1Ilmaan Yaaqoob isa ?Israa'el? jedhamee, kanatti aananii kan jiranii dha; Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon,
2Daan, Yoseef, Benyaamiin, Niftaalem, Gaadi, Asheer*.
3Ilmaan Yihudaa, Eer, Onaanii fi Shelaa; isaan kana sadan ?Baat-Shuwaa? kan jedhamtu durba Kana'aantu da'eef; Eer ilmi Yihudaa inni angafni Waaqayyo duratti nama jal'aa ture; kanaaf Waaqayyo isa in ajjeese*.
4Taamaar haati manaa ilma isaatii immoo Faaresii fi Zaaraa in deesseef; akkasitti Yihudaan walumatti ilmaan shan in godhate*.
5Ilmaan Faares, Hezronii fi Hamul*.
6Ilmaan Zaaraa, Ziimrii, Etaan, Hemaan, Kalkoolii fi Dardaa; isaan walumatti shan turan.
7Ilmi Karmii, Akaan isa wanta raawwatee balleeffamuun irra ture fudhachuudhaan Israa'el irratti rakkina fidee dha*.
8Ilmi Etaan, Azaariyaa ture.
9Ilmaan Hezron, Yeraami'el, Raamii fi Kaaleb
10Raam, Aminaadaabin dhalche; Aminaadaab, Nahishoonin isa geggeessituu gosa Yihudaa dhalche*.
11Nahishoon, Salmooniin dhalche; Salmoon
12Boaz, Obedin dhalche; Obed, Iseyin dhalche;
13Isey immoo ilmaan torba dhalche; inni angafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abinaadaab, inni sadaffaan Shimi'aa,
14inni afuraffaan Naataani'el, inni shanaffaan Raadaayi,
15inni ja'affaan Ozeem, inni torbaffaan Daawit*.
16Obboleettonni isaanii immoo Zeruyaa fi Abigaayil; ilmaan Zeruyaa sadan Abiishaayi, Yo'aabii fi Asaa'el turan.
17Abigaayil immoo Amaasaa in deesse; abbaan isaa ?Yeter? kan jedhamu nama sanyii Ishmaa'el*.
18Kaaleb ilmi Hezron haadha manaa isaa Azubaa fi Yerii'ot irraa ilmaan in godhate; ilmaan ishees Yesher, Shobaabii fi Ardoon*.
19Azubaan erga duutee immoo Kaaleb dubartii ?Efraat? jedhamtu tokko in fuudhe; isheenis ilma in deesseef; maqaa isaas Huuritti in moggaasan.
20Huur Urin dhalche; Ur immoo Bazaali'elin in dhalche*.
21Kana booddee Hezron intala Maakiir abbaa Giil'aad in fuudhe; inni yeroo ishee fuudhe nama waggaa jaatamaa ture; isheen Seguubin in deesseef.
22Seguubis, Yaa'iirin in dhalche; Yaa'iir kun isa biyya Giil'aad keessaa mandaroota digdamii sadii qaba turee dha.
23Geshuurii fi Aaram garuu Hawoot-Yaa'iirin, Qenaatiinis gandeewwan naannoo ishee jiranii wajjin mandaroota jaatama irraa in fudhatan; isaan kun hundinuu kan sanyii Maakiir abbaa Giil'aad turan*.
24Hezron, Kaaleb-Efraataatti erga du'ee booddee, Abiyaan haati manaa isaa Ashuurin abbaa biyya Teqo'aa in deesseef.
25Yeraami'el ilmi Hezron inni angafni ilmaan ja'a qaba; ilmi isaa inni angafni Raam, warri kaan immoo Bunaa, Oreen, Ozeemii fi Ahiiyaa dha.
26Yeraami'el kun haadha manaa ?Ataaraa? jedhamtu tokkos qaba ture; isheen immoo Onaamin deesse.
27Raam ilmi Yeraami'el inni angafni ilmaan sadii qaba; isaanis, Maa'aaz, Yaamiinii fi Eker.
28Ilmaan Onaam, Shaamaayii fi Yaadaa dha; ilmaan Shaamaayi, Naadaabii fi Abiishur.
