1Solomoon ilmi Daawit mootummaa isaa in jabeeffate; Waaqayyo gooftaan isaa inni isaa wajjin ture, nama guddaa beekamaa isa in godhe*.
2Yommus Solomoon namoota Israa'el hundumaatti, angafoota kumaatti, angafoota dhibbaatti, abboota firdiitti, gurguddoota Israa'el hundumaatti, mana mana abboota isaaniitti dura-buutota kan ta'anittis in dubbate.
3Kana booddees guutummaa wal ga'ichaa wajjin gara iddoo sagadaa isa ol ka'aa, isa gaara Giibe'on irratti argamuu, lafa dunkaanni itti wal ga'an inni Museen garbichi Waaqayyoo lafa onaa keessatti tolchee jiru in dhaqe*.
4Haa ta'u iyyuu malee, Daawit sanduuqa kakuu Waaqayyoo isa Kiriiyat-Ya'ariim ture fidee, dunkaana isa Yerusaalem keessa isaaf dhaabe keessa kaa'ee ture*.
5Iddoon aarsaa inni Bazaali'el ilmi Urii akaakayyuun Huur sibiila borrajjii irraa hojjetee dunkaana isa ulfinni Waaqayyoo keessatti mul'atu dura dhaabee ture garuu achumatti hafe; kanaaf Solomoon wal ga'ichaa wajjin Waaqayyoof sagaduudhaaf achi dhaqe*.
6Yommus Solomoon iddoo aarsaa sibiila borrajjii irraa hojjetamee, fuula Waaqayyoo dura dunkaana itti wal ga'an keessa kaa'ame sanatti ol ba'ee, achi irratti horii kuma tokko guutummaatti qalma gubamu in dhi'eesse.
7Halkan gaafasii Waaqayyo Solomoonitti mul'atee, ?Wanta feetu na kadhadhu! Ani immoo siif nan kenna? jedheen.
8Solomoon immoo deebisee Waaqayyoon, ?Ati Daawit abbaa kootti gaarummaa guddaa argisiifteetta, ani immoo iddoo isaa bu'ee mootii akkan ta'u gooteetta.
9Egaa yaa Waaqayyo gooftaa! Ati saba akka biyyoo lafaa baay'atu irratti ana moosifteetta'o, isa Daawit abbaa koo abdachiifte raawwadhu*!
10Ogummaa fi beekumsa ani ittiin saba kana bulchu anaaf kenni; kana malee ani attamittan saba kee isa guddaa kana geggeessuu danda'a ree?? jedhe.
11Waaqayyo yommus Solomooniif deebisee, ?Ati badhaadhummaa, qabeenya guddaa, ulfina, diinonni kee akka dhuman, ofii keetii immoo bara dheeraa akka jiraattu hin kadhanne; qooda kanaa saba koo isa ani irratti si moosise bulchuu akka dandeessuuf ogummaa fi beekumsa waan kadhatteef,
12ani ogummaa fi beekumsa siif nan kenna; kana malees badhaadhummaa fi qabeenya guddaa, ulfinas siif nan kenna; sanyii isa kanaa mootota si dura turan keessaa tokko illee hin arganne, mootota si booddee mo'an keessaas tokko illee kana argachuu kan danda'u hin jiru? jedhe.
13Kana booddee Solomoon, iddoo sagadaa isa ol ka'aa, isa gaara Giibe'on irratti argamu, lafa dunkaanni itti wal ga'an jiru sanaa ka'ee gara Yerusaalemitti in deebi'e; achi taa'ee saba Israa'el irratti in mo'e.
14Solomoon mootichi konkolaattota kuma tokkoo fi dhibba afurii fi abboota fardeenii kuma kudha lama walitti in qabate; isaan keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa in kaa'e, gara kaan immoo of bira mandara Yerusaalem keessa in kaa'e*.
15Akkasumas meetii fi warqeen Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa akka baay'atu, gaattiraanis akkuma mukti harbuu biyya gaara jalaatti baay'atu akka baay'atu in godhe*.
16Inni fardeen isaa biyya Gibxii fi biyya Qiliiqiyaa keessaa in fichisiise; naggaadonni mootichaa biyya Qiliiqiyaa keessaa bitanii isaan in fidan*.
17Konkolaataa tokko meetii akka kiiloo torbaa miijanuun, farda tokko immoo meetii akka kiiloo tokkoo fi walakkaa miijanuun biyya Gibxii keessaa in bitu; dabarsaniis mootii Heetotaa fi mootii Sooriyaatti in gurguru turan.