Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 18:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddee immoo Daawit mootichi Filisxeemota rukutee harka isaa jala galfatee, mandara Gaatii fi gandeewwan naannoo ishee jiran harka isaanii keessaa in baase.

2Akkasumas immoo Mo'aabota lolee in mo'e; Mo'aabonnis harka isaa jala galanii gabbara in fidaniif.

3Daawit itti fufees Hadaad-Ezer mootiin Zobaa biyya laga Efraaxiis bukkee jiru harka isaa jala galfachuudhaaf dhaqaa utuu jiruu Haamaatitti isa rukutee,

4konkolaattota isaa kuma tokko, abbootii fardeenii isaa kuma torbaa fi loltoota warra lafoo kuma digdama in booji'e; fardeen konkolaattota harkisan dhibba tokko duwwaa hambisee, fardeen warra hafan hundumaa morgaa kukkutee in naafise.

5Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo keessa jiraatan Hadaad-Ezer mootii Zobaa gargaaruudhaaf in dhufan; Daawit immoo isaan keessaa namoota kuma digdamii lama rukutee in ajjeese.

6Biyya isaanii keessas loltoota in kaa'ate, warri Sooriyaas isatti bulanii gabbara in geessuuf turan; Waaqayyo yommus lafa Daawit dhaqe hundumaatti mo'icha in kenneef.

7Daawit gaachanoota warqee eegdonni Hadaad-Ezer baatan irraa fudhatee, gara Yerusaalem in fide.

8Akkasumas immoo mandaroota Hadaad-Ezer ?Xibhaatii fi Chuun? warra jedhaman keessaa sibiila borrajjii baay'ee isaa fudhatee in adeeme; Solomoon mootichi sibiila kanaan gaanii bishaanii, utubootaa fi mi'a garaa garaa mana qulqullummaatiif in hojjete*.[61]

9To'uun mootiin Haamaatti, akka Daawit guutummaa loltoota Hadaad-Ezer mootii Zobaa mo'e yommuu dhaga'e,

10isa innumti iyyuu ofii isaatii yeroo baay'ee lolaa ture sana mo'uu isaatiif isa dubbisee gammaduufiif ilma isaa Hadoraamin Daawit mootichatti in erge; Hadoraamis kennaa mi'a garaa garaa, warqee irraa, meetii fi sibiila borrajjii irraa hojjetaman geesseefii in dhaqe.

11Daawit mootichi mi'a kanas immoo meetii fi warqee isa saba Edoom, saba Mo'aab, saba Amoon, saba Filiisxiyaa fi saba Amaaleq yommuu booji'ee fudhatee wajjin hojii mana qulqullummaatiif Waaqayyoof addaan in baase.

12Akkasuma immoo Abiishaayi inni haati isaa ?Zeruyaa? jedhamtu dachaa soogiddaa keessatti namoota Edoom keessaa kuma kudha saddeet in ajjeese.

13Biyya Edoom keessas loltoota in kaa'ate; warri Edoomis guutummaatti Daawititti in bulan; Waaqayyos lafa Daawit dhaqe hundumaatti mo'icha isaaf in kenne.

14Daawit guutummaa Israa'el irratti mootii ta'ee, saba isaa hundumaaf firdii qajeelaa in kenna, qajeelummaadhaanis in bulcha ture.

15Yo'aab inni Zeruyaan deesse, ajajaa humna waraanaa ture; Yoshaafaax ilmi Ahiilud immoo itti gaafatamaa caaffata mana mootummaa ture.

16Zaadoq ilmi Ahiixubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Shaafshaan immoo caafaa ture*.

17Benaayaan ilmi Yehoyaadaa itti gaafatamaa kutata loltoota mooticha eeganii ture; ilmaan Daawit immoo hojii mootummaa isaatii keessatti iddoo ol aanu qabu turan.[62]

/footer>