1Warri karrawwan mana qulqullummaa eegan immoo akka kanatti fufee jirutti in hirmaman; Qoraahota keessaa, Meshelemiyaa ilma Qoree ti; inni immoo ilmaan Asaaf keessaa tokko ture*.
2Meshelemiyaan ilmaan torba qaba ture; inni duraa Zakaariyaas, inni lammaffaan Yidiiya'el, inni sadaffaan Zabaadiyaa, inni afuraffaan Yatnii'el,
3inni shanaffaan Elaam, inni ja'affaan Yihohaanaan, inni torbaffaan immoo Elyo'enaayi.
4Obed-Edoom ilmaan saddeet qaba ture; inni duraa Shemaa'iyaa dha, inni lammaffaan Yihozaabaad, inni sadaffaan Yo'aa, inni afuraffaan Saakaar, inni shanaffaan Netaani'el,
5inni ja'affaan Amii'el, inni torbaffaan Yisaakor, inni saddeettaffaan immoo Phe'ultaayi; kanaanis Waaqayyo isa in eebbise*.
6Shemaa'iyaan ilmi isaa inni angafni ilmaan ja'a in godhate; ilmaan isaa kun immoo loltoota jajjaboo waan turaniif, mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota in ta'an.
7Maqaan isaanii kanatti fufee kan jiruu dha; isaanis, Otnii, Refaa'el, Obed, Elzaabaad, Eliihuu fi Semaakiyaa dha; obbolaan Elzaabaad Eliihuunii fi Semaakiyaan jagnoota beekamoo turan.
8Isaan kun hundinuu sanyii Obed-Edoom; isaan, ilmaan isaanii fi aantiin isaanii hundinuu beekamoo, hojichaafis humna-qabeeyyii turan; sanyiin isaa walumatti namoota jaatamii lama.
9Meshelaam ilmaanii fi aantii beekamoo kudha saddeet qaba ture.
10Sanyii Meraarii keessaa, Hosaan ilmaan afur qaba ture; isaan keessaa Shiimriin dura-bu'aa dha; inni angafa hin turre, garuu abbaa isaatu dura-buutuu akka inni ta'u godhe.
11Inni lammaffaan Hilqiiyaa dha, inni sadaffaan Xabaliyaa, inni afuraffaan Zakaariyaas; ilmaan Hosaa fi aantiin isaa walumatti namoota kudha sadii turan.
12Karra eegdonni kun akkuma Lewwoota warra mana qulqullummaa keessaa hojjetaniitti, hojii ofii isaaniitti gaafatamuudhaaf kutata warra mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'aniitti hirmamaniiru.
13Jaarsa, ijoollee dha utuu hin jedhin, akka mana mana abbaa isaaniitti karra isa kam akka eegan buufata mukaatiin in fudhatan.
14Buufanni mukaa sunis Shelemiyaadhaaf karra isa gara ba'a-biiftuu, Zakaariyaas ilma isaa isa nama gorsuudhaaf hubataa ta'e sanaaf immoo karra isa gara bitaa,
15Obed-Edoomiif karra isa gara mirgaa, ilmaan isaatiif immoo mana mi'aa,
16Shuphiimii fi Hosaaf karra isa gara lixa-biiftuu fi karra isa karra ?Sheleket? jedhamu in baase; karri Sheleket kun isa karaa ol ba'u bukkeetti argamuu dha; warri eeganis darabee darabeedhaan in eegu turan.
17Guyyaa guyyaatti kan eegan karaa karra gara ba'a-biiftuu Lewwoota ja'a, karaa karra gara bitaa afur, karaa karra gara mirgaa afur turan; mana mi'aa garuu lama lama ta'anii in eegu turan.
18Cinaacha gara lixa-biiftuutiin karaa isa ijaarsa akka gardaafoo bukkeedhaan ol ba'u irra nama afur, ijaarsicha immoo nama lama ta'anii in eegu turan.
19Sanyii Qoraahii fi Meraarii keessaa kutanni karra eegdotaa isaan kana turan.
20Lewwoota warra hafan keessaa namoonni qabeenya mana qulqullummaaf kennaa addaan baafamee Waaqayyoof dhi'eeffametti gaafataman jiru turan.
21Sanyii Gershoon keessaa, ilmaan La'adaan warri maatii qomoo La'adaan Gershoonichaa keessatti dura-buutota ta'an kanatti fufanii jiru; isaanis, Yehii'elii fi ilmaan isaa ti.
22Ilmaan Yehii'elii, Zetaamii fi Yo'el obboleessa isaa warra qabeenya mana qulqullummaatti gaafatamoo turanii dha*.
23Sanyii Amraam, sanyii Yizhaar, sanyii Kebroonii fi sanyii Uzii'el keessaa namoonni hojii kana irra dhaabamaniiru.
24Sanyii Gershoom ilma Musee keessaa Shubaa'el itti gaafatamaa qabeenya mana qulqullummaa ture.
25Karaa Elii'ezer aantii isaatii Shelomiit Ziikrii, Ziikrii Yoraam, Yoraam Yishaa'iyaa, Yishaa'iyaa Rehaabiyaa, Rehaabiyaa Elii'ezer aantii isaa ture.
26Shelomiit kunii fi aantiiwwan isaa mi'a Daawit mootichi, dura-buutuun qomoo, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa fi abboonni humna waraanaa Waaqayyoof addaan baasan hundumaatti gaafatamoo turan.
27Isaan mi'a yeroo duulaa saamame irraa, mana qulqullummaa ittiin haaressuudhaaf addaan in baasan.
28Kanaaf mi'i garaa garaa hundinuu, mi'a Saamu'el ilaaltichi, Saa'ol ilmi Qiish, Abneer ilmi Neerii fi Yo'aab inni Zeruyaan deesse hojii mana qulqullummaatiif addaan baasan eegumsa Shelomiitii fi aantii isaa jala turan.
29Sanyii Yizhaar keessaa, Kenaanyaa fi ilmaan isaa immoo hojii mana qulqullummaa keessaa utuu hin ta'in, namoota Israa'el akka gamteessaniif, firdiis akka kennaniif hojii irra in dhaabaman.
30Sanyii Kebroon keessaa, Hashabiiyaa fi aantiin isaa namoonni kumni tokkoo fi dhibbi torba hojii Waaqayyoo hundumaa fi hojii mootii hojjechuu kan danda'an, kutaa biyya Israa'el isa laga Yordaanos irraa gara lixa-biiftuu jiru irratti aboo in argatan.
31Akka hidda dhaloota maatii isaaniitti sanyii Kebroon keessaa, Yeriiyaan dura-buutuu ture; Daawit mo'ee waggaa afurtammaffaa isaatti qorannaan yommuu godhame sanyii Kebroon keessaa loltoonni jajjaboonni biyya Giil'aad mandara Yaazer keessatti in argaman.
32Daawit mootichi hojii isaanitti kenname hojjechuu kan danda'an, mana mana abbaa isaaniitti dura-bu'oo kan ta'an, aantii Yeriiyaa keessaa namoota kuma lamaa fi dhibba torba hojii irra in dhaabe; jarreen kun kutaa biyya Ruuben, kutaa biyya Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee keessatti hojii Waaqayyoof hojii mootii akka hojjetaniif aboo in argatan.