Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 7:1-40 GAZB1997 - Bible AI

1Ilmaan Yisaakor arfan, Tolaa, Phuwaa, Yaashubii fi Shimroon*.

2Tolaan ilmaan ja'a qaba; isaanis, Uzii, Refaayaa, Yerii'el, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemu'el; isaan kun mana mana abboota isaaniitti dura-buutota, dhaloota bara isaanii keessattis loltoota jajjaboo turan; bara mootummaa Daawit keessa loltoonni isaanii warri jajjaboonni kuma digdamii lamaa fi dhibba ja'a turan.

3Ilmi Uzii, Yizraahiyaa; ilmaan Yizraahiyaa, Mikaa'el, Obaadiyaa, Yo'elii fi Yishiiyaa; isaan kun shanan dura-buutota turan.

4Isaan dubartootaa fi ilmaan baay'ee qabu waan turaniif, akka caaffata hidda dhaloota qomoo isaaniitti loltoota lolaaf qophaa'an kuma soddomii ja'a qabu turan.

5Aantii isaanii kan ta'an guutummaa gosa Yisaakor keessaa akka caaffata hidda dhaloota isaaniitti kan caafaman walumatti loltoota jajjaboo kuma saddeettamii torba turan.[31]

6Ilmaan Benyaamiin sadii; isaanis, Bel'aa, Bekerii fi Yedii'el*.

7Ilmaan Bel'aa, Ezboon, Uzii, Uzii'el, Yeriimootii fi Iirii dha; isaan kun shanan mana mana abboota isaaniitti dura-buutota; sanyii isaanii keessaa akka caaffata hidda dhaloota isaaniitti loltoota kuma digdamii lamaa fi soddomii afur turan.

8Ilmaan Beker Zemiiraa, Yo'aash, Elii'ezer, Elyo'enaayi, Omrii, Yeriimoot, Abiiyaa, Anaatotii fi Alaamet; isaan kun hundinuu ilmaan Beker.

9Akka caaffata hidda dhaloota isaaniitti mana mana abboota isaaniitti dura-buutota kan ta'aniif, loltoonni jajjaboonni kuma digdamaa fi dhibba lama turan.[32]

10Ilmi Yedii'el, Bilhaan; ilmaan Bilhaan immoo Ye'ush, Benyaamiin, Ehud, Kennaanaa, Zetaan, Tarshiishii fi Ahiishaahar.

11Ilmaan Yedii'el kun hundinuu mana mana abboota isaaniitti dura-buutota turan; sanyii isaanii keessaa loltoota jajjaboo lolaaf qophaa'an kuma kudha torbaa fi dhibba lama turan.

12Ilmaan Iir, Shuphiimii fi Huphiim; ilmi Aher immoo Hushiim.

13Ilmaan Niftaalem, Yaahize'el, Gunii, Yezer, Shaalum; isaan kun ilmaan Niftaalem; Niftaalem kun immoo isa Bilhaan deessee dha*.[33]

14Ilmaan Minaasee, Asrii'elii fi Maakiir abbaa qomoo Giil'aadotaa ti; isaan kana Yaalaadaa saajjatoo isaa ishee durba warra Sooriyaatu da'eef*;

15Maakiir obboleettii Huphiimii fi Shuphiim in fuudhe; maqaan ishees ?Ma'akaa? jedhama; ilmaan Maakiir keessaa inni tokko Zelofehaad; inni ijoollee durbaa malee, dhiira hin godhanne.

16Ma'akaan haati manaa Maakiir ilmaan lama deesseefii, isa tokko ?Pheresh? jettee moggaafte, isa kaan immoo, ?Sheresh? jettee in moggaafte; Pheresh ilmaan lama qaba ture; isaanis Ulaamii fi Raaqem.

17Ulaam ilma tokko godhate, maqaan isaas Bedaan; isaan kun sanyii Giil'aad ilma Maakiir Minaasee ti.

18Hamoleket obboleettiin Giil'aad ilmaan sadii godhatte; isaanis Ishood, Abii'ezerii fi Mahilaa dha.

19Ilmaan Shemiidaa, Ahiiyaan, Sheekem, Liikihii fi Aniiyaam.[34]

20Sanyiin Efreem, Shutelaa, Bered, Tahaat, El'aadaa, Tahaat*,

21Zaabaadii fi Shutelaa dha; Ezerii fi El'aad immoo horii namoota biyya Gaatitti dhalatanii duraa fudhachuuf yeroo gad bu'anitti namoota biyyichaatiin in ajjeefaman.

22Efreem abbaan isaanii yeroo dheeraa isaaniif in gadde, yommus obbolaan isaa dhufanii isa in jajjabeessan.

23Efreem ergasii haadha manaa isaa bira in ga'e, isheen immoo ulfooftee ilma in deesse; maatiin isaa rakkina keessa waan turaniif, maqaa isaa ?Berii'aa? jedhee moggaase.

24Maqaan intala isaa immoo Seraa ture; isheen mandaroota Bet-Horoon isa gara gadii, Bet-Horoon isa gara olii akkasumas mandara ?Uzen-Seraa? jedhamu in ijaarsifte.

25Efreem ilma ?Refaa? jedhamu tokkos qaba ture; ilmi Refaa, Resheef; ilmi Resheef, Telaa; ilmi Telaa, Tahaan;

26ilmi Tahaan, La'edaan; ilmi La'edaan, Amiihud, ilmi Amiihud Eliishaamaa;

27ilmi Eliishaamaa, Nun; ilmi Nun, Iyaasuu dha*.[35]

28Lafti dhuunfaa isaanii fi iddoon jireenya isaanii Bet'elii fi mandaroota naannoo ishee jiran, karaa gara ba'a-biiftuu Na'araan, karaa gara lixa-biiftuu Gezerii fi mandaroota naannoo ishee jiran, Sheekemii fi mandaroota naannoo ishee jiran, hamma Ayyaa fi mandaroota naannoo ishee jiraniitti.

29Karaa daarii lafa ilmaan Minaasee immoo, Bet-Shaan, Ta'anaa, Megidoo fi Door mandaroota naannoo isaanii jiranii wajjin ture; sanyiin Yoseef ilma Yaaqoob mandaroota kana keessa in jiraatan.

30Ilmaan Asheer, Yiimnaa, Yishwii fi Berii'aa dha; intalli isaa immoo Seraa*.

31Ilmaan Berii'aa, Heberii fi Malkii'el isa Biirzaawiitin dhalchee dha;

32Heber, Yaafiletin, Shomerin, Hotaamii fi obboleettii isaanii Shuwaa in dhalche.

33Ilmaan Yaafilet kanatti aananii kan jiranii dha; isaanis, Phaasaak, Biimhaalii fi Ashiwaat.

34Ilmaan Shomer, Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Aaram.

35Ilmaan Helem obboleessa isaa, Zofaa, Yiimnaa, Sheleshii fi Aamaal.

36Ilmaan Zofaa, Suwaa, Harnefer, Shuwaal, Berii, Yiimraa,

37Bezer, Hood, Shamaa, Shiilshaa, Yitraanii fi Be'eraa dha.

38Ilmaan Yeter, Yofunee, Fiisphaa fi Eraa dha.

39Ilmaan Ulaa, Araa, Hanii'elii fi Riiziiyaa dha.

40Isaan kun hundinuu gosa Asheer keessaa dura-buutota mana mana abbaa isaanii, loltoota jajjaboo fo'amanii fi dura-buutota gurguddoota isaanii turan; warri lolaaf qophaa'anii akka dhaloota isaaniitti caafaman namoota kuma digdamii ja'a turan.[36]

footer>