1Israa'eloonni mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'an, angafoonni kumaa, angafoonni dhibbaa, warri isaan gamteessanis kutata waraanaa keessatti mootummaa kanaaf in hojjetu; kutanni waraanaa tokkon tokkon isaa namoota kuma digdamii afur of keessaa qabu kun waggaa keessatti ji'a tokko tokko hojjechuudhaaf, kutanni inni haaraan yommuu dhufu inni hojjete immoo in gala ture; tarreen geggeessitoota isaaniis kanatti fufee jira.
2Yaashobi'aam ilmi Zabdii'el, kutata waraanaa isa jalqabaa isa ji'a duraatti hojjetu irratti ajajaa ture; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
3Inni sanyii Faares keessaa dhalate; angafoota loltuu kutata waraanaa isa ji'a duraatti hojjetu irratti immoo ajajaa ture.
4Dodaayi Ahohichi, kutata waraanaa isa ji'a lammaffaatti hojjetu irratti ajajaa ture; Miiklot immoo itti aanaa geggeessaa kutata waraanichaa isa namoota kuma digdamii afur of keessaa qabu ture.
5Benaayaan ilmi Yehoyaadaa luba isa angafaa, kutata waraanaa isa sadaffaa isa ji'a sadaffaatti hojjetu irratti ajajaa ture; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture*.
6Benaayaan kun gootota soddomman keessaa dura-buutuu jabaa dha; ilmi isaa Amiizaabaad immoo kutata waraanaa isa kan abbaa isaatiitti ajajaa ture.
7Kan isa afuraffaa isa ji'a afuraffaatti hojjetuu immoo Asaahel obboleessa Yo'aab; ilmi isaa Zebaadiyaan iddoo isaa in bu'e; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
8Shaamhut Yizraahichi, kutata shanaffaa isa ji'a shanaffaatti hojjetu irratti ajajaa dha; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
9Kan isa ja'affaa isa ji'a ja'affaatti hojjetuu, Iiraa ilma Iqesh nama Teqo'aa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
10Kan isa torbaffaa isa ji'a torbaffaatti hojjetuu, Helez sanyii Efreem nama Phelon; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
11Kan isa saddeettaffaa isa ji'a saddeettaffaatti hojjetuu, Siibekaayi Zaraa'icha nama Hushaa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
12Kan isa salgaffaa isa ji'a salgaffaatti hojjetuu, Abii'ezer nama Anaatot sanyii Benyaamiin; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
13Kan isa kurnaffaa isa ji'a kurnaffaatti hojjetuu, Maharaayi Zaraa'icha nama Netofaa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
14Kan isa kudha tokkoffaa isa ji'a kudha tokkoffaatti hojjetuu, Benaayaa nama Phiiraaton sanyii Efreem; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
15Kan kutata isa kudha lammaffaa isa ji'a kudha lammaffaatti hojjetuu, Heldaayi nama Netofaa ti sanyii Otnii'el; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
16Geggeessitoonni gosoota Israa'el kanatti fufanii jiru; gosa Ruuben kan geggeessu, Elii'ezer ilma Ziikrii ti; gosa Shimi'oon kan geggeessu, Shefaaxiyaa ilma Ma'akaa ti.
17Gosa Lewwii kan geggeessu, Hashabiiyaa ilma Qemu'el; qomoo Aaron kan geggeessu, Zaadoq.
18Gosa Yihudaa kan geggeessu, Eliihuu obboleessa Daawit; gosa Yisaakor kan geggeessu, Omrii ilma Mikaa'el.
19Gosa Zebuloon kan geggeessu, Yishmaa'iyaa ilma Obadiyaa ti; gosa Niftaalem kan geggeessu, Yeriimoot ilma Azrii'el.
20Gosa Efreem kan geggeessu, Hoshe'aa ilma Azaziyaa ti; walakkaa gosa Minaasee kan geggeessu, Yo'el ilma Phedaayaa ti.
21Walakkaa gosa Minaasee isa Giil'aad keessaa kan geggeessu, Iddoo ilma Zakaariyaas; gosa Benyaamiin kan geggeessu, Ya'asii'el ilma Abneer.
22Gosa Daan kan geggeessu, Azaarel ilma Yerohaam; isaan kun geggeessitoota gosoota Israa'el turan.
23Waaqayyo, ?Saba Israa'el akka urjoota waaqa keessaa nan baay'isa? jedhee waan abdachiiseef, Daawit namoota waggaa digdamaa fi digdamaa gadii hin lakkoofsifne*.
24Yo'aab inni Zeruyaan deesse namoota lakkaa'uu jalqabee ture, garuu hin raawwanne; sababii namoota lakkoobsisuu isaa kanaaf dheekkamsi saba Israa'el irratti dhufee ture; lakkoobsi namootaas macaafa seenaa Daawit mootichaa keessatti hin caafamne*.
25Azmaawet ilmi Adii'el, itti gaafatamaa qabeenya mana mootummaa ti; Yonaataan ilmi Uziiyaa immoo itti gaafatamaa qabeenya biyya keessaa, qabeenya mandaroota keessaa, qabeenya gandeen keessaa fi masaraa keessaa ture.
26Ezriin ilmi Keluub itti gaafatamaa namoota warra maasii qopheessanii qotiisa qotanii ti.
27Shime'iin Raamaatichi itti gaafatamaa dhaabaa waynii ti; Zabdiin namni Shiifmii immoo itti gaafatamaa cuunfaa waynii dhaabaa waynii keessatti kuufamuu ti.
28Ba'aal-Hanaan Gederichi, itti gaafatamaa muka ejersaa fi muka harbuu dachaa keessaa ture; Yo'aash immoo itti gafatamaa dhadhaa ejersaa walitti kuufamuu ti.
29Shiitraayi namni Shaaron, itti gaafatamaa saawwan Shaaron keessa dheedanii ti; Shaafaax ilmi Adlaayim itti gaafatamaa saawwan warra dachaawwan keessa dheedanii ti.
30Obiil Ishmaa'elichi, eegduu gaalotaa ti; Yehidiyaan namni Meronoot, itti gaafatamaa warra harroota horsiisanii ture.
31Yaaziiz Hagirichi, itti gaafatamaa warra bushaayee horsiisanii ti; isaan kun hundinuu, itti gaafatamoo qabeenya Daawit mootichaa turan.
32Yonaataan wasiilli Daawit mootichaa, gorsaa dha, hubataa dha, nama beekaa dhas ture; Yehii'el ilmi Hakmonii immoo ilmaan mootichaa in guddisa ture.
33Ahiitofel, gorsaa mootichaa ti; Hushaayi namni Arkii immoo mootichatti kan dhi'aatu ture*.
34Ahiitofel booddeedhaan Yehoyaadaa ilma Benaayaatu, isatti aane Abiyaataartu iddoo isaa fudhate; Yo'aab immoo ajajaa humna waraanaa mootummichaa ture.