Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 23:1-32 GAZB1997 - Bible AI

1Daawit bara baay'ee jiraatee yommuu dulloome, ilma isaa Solomoonin Israa'el irratti in moosise*.

2Yeroodhuma sana gurguddoota Israa'el hundumaa, lubootaa fi Lewwoota walitti qabee,

3Lewwoota waggaa soddoma yookiis isaa ol ta'an in lakkoobsise; baay'inni isaaniis kuma soddomii saddeet ture*.

4Isaan kana keessaa namoonni kumni digdamii afur, hojii mana qulqullummaa keessaa akka hojjechiisan, namoonni kumni ja'a, kutaa hojii garaa garaa irratti akka abboomaniif, firdii akka kennan,

5namoonni kumni afur karra akka eegan, namoonni kumni afur immoo mi'a faarfannaa inni qopheesseen Waaqayyoof galata akka dhi'eessan in abboome.

6Daawit isaan kana akka balbala Gershoon, Qehaatii fi Meraarii ilmaan Lewwii sadaniitti gargar in hire.[74]

7Gershoon ilmaan lama qaba ture; isaanis, La'adaanii fi Shime'ii jedhamu.

8Ilmaan La'adaan sadan immoo Yehii'el isa angafa, Zetaamii fi Yo'el turan*.

9Ilmaan Shime'ii sadan immoo Shilomoot, Hazii'elii fi Kaaraan; isaan kun dura-buutota qomoo La'adaan turan.

10Ilmaan Shiimii arfan immoo Yaahaat, Ziinaa, Ye'ushii fi Beriyaa dha.

11Yaahaat balbala angafaa, Ziinaan immoo balbala quxisuu yommuu ta'an, Ye'ushii fi Beriyaan garuu ijoollee baay'ee waan hin godhatiniif akka balbala tokkootti in lakkaa'aman.[75]

12Qehaat ilmaan afur qaba ture; isaanis, Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el jedhamu*.

13Ilmaan Amraam immoo Aaronii fi Musee dha; Aaronii fi sanyiin isaa, wanta hundumaa irra qullaa'aa ta'e qulqullinatti eeguuf, Waaqayyoof aarsaa dhi'eessuuf, isaaf hojjechuuf, maqaa isaatiinis namoota eebbisuuf bara baraan addaan in baafaman*.

14Ilmaan Musee nama Waaqayyoo, ilmaan Lewwii gidduutti in lakkaa'aman.

15Museen ilmaan lama qaba ture; isaanis, Gershoomii fi Elii'ezer jedhamu*.

16Ilmaan Gershoom keessaa Shebu'el angafa ture.

17Ijoollee Elii'ezer keessaa Rehaabiyaan angafa ture; Elii'ezer ilma kan biraa hin qabu; Rehaabiyaan garuu ilmaan baay'ee godhate.

18Ilmaan Yizhaar keessaa Shilomiit angafa ture.

19Kebroon ilmaan afur qaba ture; isaanis, Yeriiyaan isa duraa ti, Amaariyaan isa lammaffaa ti, Yaahazii'el isa sadaffaa ti, Yeqaamii'aam isa afuraffaa ti.

20Ilmaan Uzii'el, Miikaa isa angafaa fi Yishiiyaa isa quxisuu dha.[76]

21Meraariin ilmaan lama qaba ture; isaanis, Maahilii fi Mushii jedhamu; Maahiliinis ilmaan lama qaba ture; maqaan isaaniis, Ele'azaarii fi Qiish jedhama*.

22Ele'azaar ijoollee dhiiraa utuu hin godhatin in du'e; inni durba duwwaa qaba ture; isaan kana immoo ilmaan Qiish obboleessa isaatiitu fuudhe.

23Mushiin ilmaan sadii qaba ture; isaanis Maahilii, Ederii fi Yeremoot turan.[77]

24Isaan kun gosa Lewwii warra akka qomoo qomoo isaaniitti, akka balbala balbala abbaa isaaniitti dura-buutota ta'anii adda addaan caafamanii dha; qomoo Lewwii hundumaa keessaa namni waggaa digdamaa yookiis waggaa digdamaa olii adduma addaan hojii mana qulqullummaa keessaa hojjetamu keessaa qooda qaba ture.

25Daawit yommus, ?Waaqayyo gooftaan Israa'el saba isaatiif boqonnaa kenneera, ofii isaatii immoo bara baraan Yerusaalem keessa in jiraata*;

26egaa Lewwoonni si'achi godoo qulqullaa'aa, mi'a godicha keessaa ittiin hojjetan hundumaas baatanii asii fi achi adeemuu isaan hin barbaachisu? jedhe.

27Akka dubbii Daawit isa gara dhumaa sanaatti, Lewwoonni waggaa digdamaa yookiis waggaa digdamaa olii in lakkaa'aman.

28Hojiin isaan kanaas dallaa mana qulqullummaa keessa, kutaawwan garaa garaa manichatti dabalamanii ijaaraman eeguudhaan, hojii kan biraa achi keessaa hojjetamuu barbaachisus hojjechuudhaan, ilmaan Aaron warra luboota warra mana qulqullummaa keessaa hojjetan gargaaruu dha.

29Akkasumas buddeena ilaalchaa qopheessanii gabatee irra kaa'uutti, safara daakuu kennaa midhaaniitiif kennamu, baay'inaa fi gurguddina maxinoo hahaphii fi bixxillee safaramee dhadhaa ejersaatiin sukkuumamee tolfamu hundumaatti gaafatamoo dha.

30Kana malees guyyaa hundumaa ganamaa fi galgala dhaabatanii Waaqayyoon galateeffachuunii fi faarfachuun,

31guyyaa Sanbataatti, guyyaa ayyaana baatiitti, guyyaa ayyaana beekamoottis, yeroodhuma qalmi gubamu dhi'aatutti, akka abboommii isaaniif kennametti lakkoobsi isaanii utuu hin hir'atin fuula Waaqayyoo duratti argamanii hojjechuun isaan irraa kan barbaadamuu dha.

32Akkasitti warri Lewwootaa dunkaana itti wal ga'anii fi iddoo qulqullaa'aa sana keessaa wanta hojjechuuf itti gaafataman in raawwatu; kana malees hojii obboloonni isaanii ilmaan Aaron mana qulqullummaa keessaa hojjetan isaan in gargaaru turan*.[78]

/footer>