Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 6:1-81 GAZB1997 - Bible AI

1Ilmaan Lewwii, Gershoon, Qehaatii fi Meraarii dha*.

2Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el*.

3Ijoolleen Amraam, Aaron, Musee fi Miiryaam; ilmaan Aaron, Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar turan.[23]

4Ele'azaar, Fiinehaasin dhalche; Fiinehaas, Abiishuwaa dhalche;

5Abiishuwaan, Bukin dhalche; Buk Uzin dhalche;

6Uz, Zeraayaa dhalche; Zeraayaan, Meraayootin dhalche;

7Meraayoot, Amaariyaa dhalche; Amaariyaan, Ahiixubin dhalche;

8Ahiixub, Zaadoqin dhalche; Zaadoq, Ahiimaa'azin dhalche;

9Ahiimaa'az, Azaariyaa dhalche; Azaariyaan, Yohaannaanin dhalche;

10Yohaannaan, Azaariyaa dhalche; Azaariyaan kun isa luba ta'ee mana qulqullummaa isa Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa hojjechaa turee dha.

11Azaariyaan, Amaariyaa dhalche; Amaariyaan, Ahiixubin dhalche;

12Ahiixub, Zaadoqin dhalche; Zaadoq, Shaalumin dhalche;

13Shaalum, Hiilqiiyaa dhalche; Hilqiiyaan, Azaariyaa dhalche;

14Azaariyaan, Seraayaa dhalche; Seraayaan, Yehozaadaaqin dhalche;

15Yehozaadaaq yeroo Waaqayyo, namoonni Yihudaa fi namoonni Yerusaalem harka Nebukadnezaarin akka booji'aman godhe sana biyyaa baafame*.[24]

16Ilmaan Lewwii Gershoom, Qehaatii fi Meraarii dha*.

17Maqaan ilmaan Gershoom kanatti aanee jira; isaanis Liibnii fi Shime'ii dha.

18Ilmaan Qehaat Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.[25]

19Ilmaan Meraarii Maahilii fi Mushii dha; maatiin Lewwootaa akka mana mana abbaa isaaniitti kanatti aananii kan jiranii dha.

20Qomoo Gershoom keessaa Liibnii, Yahat, Ziimaa,

21Yo'aa, Iddoo, Zeraa fi Ye'ateraayi turan.

22Ilmaan Qehaat Aminaadaab, Qoraahi, Asiir*,

23Elqaanaa, Ebiyaasaaf, Asiir,

24Tahaat, Urii'el, Uziiyaa fi Shaawul turan.[26]

25Ilmaan Elqaanaa Amaasaayii fi Ahiimoot.

26Ilmaan Ahiimoot Elqaanaa, Sofaayi, Naahaat,

27El'aab, Yerohaam, Elqaanaa.

28Ilmaan Saamu'el Yo'el isa angafa, Abiiyaan immoo isa isatti aanuu dha*.[27]

29Ilmaan Meraarii Maahilii, Liibnii, Shime'ii, Uzaa,

30Shime'aa, Hagiiyaa fi Asaayaa turan.

31Sanduuqi kakuu mana qulqullummaatti erga galee booddee, faarfannaa manicha keessatti faarfatamuuf itti gaafatamoo akka ta'aniif, namoonni Daawit mootichi hojii irra dhaabe kanatti fufanii kan jiranii dha.

32Isaan hamma bara Solomoon Yerusaalemitti mana qulqullummaa ijaareetti, akka abboommii isaaniif kennameetti balbala dunkaana wal ga'ii iddoo qulqullaa'aa duratti argamanii faarfachuudhaan isaaf in hojjetu turan.

33Namoonni ijoollee isaanii wajjin hojii kana irra turan, akka kanatti aanee jirutti caafamaniiru; qomoo Qehaat keessaa, Hemaan faarfaticha, ilma Yo'el ilma Saamu'el*,

34ilma Elqaanaa, ilma Yerohaam, ilma Elii'el, ilma To'aa,

35ilma Zuuf, ilma Elqaanaa, ilma Mahaat, ilma Amaasaayi,

36ilma Elqaanaa, ilma Yo'el, ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa,

37ilma Tahaat, ilma Asiir, ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahi,

38ilma Yizhaar, ilma Qehaat, ilma Lewwii, ilma Israa'el.[28]

39Asaaf obboleessa Hemaan isa gara mirga isaa ijaajjee hojjetu, Asaaf ilma Berekiiyaa, ilma Shime'aa*,

40ilma Mikaa'el, ilma Ba'aseyaa, ilma Malkiiyaa,

41ilma Etnii, ilma Zeraa, ilma Adaayaa,

42ilma Eyitaan, ilma Ziimaa, ilma Shime'ii,

43ilma Yaahaat, ilma Gershoom, ilma Lewwii ti.[29]

44Obboloonni isaanii ilmaan Meraarii immoo gara bitaatiin dhaabatanii in hojjetu turan; Eyitaan ilma Qiishii, ilma Abdii, ilma Maluuk,

45ilma Hashabiiyaa, ilma Amaasiyaa, ilma Hiilqiiyaa,

46ilma Amzii, ilma Baanii, ilma Shaamer,

47ilma Maahilii, ilma Mushii, ilma Meraarii, ilma Lewwii ti.

