha! Abdii dinqisiisaa kanas ana garbicha keetiif kenniteetta.

27Sanyiin ana garbicha keetii bara baraan itti fufee fuula kee dura akka jiraatuuf, ati isa eebbisuu jaallatteetta; yaa Waaqayyo, ati waan isa eebbifteef, inni bara baraan eebbifamaa in ta'a? jedhe*.[60]

/footer>