29Maqaan haadha manaa Abiishur immoo Abiihaayil ture; isheen Ahibaanii fi Moliidin in deesseef.
30Ilmaan Naadaab immoo Seleedii fi Aphaayim; Seleed dhala utuu hin godhatin in du'e.
31Aphaayim, Yishii dhalche; Yishiin, Sheshaanin dhalche; Sheshaan immoo Ahilaayin dhalche.
32Ilmaan Yaadaa obboleessa Shaamaayi, Yeterii fi Yonaataan; Yeter dhala utuu hin godhatin in du'e.
33Ilmaan Yonaataan, Pheletii fi Zaazaa dha; isaan kun sanyii Yeraami'el turan.
34Sheshaan ijoollee durbaa malee, ijoollee dhiiraa hin qabu ture; nama biyya Gibxii ?Yarhaa? kan jedhamu hojjetaa tokko immoo qaba ture.
35Inni Yarhaa hojjetaa isaa kanatti intala isaa in heerumsiise; isheenis Ataayin in deesseef.
36Ataayi, Naataanin dhalche; Naataan immoo Zaabaadin dhalche.
37Zaabaad, Eflaalin dhalche; Eflaal, Obedin dhalche;
38Obed, Yehuu dhalche; Yehuun, Azaariyaa dhalche;
39Azaariyaan, Helezin dhalche; Helez, El'aasaa dhalche;
40El'aasaan, Siismaayin dhalche; Siismaayi, Shaalumin dhalche;
41Shaalum, Yeqaamiyaa dhalche; Yeqaamiyaan, Eliishaamaa dhalche.
42Ilmaan Kaaleb obboleessa Yeraami'el kanatti aananii kan jiranii dha; Meshaa isa angafa isa mandara Ziif ijaaree fi Mareshaa isa mandara Kebroon ijaare turan*.
43Ilmaan Kebroon, Qoraahi, Taaphuwaa, Reqemii fi Shemaa dha.
44Shemaan, Raahamin dhalche; Raaham, Yorqe'aamin dhalche; Reqem, Shaamaayin dhalche.
45Shaamaayi abbaa Maa'on; Maa'on immoo abbaa Betzuur;
46Kaaleb saajjatoo ?Efaa? jedhamtu tokko qaba ture; isheen Haaraanin, Mozaa fi Gaazezin in deesseef; Haaraanis immoo ilma godhatee, maqaa isaa Gaazezitti in moggaase.
47Ilmaan Yaahidaayi, Regem, Yotaam, Geshaan, Phelet, Efaa fi Sha'aaf turan.
48Ma'akaan saajjatoon Kaaleb isheen kaan, Sheberii fi Tirhaanaa in deesseef.
49Akkasumas Sha'aaf abbaa Madmaanaa fi Shewaa, abbaa Makbenaa fi Giibe'aa isheetu da'e; intalli Kaaleb immoo Aksaa turte*.
50Sanyiin Kaaleb warra kanatti aananii jiranii dha; Kaaleb haadha manaa isaa Efraataa irraa jalqaba kan inni godhate Huur; ilmaan Huur Shobaal isa mandara Kiriiyat-Ya'ariimin ijaare,
51Salmoon isa mandara Betlihem ijaaree fi, Haareef isa mandara Betgaader ijaare turan.
52Shobaal inni Kiriiyat-Ya'ariimin ijaare ilmaan kan biraas qaba ture; isaanis Haro'ehii fi walakkaa Menuhoototaa turan.
53Qomoon Kiriiyat-Ya'ariim immoo Yetroota, Phutoota, Shumaatotaa fi Miishrota; Zoraatonnii fi Eshtaalonni qomoo warra kanaa ti*.
54Salmoon inni mandara Betlihem ijaare abbaa qomoo Netofaatotaa, abbaa qomoo Atrot-Bet-Yo'aab akkasumas abbaa qomoo Zoraatota warra walakkaa Maanaheetotaa ti.
55Qomoon caaftotaa warri biyya Yaabez keessa jiraatan immoo Traasitoota Shime'aatota, Sukaatota; isaan kun Qenoota warra Hemaat abbaa qomoo Rekaab*.