Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 22:1-19 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Daawit, ?Iddoon kun iddoo mana qulqullummaa isa kan Waaqayyo gooftaa in ta'a; iddoon aarsaa, lafti sabni Israa'el itti qalma gubamu dhi'eessanis addana in ta'a? jedhe*.[69]

2Daawit yommus galaa biyya Israa'el keessa jiraatan hundumaa akka walitti qabaniif in abboome; warra walitti qabaman kana keessaa ijaarsa mana qulqullummaatiif namoota dhagaa cabsanii soofanii qopheessan in fo'e*.

3Akkasumas immoo balbala karrawwan dallaa manichaaf cinqaarrii fi wanti ittiin walitti qabsiisan akka irraa hojjetamaniif, sibiila kan biraa baay'ee fi sibiila borrajjii miijanni isaa hammana hin jedhamne in qopheesse.

4Itti dabalees muka gaattiraa lakkoobsi isaa hammana hin jedhamne isa warri Xiirosii fi Sidoonaa gara isaa fidanii turan in qopheesse.

5Yommus Daawit, ?Manni qulqullummaa ijaaramuuf jedhu kun baay'ee guddaa ta'uun, maqaan isaaf miidhaginni isaa saba lafa irraa hundumaa biratti beekamuun in ta'a; Solomoon ilmi koo garuu mucaa wallaalaa waan ta'eef, ani wanta barbaachisu isaaf nan qopheessa? jedhee in yaade; akkuma yaades du'uu isaa fuul dura ijaarsa manichaaf kan barbaachisu wanta baay'ee in qopheesse*.[70]

6Kana booddee ilma isaa Solomoonin waamee, Waaqayyo goofticha Israa'eliif mana qulqullummaa akka inni ijaaru isa in abboome.

7Daawit yommus ilma isaa Solomooniin, ?Yaa ilma ko, ulfina maqaa Waaqayyo goftaa kootiitiif mana qulqullummaa ijaaruun yaada koo keessa ture,

8garuu dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, ?Ati waraana baay'ee waraantee, ija koo duratti lafa irratti dhiiga namoota baay'ee waan dhangalaafteef, ulfina maqaa kootiif mana hin ijaartu.

9Kunoo, ilma siif nan kenna; innis naga-qabeessa in ta'a; diinota isaa warra naannoo isaa jiran hundumaa isa irraa gab godhee nagaa waanan isaaf kennuuf, inni nagaatti in mo'a; bara mootummaa isaa keessa nagaa fi boqonnaa saba Israa'eliif waanan kennuuf, maqaan isaa:- Solomoon in jedhama.

10Ulfina maqaa kootiif mana qulqullummaa kan anaaf ijaaru isa; inni ilma anaaf in ta'a, ani immoo abbaa nan ta'aaf; teessoon mootummaa isaatiis Israa'el irratti bara baraan jabaatee akka dhaabatu nan godha? jedhe*.[71]

11?Egaa yaa ilma ko, Waaqayyo sii wajjin haa ta'u! Waaqayyo gooftaan kee mana qulqullummaa akka isaaf ijaartuuf akkuma dubbatetti, inni siif haa qajeelchu!

12Waaqayyo gooftaan kee saba Israa'el irratti yommuu si moosisu, akka seera isaatti akka ati isaan bulchituuf innumti ogummaa fi hubannaa siif haa kennu!

13Ati seerrataa fi wanta qajeelaa ta'e, isa Waaqayyo karaa Musee saba Israa'el abboome ba'eessa gootee yoo eegde, wanti ati hojjettu wal siif in qixxaata; egaa cimi, ija jabaadhu! Hin sodaatin, hin na'inis*![72]

14?Mana qulqullummaa kana ijaaruudhaaf ani ittuma rakkadhee warqee kiilo graamii millionii sadii fi kumaatama dhibba afur miijanuu fi meetii kiilo graamii millionii soddomii afur miijanu, sibiila borrajjii fi sibiila kan biraa miijanni isaa hammana hin jedhamne akkasumas muka, dhagaas qopheesseera; atis immoo kana irratti dabaluu in dandeessa*.

15Ati namoota dhagaa cabsuu, dhagaa soofuu, muka soofuu beekan baay'ee qabda; akkasumas immoo namoota hojii garaa garaa,

16warqee, meetii, sibiila borrajjii fi sibiila kan biraa hojjechuutti beekaman lakkoobsi isaanii hammana kan hin jedhamne qabda; egaa ka'iitii hojjicha jalqabi! Waaqayyo sii wajjin haa ta'u!? jedhe.[73]

17Daawit yommus gurguddoonni Israa'el hundinuu ilma isaa Solomoonin akka gargaaraniif in abboome.

18Inni isaaniin, ?Waaqayyo gooftaan keessan isinii wajjin jira mitii ree? Inni karaa hundumaa boqonnaa isiniif kenneera mitii ree? Inni saba biyya kana keessa jiraatan harka kootti dabarsee kenneera; isaanis Waaqayyotti, saba isaattis bulaniiru.

19Garaa keessanii fi yaada keessan Waaqayyoon gooftaa keessan barbaaddachuu irra kaa'adhaa! Ka'aatii mana qulqullummaa ijaaruu jalqabaa! Sanduuqa kakuu Waaqayyoo fi mi'a ittiin Waaqayyoof hojjechuuf addaan baafame hundumaa fidaatii mana qulqullummaa isa ulfina maqaa Waaqayyootiif ijaaramu kanatti galchaa!? jedhe.

/footer>