1Sanyiin Aaron akka kanatti fufee jirutti hirmamaniiru; Aaron ilmaan afur qaba ture; isaanis, Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar*.
2Naadaabii fi Abiihuun garuu utuu ijoollee hin godhatin abbaa isaanii dura in du'an; Ele'azaarii fi Itaamaar immoo luboota ta'anii in hojjetan*.
3Daawit yommus sanyii Aaron akka akka hojii isaaniitti gargar in hire; kana gochuudhaaf immoo qomoo Ele'azaar keessaa Zaadoq, qomoo Itaamaar keessaa immoo Ahiimelektu isa gargaare*.
4Dhiironni mana mana abbaa isaaniitti dura-buutuu ta'anii waamaman, qomoo Itaamaar caalaa qomoo Ele'azaar keessaa kutata kudha ja'a, qomoo Itaamaar keessaa immoo kutata saddeettu qixaa'e.
5Qomoo lachuu isaanii keessa gurguddoonni mana qulqullummaa keessaa hojjetanii fi, geggeessitoonni hojii hafuuraa waan jiraniif, hunduma isaanii buufata mukaatiin waluma qixxeetti hojii isaanii irra in dhaaban.
6Lafa mootichii fi gurguddoonni biyyaa, Zaadoq lubichii fi Ahiimelek ilmi Abiyaataar, dura-buutonni Lewwootaa fi lubootaa jiranitti, warri qomoo Ele'azaarii fi qomoo Itaamaar keessaa mana mana abbaa isaaniitti dura-buutuu ta'anii waamaman, darabee darabeedhaan buufata mukaa in fudhatan; Shemaa'iyaan ilmi Netaani'el inni caafaan warra Lewwootaa immoo isa kana tarree galchee in caafe.
7Buufanni mukaa inni duraa Yehoyaariibiif, inni lammaffaan Yedaa'iyaaf,
8inni sadaffaan Haariimiif, inni afuraffaan Se'oriimiif,
9inni shanaffaan Malkiiyaaf, inni ja'affaan Miiyaamiiniif,
10inni torbaffaan Haqoziif, inni saddeettaffaan Abiiyaaf,
11inni salgaffaan Yeshu'aaf, inni kurnafaan Shekaaniyaaf,
12inni kudha tokkoffaan Eliyaashiibiif, inni kudha lammaffaan Yaaqiimiif,
13inni kudha sadaffaan Huphaadhaaf, inni kudha afuraffaan Yeshebi'aabiif,
14inni kudha shanaffaan Bilgaaf, inni kudha ja'affaan Iimeriif,
15inni kudha torbaffaan Heziiriif, inni kudha saddeettaffaan Haphiizeziif,
16inni kudha salgaffaan Phetaayaaf, inni digdammaffaan Yihesqeliif,
17inni digdamii tokkoffaan Yaakiiniif, inni digdamii lammaffaan Gaamuliif,
18inni digdamii sadaffaan Delaayaaf, inni digdamii afuraffaan Ma'aaziyaaf in ba'e.
19Jarreen kun akkuma Aaron abaabiliin isaanii abboommii Waaqayyo gooftaa Israa'eliin hojichaaf seera baasee turetti, mana qulqullummaa keessaa hojjechuudhaaf akka akka tarree hojii isaaniitti caafamaniiru*.
20Sanyiin Lewwii warri kaan immoo kanatti fufanii kan jiranii dha; ilmaan Amraam keessaa Shubaa'el, ilmaan Shubaa'el keessaa immoo Yehidiiyaa;
21ilmaan Rehaabiyaa keessaa immoo Yishiiyaan angafa.
22Yizhaarota keessaa Shelomoot, ilmaan Shelomoot keessaa immoo Yaahaat.
23Kebroon ilmaan afur qaba ture; isaanis, Yeriiyaan isa duraa ti, Amaariyaan isa lammaffaa ti, Yaahazii'el isa sadaffaa ti, Yeqaamii'aam isa afuraffaa ti.
24Ilmi Uzii'el Miikaa dha, ilmaan Miikaa keessaa immoo Shaamiir;
25Yishiiyaan obboleessa Miikaa ti; ilmaan Yishiiyaa keessaa immoo Zakaariyaas.
26Meraariin ilmaan lama qaba ture; isaanis, Maahilii fi Mushii dha; Benoon ilma Ya'aziiyaa ti.
27Qomoo Meraarii keessaa ilmaan Ya'aziiyaa Shohaam, Zaakurii fi Ibrii dha.
28Maahiliin ilma ?Ele'azaar? jedhamu tokko qaba ture; Ele'azaar kun immoo dhala hin godhanne.
29Qomoo Qiish keessaa immoo Yeraami'el ilma Qiish.
30Mushiin ilmaan sadii qaba ture; isaanis, Maahilii, Ederii fi Yeriimoot; isaan kun ilmaan Lewwootaa warra akka balbala balbala abboota isaaniitti dura-buutota ta'anii dha*.
31Isaanis akkuma obboloota isaanii sanyii Aaron lafa Daawit mootichi, Zaadoqii fi Ahiimelek dura-buutonni lubootaa fi Lewwootaa jiranitti, dura-buutonni tokkon tokkon maatii isa angafaa hamma isa quxisuutti waluma qixxeetti hojii hojii isaaniitiif buufata mukaa in fudhatan.