1Yommus Daawit mootichi guutummaa wal ga'ichaatiin, ?Solomoon ilmi koo inni Waaqayyo fo'ate kun mucaa wallaalaa dha; manni guddaan ijaaramuuf jedhu kun Waaqayyo gooftaadhaaf ijaarama malee, namaaf miti; kanaaf hojiin isaa guddaa dha*;
2kunoo, ani akka humna kootiitti mana qulqullummaa isa Waaqayyo kootiif ijaaramuuf, mi'a warqee irraa hojjetamuuf warqee, mi'a meetii irraa hojjetamuuf meetii, mi'a sibiila borrajjii irraa hojjetamuuf sibiila borrajjii, mi'a sibiila kan biraa irraa hojjetamuuf sibiila, mi'a muka irraa hojjetamuuf muka akkasumas dhagaa Sardoniikis dhagaa gati-jabeessa tarree galchanii ittiin mana miidhagsan, dhagaa gurraacha calaqqisaa, dhagaa gati-jabeeyyii bifa garaa garaa qabanii fi dhagaa adii calaqqisaa qopheesseera; isaan kana hundumaa baay'isee walitti qabeera.
3Kana malees, hojii mana qulqullummaa kanaaf of kennuu koo irraa kan ka'e, waanan kanaan dura mana qulqullummaa kanaaf qopheesse irratti dabalee, qabeenya dhuunfaa kootii keessaa warqee fi meetii nan kenna.
4Keenyan manichaa miidhagsuudhaaf warqee Ofiir akka kuntaala kuma tokkoo fi digdama, meetii akka kuntaala kuma lamaa fi dhibba sadii fi saddeettama,
5mi'a warra hojii harkaa beekaniin hojjetaman hundumaaf immoo isa warqee irraa hojjetamuuf warqee, isa meetii irraa hojjetamuuf meetii nan kenna; amma egaa eenyutu fedha isaatiin of kennee mana qulqullummaa isa Waaqayyoof ijaaramu kanaaf kennaa dhi'eessa ree?? jedhe*.
6Kana irratti mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota kan ta'an, geggeessitoonni gosoota Israa'el, angafoonni kumaa, angafoonni dhibbaa fi hojii mootummichaatti gaafatamoo kan ta'an fedha isaaniitiin kennaa in dhi'eessan.
7Ijaarsa mana qulqullummaa kanaaf, warqee akka kuntaala kuma tokkoo fi dhibba torbaa, horii warqee akka kiilo graamii saddeettamii afurii, meetii akka kuntaala kuma sadii fi dhibba afurii, sibiila borrajjii akka kuntaala kuma ja'aa fi dhibba tokko akkasumas sibiila akka kuntaala kuma soddomii afurii miijanu in kennan.
8Warri dhagaa gati-jabeessa qaban immoo Yehii'el Gershoonicha isa qabeenya mana qulqullummaa eeguutti in kennan*.
9Dura-buutonni isaanii fedha ofii isaaniitiin, garaa guutuudhaanis kennaa Waaqayyoof waan dhi'eessaniif, namoonni in gammadan; Daawit mootichis baay'ee in gammade.
10Kana booddee Daawit guutummaa wal ga'ii sanaa duratti Waaqayyoon in galateeffate; galata isaa keessattis,
11
12
13
14?Fedha keenyaan akka kanatti kennuu kan nu dandeessifte ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanti hundinuu si biraa nuuf dhufa, waanuma si harkaa fudhanne keessaa siif kennine.
15Nuyi si duratti akkuma abboota keenya warra durii keessummoota, kara-adeemoo dhas; barri jireenya keenyaa lafa irraas akka gaaddisaatti in darba; yeroo dheeraa jiraachuudhaafis abdiin hin jiru*.
16Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, ulfina maqaa kee isa qulqulluutiif mana ijaaruudhaaf jennee mi'ii fi horii baay'een nuyi qopheessine kun si biraa nuuf kenname, hundumti isaas kan kee ti.
17Yaa Waaqayyo ko, garaa namaa qortee akka ati ilaaltu, yaada qajeelaattis akka ati gammaddu ani beeka; kanaaf ani kana hundumaa fedha kootiin, yaada qajeelaadhaanis kenneera; ammas sabni kee warri as jiran kun fedha isaaniitiin akka siif kennan argee gammadeera.
18Yaa Waaqayyo gooftaa abboota keenyaa kan Abrahaam, kan Yisihaq, kan Israa'el yaada saba kee isa siif of kenne kana bara baraan garaa isaanii keessatti eegi! Garaa guutuudhaan akka si yaadataniifis isaan qopheessi!
19Solomoon ilmi koo abboommii kee, seerrata kee fi seera kee akka eeguuf akkasumas mana guddaa isa ani ijaarsa isaatiif wanta barbaachisu hundumaa qopheesse kana dhimmee akka ijaaruuf yaada guutuu kenniif!? jedhe.
20Kana booddee Daawit wal ga'ii sanaan, ?Waaqayyo gooftaa keessaniif galata galchaa!? jedhe; wal ga'iin sunis guutummaatti Waaqayyo gooftaa abboota isaaniitiif gombifamanii sagaduudhaan galata in galchan; mootichaafis in qoomma'an.
21Borumtaas jarri aarsaadhaaf, qalma gubamuufis tuntunoota kuma tokko, korbeeyyii hoolaa kuma tokko, xobbaallaa hoolaa kuma tokko, kana birattis kennaa dhugaatii, aarsaa garaa garaa baay'ees maqaa guutummaa saba Israa'eliin Waaqayyoof in dhi'eessan.
22Gaafas Waaqayyo duratti nyaatanii, dhuganiis baay'ee in gammadan; yommus isaan, Solomoon ilmi Daawit mootii ta'uu isaa si'a lammaffaa beeksisanii, mootii ta'ee biyya akka geggeessuuf, Waaqayyo duratti isa in diban; Zaadoq immoo luba akka ta'uuf in diban*.
23Akkasitti Solomoon iddoo Daawit abbaa isaatii bu'ee, teessoo Waaqayyo isaaf kenne irra in taa'e; wanti hundinuu wal in qixxaateef, Israa'elis guutummaatti in abboomameef*.
24Geggeessitoonnii fi jagnoonni hundinuu akkasumas ilmaan Daawit mootichaa hundinuu dhufanii Solomoon mootichatti akka bulan in mul'isan.
25Waaqayyos guutummaa Israa'el biratti Solomoon, nama guddaa beekamaa akka ta'u in godhe, mootonni isa dura Israa'el irratti mo'an takkaa kan hin qabaatin surraa mootummaas in kenneef*.
26Daawit ilmi Iseyi guutummaa Israa'el irratti mootii ture;
27inni Kebroon keessa taa'ee waggaa torba, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa soddomii sadii in mo'e; walumatti Israa'el irratti kan inni mo'e waggaa afurtama ture*.
28Inni waggoota baay'eetti, badhaadhummaa fi ulfinatti utuu gammaduu dulloomee bara quufee in du'e; Solomoon ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.
29Daawit mootichi bara mootummaa isaa keessa kan inni hojjete, jalqabaa hamma dhumaatti caaffata Saamu'el ilaaltichi, Naataan raajichii fi Gaadi ilaaltichi caafan keessatti in argama.
30Caaffatoota sana keessattis waa'een mootummaa isaa, waa'een jagnummaa isaa, wanti isa irra, saba Israa'el irra, mootummoota biyya lafaa kan biraa irras ga'e hundinuu tokko tokkoon caafamaniiru.