Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 25:1-31 GAZB1997 - Bible AI

1Kana irratti Daawit mootichi ajajjuuwwan loltootaa wajjin, qomoo Lewwootaa keessaa ilmaan Asaaf, ilmaan Hemaanii fi ilmaan Yedutuun keessaa namoota kiraaraan, maseenqoodhaa fi sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuun gargaaramanii wanta Waaqayyo isaanitti mul'isu faarfannaadhaan dhageessisan fo'ee addaan in baase; maqaan namoota hojii kanaaf fo'amanii kanatti fufee jira*.

2Ilmaan Asaaf keessaa, Zakur, Yoseef, Nataaniyaa fi Asari'elaa dha; isaan kun geggeessaa Asaaf jalatti yommuu hojjetan, Asaaf immoo geggeessaa Daawit mootichaa jalatti in hojjeta ture.

3Ilmaan Yedutuun keessaa, Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaa'iyaa, Shime'ii, Hashabiiyaa fi Matiitiyaa dha; isaan kun ja'an geggeessaa abbaa isaanii Yedutuun jalatti in hojjetu; abbaan isaanii immoo kiraaraan Waaqayyoon galateeffachuu fi faarfachuudhaan wanta inni isatti mul'isu in dhageessisa ture.

4Ilmaan Hemaan keessaa, Bukiiyaa, Mataaniyaa, Uzii'el, Shebu'el, Yeriimoot, Hanaaniyaa, Hanaanii, Elii'aataa, Gidaaltii, Romamtii-Ezer, Yoshbaqaashaa, Malootii, Hotiirii fi Mahaazi'oot.

5Isaan kun hundinuu ilmaan Hemaan isa mootichaaf mul'ata arguu ti; Waaqayyo ulfina guddaa isaa Hemaaniif kennuuf akkuma abdachiisetti ilmaan kudha afurii fi durboota sadii in kenneef*.[83]

6Namoonni kun hundinuu geggeessaa abbootii isaaniitiin mana qulqullummaa keessatti yeroo sagadaa sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuun, kiraaraa fi maseenqoodhaan in faarfatu; abboonni isaanii Asaaf, Yedutuunii fi Hemaan immoo geggeessaa mootichaatiin in hojjetu turan.

7Namoonni aantiidhuma isaanii wajjin Waaqayyoon faarfachuu mi'a faarfannaatiin barsiifamanii qopheeffaman walumatti dhibba lamaa fi saddeettamii saddeet turan.

8Isaan adduma addaan hojii hojii isaanii baruudhaaf jaarsa yookiis ijoollee, barsiisaa yookiis bartuu utuu hin jedhin, hundumti isaanii waluma qixxeetti buufata mukaa in fudhatan*.[84]

9Buufanni mukaa inni duraa qomoo Asaaf keessaa, Yoseefiif, [ilmaan isaatiif antii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf], inni lammaffaan Gidaaliyaadhaaf, aantii isaatiif, ilmaan isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

10inni sadaffaan Zakuriif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

11inni afuraffaan Izriidhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

12inni shanaffaan Nataaniyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

13inni ja'affaan Bukiiyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

14inni torbaffaan Yeshari'elaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

15inni saddeettaffaan Yeshaa'iyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

16inni salgaffaan Mataniyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

17inni kurnaffaan Shime'iif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

18inni kudha tokkoffaan Azaari'eliif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

19inni kudha lammaffaan Hashabiiyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

20inni kudha sadaffaan Shubaa'eliif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

21inni kudha afuraffaan Matiitiyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

22inni kudha shanaffaan Yeriimootiif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

23inni kudha ja'affaan Hanaaniyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

24inni kudha torbaffaan Yoshbaqaashaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

25inni kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

26inni kudha salgaffaan Malootiif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

27inni digdammaffaan Eliyaataadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

28inni digdamii tokkoffaan Hotiiriif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

29inni digdamii lammaffaan Gidaaltiif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

30inni digdamii sadaffaan Mahaazi'ootiif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

31inni digdamii afuraffaan Romamtii-Ezeriif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf in ba'e.

/footer>