Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 21:1-30 GAZB1997 - Bible AI

1Baras Seexanni saba Israa'el irratti dubbii barbaaduudhaaf Daawitin isaanitti tuqatee akka inni isaan lakkaa'u in goosise.

2Daawit kana irratti Yo'aabii fi ajajjoota loltootaatiin, ?Ani lakkoobsa namoota kootii akkan barutti dhaqaatii Bersheebaadhaa hamma Daanitti Israa'eloota lakkaa'aatii, kottaa anatti himaa!? jedhe.

3Yo'aab garuu deebisee, ?Waaqayyo saba isaa dachaa dhibba haa baay'isu! Yaa gooftaa ko, yaa mootii ko, sabni kun harka kee harka gooftaa kootii jala jiru mitii ree? Ati maaliif isaan lakkaa'uu barbaadde? Maaliifis waan yakka ta'e Israa'elitti lakkaa'amu itti fidda?? jedhe*.

4Mootichi abboommiin isaa akka raawwatamuuf waan isa giddisiiseef, Yo'aab guutummaa biyya Israa'el keessa erga adeemee booddee Yerusaalemitti deebi'ee,

5lakkoobsa namoota lolaaf ba'uu danda'anii Daawititti in hime; isaanis warra kumaatama dhibba afurii fi kuma torbaatamman Yihudaa keessaa lakkaa'amanii wajjin guutummaa Israa'el keessaa walumatti namoota millionii tokkoo fi kuma dhibba tokko turan.

6Haa ta'u iyyuu malee, ajaji mootichaa isatti waan hin toliniif, Yo'aab, gosa Lewwii fi gosa Benyaamiin utuu hin lakkaa'in dhiisee in deebi'e.[65]

7Waaqayyos immoo ajaja mootichaa kanatti hin gammanne waan ta'eef, namoota Israa'el in adabe*.

8Daawit yommus Waaqayyoon, ?Ani gowwummaa guddaadhaan wanta akkasii kana gochuu kootiin baay'ee cubbameera; amma garuu cubbuu ana garbicha keetii akka balleessituuf sin kadhadha!? jedhe.

9Waaqayyo immoo Gaadi isa Daawitiif mul'ata argutti dubbatee,

10?Dhaqiitii Daawititti dubbadhuu, ?Waaqayyo:- Ani wanta sadii si dura nan kaa'a, isaan keessaa kanan sitti fidu tokko fo'adhu! siin jedha?? jedhe.

11Kana irratti Gaadi gara Daawit dhaqee, ?Waaqayyo, ?Adaba kanatti fufee maqaa dha'amu keessaa tokko fo'adhu!

12Waggaa sadiif beela sitti fidu moo? Yookiis ji'a sadiif diinni kee biyya keessa adeemee saba kee barbadeessuu moo? Yookiis ergamaan koo guyyaa sadiif billaadhaan yookiis dha'ichaan guutummaa biyya Israa'el keessaa namoota akka balleessu fo'atta?? siin jedha; ammas isa na ergeef deebii akkan kennuufitti murtoo godhii anatti himi!? jedhe.

13Daawit immoo Gaadiif deebisee, ?Ani muddama guddaa keessan jira; ammas araarri Waaqayyoo baay'ee waan ta'eef, harka isaatiin adabamuu anaaf wayya malee, inni harka namootaatti akka ana hin kennineef isa nan kadhadha? jedhe.[66]

14Waaqayyo kana irratti biyya Israa'elitti dha'icha ergee, namoota kuma torbaatama in fixe.

15Akkasuma immoo Yerusaalemin balleessuudhaaf ergamaa isaa itti in erge; utuu inni balleessaa jiruus, Waaqayyo mandarattii ilaalee in gaddeef; ergamichaanis, ?Haa ga'u, harka kee irraa deebisi!? jedhe; yommus ergamichi oobdii midhaanii isa kan Ornaan Yibusichaa bukkee in dhaabata ture.

