Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 8:1-40 GAZB1997 - Bible AI

1Ilmaan Benyaamiin kanatti aananii kan jiranii dha; inni angafni Bel'aa, inni lammaffaan Ashbel, inni sadaffaan Ahiiraa*,

2inni afuraffaan Nohaa, inni shanaffaan immoo Raafaa dha.

3Ilmaan Bel'aa immoo, Adaar, Geraa, Abiihud,

4Abiishuwaa, Na'amaan, Aho'aa,

5Geraa, Shefufaanii fi Huraam.[37]

6Ilmaan Ehud warri namoota Gebaa keessa jiraatanii fi mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'an, warri achii kaafamanii gara Manahaatitti geeffaman kanatti aananii jiru.

7Isaanis Na'amaan, Ahiiyaa fi Geraa dha; Geraa kanatu achii isaan kaase; inni abbaa Uzaa fi Ahiihud.

8Shaharaayaam dubartoota isaa Hushiimii fi Ba'araa erga baasee booddee biyya Mo'aabitti ilmaan in godhate.

9Haadha manaa isaa Hodeesh irraa, Yobaab, Ziibiiyaa, Meshaa, Maalkaam,

10Ye'uz, Saakiyaa fi Miirmaa in godhate; isaan kun hundinuu dura-buutota qomoo isaanii turan.

11Haadha manaa isaa Hushiim irraa immoo, Abiitubii fi Elphaa'alin in dhalche.

12Ilmaan Elphaa'al, Ebeer, Miishaamii fi Shemed; Shemed kun isa mandaroota Onoo fi Loodin gandeen naannoo isaanii jiranii wajjin ijaaree dha.

13Berii'aanii fi Shemaan, namoota mandara Ayalon keessa jiraatanii fi mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota turan; isaan namoota mandara Gaat keessa jiraatan ari'anii in baasan.

14Ahiiyon, Shaashaaq, Yeremoot,

15Zebaadiyaan, Araad, Ader,

16Mikaa'el, Yiisphaanii fi Yohaan immoo ilmaan Berii'aa ti.

17Zebaadiyaan, Meshulaam, Hiizeqiin, Heber,

18Yiishmeraayi, Yiizlii'aanii fi Yobaab ilmaan Elphaa'al.

19Yaaqiim, Ziikriin, Zabdiin,

20Elii'enaayi, Ziletaayi, Elii'el,

21Adaayaan, Beraayaanii fi Shiimraat ilmaan Shime'ii turan.

22Yiishphaan, Ebeer, Elii'el,

23Abdoon, Ziikriin, Haanaan,

24Hanaaniyaan, Elaam, Antotiiyaan,

25Yefdeyaanii fi Phenu'el ilmaan Shaashaaq turan.

26Shamsheraayi, Shehariiyaan, Ataaliyaan,

27Yaa'areshiiyaan, Eliyaanii fi Ziikriin ilmaan Yerohaam turan.

28Isaan kun akka dhaloota isaaniitti mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota angafootaa ta'anii caafamanii Yerusaalem keessa kan jiraatanii dha.

29Yei'el mandara Giibe'on ijaaree achuma in jiraate; maqaan haadha manaa isaa Ma'akaa dha.

30Ilmaan isaa immoo inni angafni Abdoon, itti aane immoo Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab,

31Gedoor, Ahiiyoo, Zaaker,

32Miiklot isa Shime'aa dhalche turan; isaan kunis fuullee lammii isaanii Yerusaalem keessa in jiraatan.

33Neer, Qiishin dhalche; Qiish, Saa'olin dhalche; Saa'ol, Yonaataanin, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aalin dhalche.

34Ilmi Yonaataan, Meriib-Ba'aal; Meriib-Ba'aal Miikaa dhalche.

35Ilmaan Miikaa Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz.

36Ahaaz, Yeho'adaa dhalche; Yeho'adaan Aalemet, Azmaawetii fi Ziimrii in dhalche; Ziimriin immoo Mozaa in dhalche.

37Mozaan, Biine'aa dhalche; Biine'aan, Raafaa dhalche; Raafaan, El'aasaa dhalche; El'aasaan, Azeelin dhalche.

38Azeel ilmaan ja'a qaba; maqaan isaaniis Azriiqaam, Bokeruu, Ishmaa'el, She'ariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan; isaan kun hundinuu ilmaan Azeel*.

39Ilmaan Asheeq obboleessa isaatii immoo, Ulaam isa angafa, Ye'ush isa lammaffaa dha, Eliifelex isa sadaffaa dha.

40Ilmaan Ulaam loltoota jajjaboo warra iddaa baatan turan; baay'inni ijoollee isaanii fi ijoollee ijoollee isaanii dhibba tokkoo fi shantama ture; isaan kun hundinuu immoo ijoollee Benyaamiin.[38]

footer>