Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 4:1-43 GAZB1997 - Bible AI

1Ilmaan Yihudaa, Faares, Hezron, Karmii, Huurii fi Shobaal turan.

2Re'aayaan ilmi Shobaal, Yaahaatin dhalche; Yaahaat immoo Ahumaayii fi Lahadin dhalche; isaan kun qomoo Zoraatotaa ti*.

3Ilmaan Etaam, Yizre'el, Yishmaa fi Yidbaash; maqaan obboleettii isaanii immoo Hazelelphonii ture.

4Phenu'el abbaa Gidoor; Ezer abbaa Hushaa ti; isaan kun warra mandara Betlihem ijaare sanyii Huur ilma Efraataa isa angafaa ti.

5Ashuur abbaan biyya Teqo'aa dubartoota lama qaba ture; isaanis ?Helaa fi Na'araa? jedhamu.

6Na'araan Ahuzaamin, Heferin, Teyimenii fi Haa'ashtaarin in deesseef; isaan kun ilmaan Na'araa ti.

7Ilmaan Helaa immoo Zeret, Yezohaarii fi Etnaan turan.

8Koz abbaa Anubii fi Zobebaa ti; akkasumas abbaa qomoo Aariihel ilma Harum.[16]

9Yaabez obboloota isaa caalaatti ulfina-qabeessa ture; haati isaa, ?Ani dhiphinaan isa da'eera? jechuudhaan, ?Yaabez? jettee in moggaafte.

10Yaabez, ?Maaloo, ati na eebbisi, lafa bal'aas anaaf kenni! Harki kee anaa wajjin jiraatee hamaan akka ana hin dhiphifnetti ana haa eegu!? jedhee, Waaqayyo isa kan Israa'el in kadhate; kanaaf Waaqayyo wanta inni kadhate in kenneef.

11Keluub obboleessi Shukaa abbaa Maakiir isa Eshtoonin dhalchee ti.

12Eshtoon, Betraafaa, Phaasehaa fi Tehiinaa abbaa Irnaahaash in dhalche; isaan kun namoota warra mandara Rekaa ijaaree dha.

13Ilmaan Qenaz Otnii'elii fi Seraayaa dha; ilmi Otnii'el Katatii fi Me'onotaayi*.

14Me'onotaayi, Ofraa dhalche; Seraayaan, Yo'aabin dhalche; Yo'aab kun abbaa dachaa warra waa qirixanii bifa itti baasanii ti; dachaan kun immoo namoonni achi keessa jiraatan warra waa qirixanii bifa itti baasan waan ta'aniif, maqaa kanaan moggaafame.

15Ilmaan Kaaleb ilma Yofunee immoo, Iiruu, Elaa fi Naa'aam; ilmi Elaa, Qenaz*.

16Ilmaan Yihaleli'el, Ziifii, Ziifaa, Tiiriiyaa fi Asaare'el.

17Ilmaan Izraa, Yeter, Mered, Eferii fi Yaalon; dubartoota Mered keessaa isheen tokko Miiryaamin, Shamaayii fi Iishbaa isa mandara Eshtemo'aa ijaare in deesseef.

18Haati manaa isaa isheen Yihudittiin immoo Yered isa mandara Gedoor ijaare, Heber isa mandara Sokoo ijaare, Yekutii'el isa mandara Zaankaa ijaare in deesseef; Miiryaam, Shamaayii fi Iishbaa immoo intala mootii Gibxii Biitiyaatu da'eef.[17]

19Hodiiyaan obboleettii Nahaam fuudhe; ilmaan ishee abbootii qomoo Gaarim isa mandara Qeyilaa keessa jiraatuu fi abbootii qomoo Ma'akaat isa mandara Eshtemo'aa keessa jiraatuu ti.

20Ilmaan Shimoon, Amnoon, Riinaa, Benhaanaanii fi Tiilon; ilmaan Yishii immoo Zoheetii fi Ben-Zoheet.

