Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 20:1-8 GAZB1997 - Bible AI

1Birraa yeroo itti mootonni lolaaf ba'anitti, Yo'aab loltoota fudhatee ba'ee, biyya Amoon balleessee, darbee mandara Raabaatti immoo marsee, rukutees lafatti ishee in dabale; Daawit garuu mandara Yerusaalem keessatti in hafe.

2Daawit yommus dhaqee gonfoo Miilkom Waaqayyo tolfamaa isaanii isa warqee dhagaa gati-jabeessa of keessaa qabu irraa hojjetamee, kiilo graamii soddomii afur kan miijanu fudhatee mataa isaa irra in kaa'ate; akkasumas mandarattii keessaa wanta sonaan baay'ee in booji'e.

3Namoota mandarattii sana keessa turan immoo gad yaasee, haamtuu mukaatiin, billaa fi qottoodhaan in kukkuchiise; Daawit wanta akkasii kana warra mandaroota Amoonotaa keessa jiraatan hundumaa irratti erga hojjechiisee booddee, guutummaa loltoota isaa wajjin gara Yerusaalemitti in deebi'e.

4Takka turanii immoo sabni Israa'el Filisxeemotaa wajjin Gezer iddoo jedhamutti ammas wal rukutuu in jalqaban; yommus Siibekaayi Hushaatichi namicha ?Siiphaayi? jedhamu isa sanyii warra Refaa'otaa keessaa ture tokko in ajjeese; sanyiin isaas in yeellaasifaman.

5Ammas immoo lola warra Filisxeemotaa wajjin wal lolan kan biraa keessatti, Elhaanaan ilmi Yaa'iir namicha ?Laahimii? jedhamu obboleessa Goliyaad Gaatichaa isa eeboo somaan isaa hamma muka wayya-dhooftuun wayyaa itti maratu ga'uu qabu in ajjeese*.

6Ammas lola kan biraa Gaatitti ta'e keessa nama baay'ee guddaa, harki isaa lamaanii fi miilli isaa lamaan quba ja'a ja'a, walumatti quba digdamii afur qaban tokkotu ture; innis immoo sanyii warra Refaa'otaa keessaa ture.

7Namichi kun saba Israa'elitti waan ga'iseef, Yonaataan ilmi Shime'aa obbolleessi Daawit isa in ajjeese*.

8Jarreen sadan Daawitii fi loltoota isaatiin Gaatitti ajjeefaman kun sanyii Refaa'otaa keessaa turan.[64]

footer>