1Sanyiin Ruuben ilma Yaaqoob isa angafaa kanatti aanee jira; Ruuben illee angafa ture, garuu sababii inni saajjatoo abbaa isaatii tokko bira ga'eef, ijoollee Yoseef obboleessa isaatiif angafummaan in kenname; kanaaf hiddi dhaloota isaatii akka angafummaa isaatti hin caafamne*.
2Yihudaan obboloota isaa caalaatti jabaa ta'ee, biyya kan bulchu sanyii isaa keessaa yoo ba'e iyyuu, angafummaan Yoseefiif in kenname*.
3Ilmaan Ruuben ilma Israa'el isa angafaa, Henok, Faluu, Hezronii fi Karmii turan*.
4Sanyiin Yo'el immoo kanatti fufanii kan jiranii dha; Shemaa'iyaa, Goog, Shime'ii,
5Miikaa, Re'aayaa, Ba'aal,
6Be'eraa isa Tiiglaat-Phileeser mootiin Asor booji'ee adeemee dha; Be'eraan kun geggeessituu gosa Ruuben ture*.
7Aantiin isaa qomoo qomoo isaaniitiin akka hidda dhaloota isaaniitti caafamaniiru; isaanis Yei'el isa dura-bu'aa, Zakaariyaas,
8Bel'aa ilma Aazaaz, ilma Shemaa, ilma Yo'el; isaan kun lafa ?Aro'er? jedhamuu jalqabanii hamma Neboodhaa fi Ba'aal-Me'onitti qabatanii irra in jiraatan.
9Giil'aaditti horiin isaanii wal horanii baay'atanii waan turaniif, karaa gara ba'a-biiftuu, biyyicha hamma daarii lafa onaa isa laga Efraaxiis bira ga'utti in qabatan.
10Bara Saa'ol mootichaatti gosi Ruuben kun qomoo Hagaar lolanii isaan in mo'an; Giil'aad irraa gara ba'a-biiftuutiinis iddoo jireenya isaanii guutummaatti qabatanii, ofii isaaniitii achi in jiraatan.
11Sanyiin Gaadi fuullee isaaniitiin hamma Saalkaatti qabatanii biyya Baashaan keessa in jiraatan.
12Baashaan keessatti Yo'el dura-bu'aa isaanii, isatti aane immoo Shaafaam, Yaanaayii fi Shaafaax turan.
13Obboloonni isaanii immoo akka mana mana abbaa isaaniitti Mikaa'el, Meshulaam, Sheebaa, Yoraayi, Yaakaan, Zii'aa fi Ebeer; isaan walumatti torba turan.
14Sanyiin Abiihaayil ilma Huur kanatti fufee kan jiruu dha; Abiihaayil ilma Huur, ilma Yaarokaa, ilma Giil'aad, ilma Mikaa'el, ilma Yeshiishaayi, ilma Yaakedoo, ilma Buus.
15Ahiin ilma Abdii'el, ilma Gunii isa mana abbaa isaaniitti dura-bu'aa turee dha.
16Isaan biyya Giil'aadii fi biyya Baashaan akkasumas mandaroota ishee fi guutummaa bakkee Shaaron lafa horii dheechifatan hundumaa keessa in jiraatan.
17Isaan kun hundinuu bara Yotaam mootii Yihudaa fi Yerobi'aam mootii Israa'elitti caaffata hidda dhalootaa keessatti caafamaniiru*.
18Gosa Ruuben, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa, namoonni jagnoonni jajjaboonni gaachana fudhachuu, billaa luqqifachuu, xiyya darbachuu danda'aniif akka itti lolan baranii lolaaf qophaa'an namoota kuma afurtamii afurii fi dhibba torbaa fi jaatama turan.
19Isaan kun dhaqanii gosa Hagaar, gosa Yetuur, gosa Naafiishii fi gosa Nodaabitti lola in kaasan.
20Isaan Waaqayyoon waan amanataniif, lola sana keessatti gargaarsaaf gara isaatti yeroo iyyatanitti inni immoo kadhata isaanii dhaga'eefii, Hagaaronnii fi warri isaanii wajjin turan harka isaanii keessa akka bu'an in godhe.
21Isaan Hagaarota irraa gaalota kuma shantama, hoolota kumaatama dhibba lamaa fi kuma shantama, harroota kuma lama akkasumas immoo namoota kumaatama dhibba tokko booji'anii in adeeman.
22Lolli sun fedha Waaqayyootiin waan ta'eef, namoonni baay'een in ajjeefaman; warri mo'anii laficha qabatan kun hamma bara ofii isaaniitii booji'amaniitti lafa sana irra in jiraatan.
23Walakkaan gosa namoota Minaasee warri biyya Baashaanii hamma Ba'aal-Hermoonitti, Seniirii fi tulluu Hermoonitti qabatanii jiraachaa turan guddaa in baay'atan*.
24Dura-buutonni mana mana abbaa isaanii immoo Efer, Yishe'ii, Elii'el, Azrii'el, Ermiyaas, Hodaawiiyaa fi Yaadii'el; isaan kun loltuu jajjaboo, beekamoo fi mana mana abboota isaaniitti dura-buutota turan.
25Haa ta'u iyyuu malee, isaan Waaqayyo abboota isaaniitiif hin amanamne, isa dhiisanii gara waaqayyolii saba biyya sanaa warra Waaqayyo fuula isaanii duraa isaan balleessetti gara galan.
26Waaqayyo inni kan Israa'el immoo Phulin mootii Asor isa ?Tiiglaat-Phileeser? jedhamee beekame isaanitti in kaase; mootichis gosa Ruuben, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee booji'ee, gara Kalaa, Kaabor, Haaraa fi laga Gozaan lafa isaan itti hafanitti isaan in geesse*.