16Daawit immoo ol ilaalee, ergamaa isa billaa luqqifamee Yerusaalem irratti ol fuudhame harkatti qabatee waaqaa fi lafa gidduu dhaabatu tokko in arge; yeroo sanatti Daawitii fi jaarsoliin uffata gaddaa uffatanii adda isaaniitiin lafatti in gombifaman.

17Achumaanis Daawit mootichi Waaqayyoon, ?Sabni kun akka lakkaa'amuuf anatu abboome mitii? Anatus wanta hamaa godhe; isaan kunoo akka hoolotaa tii, maal godhan ree? Yaa Waaqayyo gooftaa ko, adabni kee anaaf maatii koo irratti haa dhufu malee, dha'ichi kee saba kee irratti akka hafu hin godhin!? jedhe.

18Kana irratti ergamaan Waaqayyoo ?Dhaqiitii Daawitiin, ?Ka'ii ol ba'ii oobdii midhaanii isa kan Ornaan Yibusichaa keessatti iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan ijaari!? jedhi!? jedhee Gaaditti in dubbate.

19Yommus Daawit dubbii Gaadi isa inni maqaa Waaqayyootiin itti dubbateef abboomamee ka'ee ol in ba'e.

20Achi oobdii midhaanii sana keessatti Ornaanii fi ilmaan isaa arfan qamadii siribsiisaa utuu jiranii, gara galanii ergamaa Waaqayyoo in argan; yommus ilmaan isaa sun in dhokatan.

21Kana booddee Daawit gara Ornaan in dhufe; Ornaan yommuu Daawitin arge oobdii sana keessaa ba'ee gara isaatti adeemee hamma lafa ga'utti isaaf in qoomma'e.

22Yommus Daawit immoo Ornaaniin, ?Dha'ichi kun saba kana irraa akka deebi'uuf, iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessanin irratti ijaaraatii oobdii kee kana gatii guutuudhaan anatti gurguradhu!? jedhe.

23Kana irratti Ornaan deebisee Daawitiin, ?Fudhadhu gooftaa ko, waanuma sitti toles hojjedhu! Kunoo, qalma gubamuuf sangoonni kunoo ti! Qoraan qalmichaaf barbaachisuu fi mi'i ittiin midhaan siribsiisan, kennaa midhaaniitiif kan barbaachisu immoo qamadiin kunoo ti! Kana hundumaa nan kenna? jedhe.

24Daawit mootichi garuu deebisee Ornaaniin, ?Lakkii, ani gatii guutuudhaanan si irraa bita malee, kan kee kan ta'e fudhadhee yookiis wantan horii itti hin baasin qalma gubamu godhee Waaqayyoof hin dhi'eessu? jedhe.

25Daawit kana booddee gatii oobdichaa warqee akka kiilo graamii torbaa miijanu Ornaaniif kennee,

26oobdicha keessatti iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan ijaaree, achi irratti qalma gubamuu fi qalma araaraa in dhi'eesse; itti aansees Waaqayyoon in kadhate, Waaqayyos bantii waaqaa irraa iddoo aarsaa qalma gubamuu irratti ibidda gad buusuudhaan deebii isaaf in kenne*.[67]

27Yommus Waaqayyo ergamicha abboomnaan, ergamichis billaa isaa mann'ee isaatti in deebise.

28Yeroo sanatti oobdii midhaanii isa kan Ornaan Yibusichaa keessatti Waaqayyo deebii akka isaaf kenne Daawit yommuu arge, achitti Waaqayyoof aarsaa in dhi'eesse.

29Baras dunkaanni ulfinni Waaqayyoo keessatti mul'atu, inni Museen lafa duwwaa keessatti tolchee fi iddoon aarsaa qalma gubamuu gaara Giibe'on irra turan*.

30Daawit garuu billaa ergamaa Waaqayyoo waan sodaateef, waan Waaqayyo isatti mul'isu iyyaafachuudhaaf iddoo sana dhaquu hin dandeenye.[68]

/footer>