Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 19:1-19 GAZB1997 - Bible AI

1Takka ture Nahaash mootiin Amoonotaa duunaan ilmi isaa iddoo abbaa isaatii mootii ta'e*.

2Kana irratti Daawit, ?Nahaash abbaan isaa gaarummaa waan anatti argisiiseef, anis ilma isaa Hanuunitti gaarummaa nan argisiisa? jedhee, waa'ee du'uu abbaa isaatiif akka isa jajjabeessaniif namoota itti in erge; namoonni Daawit erge Hanuunin jajjabeessuudhaaf gara biyya Amoon yeroo dhufan garuu,

3gurguddoonni biyya Amoon immoo Hanuun mootichaan, ?Daawit namoota ergee si jajjabeessuu isaatiin abbaa keetiif ulfina kennuu isaa sitti fakkaataa? Namoonni isaa kun biyyattii keessa baranii mootummaa kee gara galchuudhaaf gaaduu dhufan mitii ree?? jedhan.

4Yommus Hanuun namoota Daawit erge sana qabsiisee, areeda irraa haadchise, uffata isaanii mudaamuddiitti irraa cirsiisee isaan in ari'e.

5Jarreen tokko dhaqanii waa'ee namoota kanaa Daawititti himnaan, Daawit immoo sababii yeelloon guddaan namoota sana irra ga'eef, hamma areedni isaanii bibbiqilee guddatuufitti Yerikoo turanii booddee akka galaniif dhaamsa isaanitti in erge.[63]

6Hanuunii fi warri Amoonotaa Daawitiin akka of jibbisiisan yommuu hubatan, Aaram Naharaayim, Aaram Ma'akaa fi Zobaa irraa konkolaattotaa fi warra konkolaataa oofan dugda bitachuudhaaf meetii kuntaala dhibba sadii fi afurtama miijanu in ergan.

7Meetii kanaan konkolaattota kuma soddomii lamaa fi warra konkolaataa oofan akkasumas Ma'akaa mootichaa fi loltoota isaa dugda in bitatan; isaanis dhufanii fuullee Medebaa in buufatan; warri Amoonotaas mandaroota isaanii keessaa ba'anii walitti qabamanii lolaaf in qophaa'an.

8Daawit immoo kana yommuu dhaga'e, loltoota lola danda'an hundumaa wajjin Yo'aabin in erge.

9Warri Amoonotaa gad itti ba'anii karra mandara isaanii duratti loltoota isaanii toora in galfatan; mootonni warri isaan gargaaruudhaaf dhufan immoo kophaa isaanii bakkee keessa iddoo in qabatan.

10Yo'aab fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan loltoonni akka isatti qophaa'an yommuu arge, loltoota Israa'el keessaa warra caalan fo'ee, warra Aaram rukutuudhaaf toora in galfate.

11Warra kaan immoo obboleessi isaa Abiishaayi akka abboomu in godhe; isaanis Amoonota loluudhaaf toora in galan.

12Yommus Yo'aab, ?Warri Aaram kun yoo anatti jabaatan, isin ana in gargaartu; warri Amoonotaa yoo isinitti jabaatan garuu ani isin nan gargaara.

13Jabaadhaa! Kottaa, saba keenyaaf, mandaroota Waaqayyo keenyaatiifis jabaannee in lolla! Waaqayyo immoo waan isa duratti gaarii ta'e in hojjeta? isaaniin jedhe.

14Yommus Yo'aabii fi loltoonni isaa warra Aaram loluudhaaf itti in qajeelan; warri Aaram garuu isaan duraa in baqatan.

15Warri Aaram Yo'aab duraa baqachuu isaanii warri Amoonotaa yommuu argan, isaanis immoo Abiishaayi obboleessa Yo'aab duraa baqatanii mandarattiitti ol in nam'an; kana irratti Yo'aab mandara Yerusaalemitti deebi'ee in gale.

16Warri Aaram Israa'elootaan akka mo'aman yommuu argan, erganii qomoo isaanii warra laga Efraaxiis gama jiran in waammatan; Shofaak ajajaan loltoota Hadaad-Ezer immoo isaan in geggeessa ture.

17Daawit kana yommuu dhaga'e, loltoota Israa'el hundumaa walitti qabatee Yordaanosin in ce'e; achumaan gara isaaniitti qajeelee loltoota isaa fuullee isaaniitiin toora in galfate; yeroo inni gara isaaniitti dhi'aatettis warri diinota isaatii isa in lolan.

18Haa ta'u iyyuu malee, warri Aaram Israa'eloota duraa in baqatan; achi keessatti Daawit warra konkolaataa Aaram oofan kuma torba, lafoo kuma afurtama akkasumas ajajaa loltoota isaanii Shofaakin in ajjeese.

19Warri harka Hadaad-Ezer jala jiran Israa'elootaan akka mo'aman yommuu argan, Daawitin araara gaafatanii isatti in bulan; yeroo sanaa jalqabanii warri Aaram Amoonota gargaaruutti hin deebine.

/footer>