Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 28:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1Daawit gurguddoota saba Israa'el hundumaa Yerusaalemitti in waamsise; isaanis, geggeessitoota gosaa, bulchitoota kutaawwan biyyaa, angafoota kumaa, angafoota dhibbaa, qabeenyaa fi horii qe'ee mootichaa fi ilmaan isaatii hundumaa irratti gaafatamoo kan ta'an akkasumas mana mootummaa irratti aboo kan qaban jagnootaa fi loltoota jajjaboo turan.

2Daawit mootichi ka'ee dhaabatee, ?Yaa obboloota ko, yaa saba ko, mee na dhaga'aa! Sanduuqi kakuu inni Waaqayyo irratti mul'atu akka keessa taa'uuf mana ijaaruudhaaf garaa kootti yaadee, ijaarsa isaatiifis qophaa'een ture*;

3garuu Waaqayyo, ?Ati loltuu dha, dhiiga namaas dhangalaafteetta; kanaaf ati ulfina maqaa kootiif mana hin ijaartu!? jedhee, anatti in dubbate*.[90]

4?Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo gooftaan Israa'el, Yihudaan geggeessituu akka ta'uuf fo'ateera; gosa Yihudaa keessaa immoo qomoo abbaa kootii, ilmaan abbaa kootii keessaa immoo mootummaa anaaf kennuu jaallatee, guutummaa Israa'el irratti bara baraan mootii akkan ta'uuf na fo'ate.

5Waaqayyo ilmaan baay'ee anaaf in kenne; isaan kana keessaa Solomoonin fo'atee teessoo mootummaa isa ofii isaatii Israa'eliif dhaabe irra akka inni taa'u in godhe.

6Waaqayyo, ?Solomoon ilmi kee, ilma akka anaaf ta'uuf, ani immoo abbaa akkan isaaf ta'uuf isa fo'adheera; inni mana anaaf in ijaara, oobdii isaas in tolcha;

7akkuma amma ta'aa jiru kana inni abboommii koo fi seera koo jabeessee yoo eege, ani mootummaa isaa jabeessee bara baraan nan dhaaba? naan jedhe*.[91]

8?Egaa isin biyya gaarii isa qabattan kana keessa itti fuftanii akka jiraatanitti, sanyii keessaniifis dhaala bara baraa gootanii akka isa dabarsitanitti, yaadaan abboommii Waaqayyo gooftaa keenyaa duukaa buutanii akka eegdaniif, guutummaa saba Israa'el waldaa Waaqayyoo duratti, Waaqayyo keenya isa nu dhaga'uu fi isa nu argu duratti isinitti nan hima.

9?Yaa Solomoon, yaa ilma ko, Waaqayyo inni ani abbaan kee waaqessu garaa nama hundumaa qoree waan ilaaluuf, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas waan hubatuuf, gooftummaa isaa beekiitii garaa guutuudhaan, fedha guutuudhaanis isaaf hojjedhu! Yoo isa barbaaddatte, isa in argatta; yoo ati isa barbaaddachuu dhiifte garuu, innis bara baraan si in gata*.

10Kunoo, mana qulqullummaa akka ati ijaartuuf Waaqayyo si fo'ateera; atis jabaadhuu hojjedhu!? jedhe.[92]

11Kana booddees Daawit akeeka ijaarsa mana qulqullummaa isa gardaafoo isaa, kutaa manichaa isa bal'aa, kutaa mi'i gati-jabeessi keessa kaa'amu kutaawwan mana mana irraa, kutaawwan gara keessaa fi iddoo hundumaa caalaa qulqullaa'aa lafa teessoon araaraa kaa'amu argisiisu ilma isaa Solomoonitti in kenne.

12Akkasumas immoo akeeka oobdii mana qulqullummaa, kutaawwan manichatti naanneffamanii ijaaraman hundumaa kutaawwan qabeenyi mana qulqullummaa fi kennaan addaan baafaman keessa kaa'aman isa akka hafuurri gooftichaa isatti mul'isetti qopheesse sana ilma isaatti in kenne.

13Kana malees, kutanni lubootaa fi Lewwootaa maal hojjechuun akka ta'u, hojiin mana qulqullummaa keessaa hojjetamu hundinuu attamitti akka hojjetamu, mi'i manicha keessaa ittiin hojjetamus isa kam akka ta'e isatti in hime.

14Qodaa warqee irraa hojjetame, hojii garaa garaa ittiin hojjechuudhaaf barbaachisuuf warqee isaa, qodaa meetii irraa hojjetame, hojii garaa garaa ittiin hojjechuudhaaf barbaachisuuf immoo meetii isaa miijanee in kaa'e.

15Akka akka hojii isaatti tokkon tokkon baattuu ibsaa fi qodaa ibsaa warqee irraa hojjetamuuf, warqee isa ga'u, tokkon tokkon baattuu ibsaa fi qodaa ibsaa meetii irraa hojjetamuuf immoo meetii isa ga'u,

16tokkon tokkon gabatee buddeenni ilaalchaa irra kaa'amuuf warqee isa ga'u, gabatoota meetii irraa hojjetamaniifis meetii ga'u in miijane.

17Filoo fooniitiif, waciitiidhaaf, cuggeedhaafis warqee qullaa'aa, tokkon tokkon caabii warqeetiif warqee isa ga'u, tokkon tokkon caabii meetiitiif immoo meetii isa ga'u,

18iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamuuf kan ga'u warqee baqfamee qullaa'e in miijane; akkasuma immoo akeeka konkolaataa, akeeka Kiruubel warra warqee irraa hojjetamanii qoochoowwan isaanii bal'isanii sanduuqa kakuu Waaqayyo irra golboobanii sana itti in kenne.

19Daawit, ?Kun hundinuu harka Waaqayyootiin qopheeffame; kan ana irraa barbaadamu garuu akka akeeka hojii kanaatti hojjechuu dha? jedhe.

20Daawit ergasii Solomoon ilma isaatiin, ?Egaa cimi, ija jabaadhuu hojjedhu! Waaqayyo gooftaan inni ani waaqeffadhu sii wajjin waan jiruuf, hin sodaatin, hin na'inis! Mana isa keessatti Waaqayyoof hojjechuudhaaf ijaartu kana hamma raawwattutti inni si hin dhiisu, si hin gatus*.

21Kutanni lubootaa fi Lewwootaa hojii mana qulqullummaa keessatti hojjetamu hundumaaf qopheeffamaniiru; warri hojii harkaatti ogeeyyii ta'an, hojichaafis fedha kan qaban hundinuu si in gargaaru; geggeessitoonnii fi sabni hundinuu akka ati isaan abboomtetti in hojjetu? jedhe.[93]

/footer>