1Ilmaan Daawit warri Kebroonitti dhalataniif warra kanatti aananii jiranii dha; inni angafni Amnoon, isa Ahiino'aam Yizre'elittiitu da'eef; inni lammaffaan Daani'el, isa Abigaayil Karmelittiitu da'eef.
2Inni sadaffaan Abiishaalom, isa Ma'akaa intala Talmaayi mootii Geshuurtu da'eef; inni afuraffaan Adoniyaa dha, isa Haagiititu da'eef;
3inni shanaffaan Shefaaxiyaa dha, isa Abiixaaltu da'eef; inni ja'affaan Yitre'aam, isa Eglaa haadha manaa isaatu da'eef.
4Isaan kun ja'an Kebroon iddoo inni keessa taa'ee waggaa torbaa fi ji'a ja'a mo'etti dhalataniif; Yerusaalem keessa taa'ee immoo waggaa soddomii sadii mo'e*.
5Warri kanatti aananii jiran immoo Yerusaalemitti dhalataniif; isaanis, Shime'aa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon; isaan kana arfan Baat-Sheebaa
6Kana malees Yibhaar, Eliishuwaa
7Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa,
8Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliifelex, walumatti sagal.
9Isaan kun hundinuu ilmaan Daawit; obboleettiin isaanii ?Taamaar? jedhamti; warri saajjatoota irraa dhalataniif immoo isaan kana keessatti hin lakkaa'amne*.
10Ilmi Solomoon Rehobiyaam; ilmi Rehobiyaam Abiiyaa dha; ilmi Abiiyaa Aasaa dha; ilmi Aasaa Yoshaafaax; ilmi Yoshaafaax
11Yoraam; ilmi Yoraam Ahaaziyaa dha; ilmi Ahaaziyaa Yo'aash;
12ilmi Yo'aash Amaasiyaa dha; ilmi Amaasiyaa Azaariyaa dha; ilmi Azaariyaa Yotaam;
13ilmi Yotaam Ahaaz; ilmi Ahaaz Hisqiyaas; ilmi Hisqiyaas Minaasee;
14ilmi Minaasee Amoon; ilmi Amoon Yosiyaas.
15Ilmaan Yosiyaas kanatti fufanii kan jiranii dha; inni angafni Yohaannaan; inni lammaffaan Yehoyaaqiim; inni sadaffaan Zedeqiiyaa dha; inni afuraffaan Shaalum.
16Yehoyaaqiim ilmaan lama qaba; isaanis Yehoyaakiinii fi Zedeqiiyaa dha*.
17Ilmaan Yehoyaakiin mooticha isa namoota Baabiloniin booji'amee kanatti aananii jiru; isaanis She'altii'el*,
18Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaazaar, Yeqaamiyaa, Hoshaamaa, Nedaabiyaa;
19ilmaan Phedaayaa immoo Zarubaabelii fi Shime'ii dha; ilmaan Zarubaabel, Meshulaamii fi Hanaaniyaa dha; Shelomiit immoo obboleettii isaanii ti.
20Isaan kana malees, ilmaan shan qaba; isaanis Hashubaa, Ohel, Berekiiyaa, Hasadiyaa fi Yushaab-Hesed.
21Ilmaan Hanaaniyaa immoo Phelaatiyaa fi Yesaayaa dha; Yesaayaan abbaa Refaayaa ti; Refaayaan abbaa Arnaan; Arnaan abbaa Obaadiyaa ti; Obaadiyaan abbaa Shekaaniyaa ti.
22Sanyiin Shekaaniyaa immoo Shemaa'iyaa fi ilmaan isaa Haxuush, Yigaal, Baariihaa, Na'ariiyaa fi Shaafaax; walumatti ja'a turan.
23Ilmaan Na'ariiyaa immoo Elyo'enaayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; walumatti sadii.
24Ilmaan Elyo'enaayi immoo Hodaayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yohaannaan, Delaayaa fi Anaanii dha; walumatti torba.