21Ilmaan Shelaa ilma Yihudaa, Eer isa mandara Lekaa ijaaree fi La'aadaa isa mandara Mareshaa ijaare akkasumas maatiiwwan qomoo warra uffannaa quncee talbaa ba'eessaa Bet-Ashbe'aat hojjetanii dha.

22Yoqiim, namoonni mandara Kozebaa keessa jiraatan, Yo'aash akkasumas Saaraaf inni Mo'aab irratti mo'e gara Lehemitti in deebi'an; [caaffanni kun kan durii ti.]

23Isaan kun suphe-dhooftuu warra mandara Nexaayimii fi Gederaa keessa jiraatanii dha; isaan achi taa'anii mootiidhaaf in hojjetu turan.

24Ilmaan Shimi'oon, Nemu'el, Yaamiin, Yaariib, Zeraa, Shaawul*.

25Ilmi Shaawul immoo, Shaalum; ilmi Shaalum, Miibsaam; ilmi Miibsaam, Miishmaa.

26Ilmi Miishmaa Hamu'el; ilmi Hamu'el Zaakur; ilmi Zaakur Shime'ii dha.

27Shime'iin ilmaan kudha ja'aa fi intaloota ja'a qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee baay'ee hin qaban turan; qomoon isaanii hundinuus akka namoota Yihudaa hin baay'anne.

28Isaan mandaroota Bersheebaa, Molaadaa, Hazarshuwaal,

29Bilhaa, Ezem, Tolaad,

30Betu'el, Hormaa, Siiqlaag,

31Bet-Markabot, Hazaarsusiim, Bet-Bire'ii fi Sha'araayiim keessa in jiraatan; isaan kun hamma bara Daawit mootummaa fudhatetti mandaroota isaanii turan.

32Mandaroonni naannoo isaanii jiran immoo, Etaam, Aayin, Rimoon, Tokkeenii fi Ashaan; walumatti mandaroota shan turan.

33Gandeen naannoo mandaroota hamma Ba'aalaat jiran kana hundumaa keessas jiraataniiru; mandaroonni kun iddoo isaan keessa jiraatanii fi iddoo caaffanni hidda dhaloota isaanii keessatti argamuu dha*.[18]

34Dura-buutonni abbootii qomoo isaanii kanatti fufanii jiru; isaanis Meshobaab, Yaamlek, Yoshaa ilma Amaasiyaa,

35Yo'el, Yehuu ilma Yoshiibiyaa ilma Seraayaa ilma Asii'el,

36Elyo'enaayi, Ya'aqobaa, Yishohaayaa, Ashaayaa, Adii'el, Yesiimii'el, Benaayaa,

37Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aalon, ilma Yedaa'iyaa, ilma Shiimrii, ilma Shemaa'iyaa.

38Warri maqaan isaanii dha'ame kun qomoo qomoo isaanii keessatti geggeessitoota turan; maatiiwwan isaaniis guddaa in baay'atan.

39Isaan dachaa sana gara ba'a-biiftuutiin bushaayee isaaniitiif marga barbaacha hamma itti lixa Gedooritti in adeeman.

40Isaan horii isaaniitiif marga lalisaa fi ba'eessa in argatan; iddoon sun bal'aa, gabi-qabeessaa fi naga-qabeessa; duraan sanyii Kaamtu achi jiraachaa ture.

41Warri maqaan isaanii caafame kun bara Hisqiyaas mootii Yihudaatti dhufanii, sanyii Kaam rukutanii dunkaana isaanii fi Me'unoota warra achi turan rukutanii in barbadeessan; kunis hamma har'aatti beekamee jira; ofii isaaniitii immoo horii isaaniitiif achii marga waan argataniif, iddoo isaanii qabatanii in jiraatan.

42Sanyii Shimi'oon kana keessaa namoonni dhibbi shan, Phelaatiyaa, Ne'aariyaa, Refaayaa fi Uzii'el ilma Yishiitiin geggeeffamanii gara tulluu Se'iiritti ol ba'anii,

43Amaaleqoota warra hafanii jalaa ba'an in rukutan; ofii isaaniitii immoo hamma har'aatti achi in jiraatan.

footer>