48Lewwoonni akka isaanii mana Waaqayyoo keessaa hojii iddoo qulqullaa'aa isa kan biraa hundumaa irra dhaabamanii turan.

49Aaronii fi sanyiin isaa garuu iddoo aarsaa isa qalmi gubamu irratti dhi'eeffamuu fi isa ixaanni irratti aarfamu irratti aarsaa in dhi'eessu; kana malees, akkuma Museen garbichi Waaqayyoo abboomee turetti, wanta iddoo hundumaa caalaa qulqullaa'aa ta'e keessatti hojjetamu hundumaatti gaafatamuunii fi Israa'eliif araara buusuun hojii isaanii ture*.

50Sanyiin Aaron warra kanatti aananii dha; Aaron abbaa Ele'azaar; Ele'azaar abbaa Fiinehaas; Fiinehaas abbaa Abiishuwaa ti;

51Abiishuwaan abbaa Bukii ti; Buk abbaa Uzii ti; Uz abbaa Zeraayaa ti;

52Zeraayaan abbaa Meraayoot; Meraayoot abbaa Amaariyaa ti; Amaariyaan abbaa Ahiixub;

53Ahiixub abbaa Zaadoq; Zaadoq abbaa Ahiimaa'az*.[30]

54Buufanni mukaa inni dura bu'e sanyii Aaron keessaa qomoo Qehaatiif waan baaseef, lafti isaaniif kenname kanatti aanee jira.

55Biyya gosa Yihudaa keessaa Kebroonii fi lafa tikaa naannoo isaa jiru hundumaa isaaniif in kennan.

56Lafa naannoo mandarattii fi gandeen ishee garuu, Kaaleb ilma Yofuneef in kennan.

57Ilmaan Aaroniif immoo mandaroota namoonni kooluu itti galan, Kebroonii fi Liibnaa akkasumas Yaatiir, Eshtemo'aa,

58Hiilen, Debiir,

59Aashaan, Bet-Shemesh iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in kennaniif.

60Biyya gosa Benyaamiin keessaa immoo Gebaa, Alemetii fi Anaatotin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in kennaniif; mandaroonni maatii isaanii hundinuu walumatti kudha sadii turan.

61Sanyiin Qehaat warri hafan immoo biyya walakkaa gosa Minaasee keessaa mandaroota kudhan in argatan.

62Sanyiin Gershoom akka qomoo qomoo isaaniitti biyya gosa Yisaakor, gosa Asheerii fi gosa Niftaalem keessaa akkasumas biyya walakkaa gosa Minaasee isa Baashaan keessaa mandaroota kudha sadii in argatan.

63Sanyiin Meraarii akka qomoo qomoo isaaniitti biyya gosoota Ruuben, Gaadii fi Zebuloon keessaa mandaroota kudha lama in argatan.

64Akkasitti Israa'eloonni mandaroota kanaa fi iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiran warra Lewwootaatiif in kennan.

65Mandaroota gosa Yihudaa, Shimi'oonii fi Benyaamiin keessaa maqaa dha'aman kana buufata mukaatiin in kennaniif.

66Qomoo Qehaat keessaa kaan immoo, biyya gosa Efreem keessaa mandaroota daarii isaanii jiran in argatan.

67Isaan biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa Sheekem mandara namni nama ajjeesee kooluu itti galu, lafa tikaa naannoo ishee jiruu wajjin, Gezeriin,

68Yaaqmi'aamin, Bet-Horoonin,

69Ayalonin, Gaat-Rimoonin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in argatan.

70Biyya walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo mandara Aanerii fi mandara Biile'aam iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin qomoo ilmaan Qehaat warra hafaniif in kennan.

71Sanyiin Gershoom akka kanatti aanee jirutti argatan; biyya walakkaa gosa Minaasee keessaa, Golaan isa Baashaan keessaa fi Eshtaarotin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in argatan.

72Biyya gosa Yisaakor keessaa immoo Qedeesh, Daaberaat,

73Raamoot, Aanem iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin,

74biyya gosa Asheer keessaa Maashaal, Abdoon,

75Huqooqii fi Rehoobin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin,

76biyya gosa Niftaalem keessaas Qedeesh isa Galiilaa keessaa, Haamonii fi Kiriiyat-Aayimin iddoowwan tikaa naannoo isaa jiranii wajjin in argatan.

77Sanyiin Meraarii warri hafan immoo biyya gosa Zebuloon keessaa Rimoonii fi Taaborin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin,

78laga Yordaanos gamaa Yerikoo irraa gara ba'a-biiftuutiin biyya gosa Ruuben keessaa Bezer isa lafa onaa keessaa, Yaahizaa,

79Qedemootii fi Mefaatin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in argatan.

80Biyya gosa Gaadi keessaas Raamoot isa Giil'aad keessaa, Mahanaayim,

81Heshboonii fi Yaazerin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in argatan.

footer>