1Israa'eloonni hundinuu akka toora hidda dhaloota isaaniitti macaafa mootota Israa'el keessatti in caafaman; namoonni Yihudaa sababii irra-daddarbaa isaaniitiif booji'amanii biyya Baabilonitti in geeffaman*.
2Warri jalqaba lafa dhaala isaaniitti, mandaroota isaaniittis deebi'anii galan, Israa'eloota warra kaan, luboota, Lewwootaa fi hojjetoota mana qulqullummaa keessaa turan.
3Sanyii Yihudaa keessaa, sanyii Benyaamiin keessaa, sanyii Efreem keessaa fi sanyii Minaasee keessaa warri Yerusaalem keessa jiraatan immoo kanatti aananii jiru;
4Utaayi ilma Amiihud, ilma Omrii, ilma Iimrii, ilma Baanii sanyii Faares ilma Yihudaa ti.
5Sanyii Shiiloon keessaa immoo Asaayaa ilma isaa isa angafaa fi ilmaan isaa ti.
6Sanyii ilmaan Zeraa keessaa, Yeu'elii fi obboloonni isaanii namoota dhibba ja'aa fi sagaltama turan.
7Sanyii Benyaamiin keessaa, Sa'aaluu ilma Meshulaam, ilma Hodaawiyaa, ilma Hasenu'aa,
8Yiibneyaa ilma Yerohaam, Elaa ilma Uzii, ilma Miikrii, Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilma Reu'el, ilma Yiibniyaa ti.
9Obboloonni isaaniis akka caaffata hidda dhaloota isaaniitti dhibba sagalii fi shantamii ja'a; isaan kun hundinuu mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota qomoo turan.
10Luboota keessaa immoo Yedaa'iyaa, Yoyaariib, Yaakiin,
11Azaariyaa ilma Hiilqiiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixub isa itti gaafatamaa hojii mana qulqullummaa keessaa*,
12Adaayaa ilma Yerohaam, ilma Phashhur, ilma Malkiiyaa akkasumas Ma'asaayi ilma Adii'el, ilma Yaahizeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshiilemiit, ilma Iimer turan.
13Obboloonni isaaniis mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota kan ta'an, namoota kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi jaatama; isaan kun hojii mana qulqullummaa keessaa hojjechuu kan danda'an turan.
14Lewwoota keessaa, Shemaa'iyaa ilma Hashub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa isa Meraarichaa ti;
15Baqbaqar, Heresh, Gaalaal, Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Ziikrii, ilma Asaaf,
16Obaadiyaa ilma Shemaa'iyaa, ilma Gaalaal, ilma Yedutuun, Berekiiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa isa gandeen Netofaatotaa keessa jiraate turan.
17Warri karra-eegdonni, Shaalum, Aquub, Talmoon, Ahimaanii fi obboloota isaanii tis; Shaalum dura-butuu isaanii ture.
18Isaan kun hamma har'aatti iyyuu eegdota karra isa mootiin ittiin ol galu isa gara ba'a-biiftuu ti; buufata ilmaan Lewwii keessaa karra-eegdonni isaan kana turan.
19Akkuma abboonni isaanii balbala dunkaana wal ga'ii eeguutti gaafatamoo turan, Shaalum ilmi Qoree, ilmi Ebiyaasaaf, ilmi Qoraahii fi obboloonni isaa Qoraahonni mana abbaa isaatii keessaa, hojii mana qulqullummaa keessatti hojjetamuutti gaafatamoo turan.
20Fiinehaas ilmi Ele'azaar dur bulchaa karra-eegdotaa ti, Waaqayyos isaa wajjin ture.
21Zakaariyaas ilmi Meshelemiyaa balbala dunkaana itti wal ga'anii in eega ture.
22Warri balbala duraan karra eeguudhaaf fo'aman walumatti dhibba lamaa fi kudha lama; isaan akka akka hidda dhaloota isaaniitti gandeen isaanii keessatti in caafaman; isaan kun warra Daawitiif Saamu'el ilaaltichi hojii hojii isaanii irra dhaabanii dha.
23Akkuma dur sanyiin isaanii karra dunkaana isa qulqullaa'aa eeguutti gaafatamoo turan, warri hojii irra dhaabaman kunis karra mana qulqullummaa eeguutti gaafatamoo dha.
24Karaa qixa arfanuutiin karaa ba'a-biiftuu, karaa lixa-biiftuu, karaa bitaa fi karaa mirgaatiin namoonni karra eegan itti godhamanii turan.
25Aantiin isaanii warri gandeen keessa jiraatanis yeroo yerootti dhufanii guyyaa torbaaf isaanii wajjin in eegu turan.
26Lewwoonni warri angafoonni karra-eegdotaa arfan, kutaawwan mana qulqullummaa fi iddoo mi'i mana qulqullummaa kaa'amu amanamummaadhaan eeguudhaaf itti gaafatamu turan.
27Isaan kun mana qulqullummaa eeguun, ganama ganamas karra isaa banuun itti gaafatama isaanii waan ta'eef, naannoo manichaa in jiraatu turan.
28Isaan keessaa kaan mi'a mana qulqullummaa keessatti ittiin hojjetamu lakkaa'anii baasuu fi lakkaa'anii galchuutti kan gaafataman turan.
29Isaan keessaa warri kaan immoo qodaa, mi'a qulqullaa'aa hundumaa irratti, daakuu qamadii isa ba'eessa, daadhii waynii, dhadhaa ejersaa, ixaanaa fi urgooftuuwwan irratti gaafatamoo turan.
30Ilmaan lubootaa keessaa kaan urgooftuuwwan sana waliin makanii kan qopheessanii dha.
31Lewwoota keessaa ?Matiitiyaa? kan jedhamu ilmi Shaalum Qoraahichaa inni angafni, amanamaa waan ta'eef, buddeena aarsaadhaaf dhi'aatu tolchisiisuu irratti gaafatamaa ture.
32Lammii isaanii Qehaatota keessaa immoo kaan buddeena ilaalchaa Sanbatuma Sanbatatti qopheessuudhaaf itti gaafatamoo dha.
33Faarfatoonni qomoo Lewwii keessaa mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'an immoo, kutaawwan mana qulqullummaa keessa kan taa'an, hojjicha irratti halkanii fi guyyaa in gaafatamu waan turaniif, hojii biraatti hin waamaman.
34Isaan kun hundinuu qomoo Lewwii keessaa dura-buutota mana mana abbaa isaanii warra hidda dhaloota isaanii keessatti caafamanii, Yerusaalem keessa jiraatan turan.
35Yei'el mandara Giibe'on ijaaree achuma in jiraate; maqaan haadha manaa isaa Ma'akaa dha.
36Ilmaan isaa immoo inni angafni Abdoon, itti aane immoo Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab,
37Gedoor, Ahiiyoo, Zakaariyaas, Miiklot;
38Miiklot, Shime'aamin dhalche; isaan kunis lammii isaanii wajjin Yerusaalem keessa in jiraatan.
39Neer, Qiishin dhalche; Qiish, Saa'olin dhalche; Saa'ol, Yonaataanin, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aalin in dhalche.
40Ilmi Yonaataan Meriib-Ba'aal; Meriib-Ba'aal immoo Miikaa dhalche.
41Ilmaan Miikaa Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz.
42Ahaaz, Yaaraa dhalche; Yaaraan Alemet, Azmaawetii fi Ziimrii dhalche; Ziimriin immoo Mozaa dhalche.
43Mozaan, Biine'aa dhalche; Biine'aan, Refaayaa dhalche; Refaayaan, El'aasaa dhalche; El'aasaan, Azeelin dhalche;
44Azeel ilmaan ja'a in godhate; maqaan isaaniis Azriiqaam, Bokeruu, Ishmaa'el, She'ariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan ture; ilmaan Azeel isaan kana turan.