1Rehobiyaam Yerusaalemitti yommuu deebi'e, Israa'eloota lolanii gara mootummaa isaatti akka isaaf deebisaniif, gosa Yihudaa fi gosa Benyaamiin keessaa loltoota beekamoo kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettama walitti in qabate.
2Dubbiin Waaqayyoo garuu gara Shemaa'iyaa raajichaa dhufee,
3?Rehobiyaam ilma Solomoon mootii Yihudaatiin akkasumas Israa'eloota gosa Yihudaa fi gosa Benyaamiin ta'an hundumaan,
4?Waaqayyo:- wanti ta'e kun fedhuma kootiin waan raawwatameef, isin obboloota keessan loluudhaaf ol hin ba'inaa! Hundumti keessan gara mana mana keessaniitti deebi'aa! jedhe? jedhiin!? jedhe; kana irratti isaan Waaqayyoof abboomamanii Yerobi'aamitti duuluu dhiisanii deebi'anii in galan.
5Rehobiyaam Yerusaalem keessa taa'ee diina ittiin of irraa dhowwuuf biyya Yihudaa keessatti mandaroota masaraa ciccimaa qaban in ijaarsise.
6Mandaroonni inni ijaarsises, Betlihem, Etaam, Teqo'aa,
7Bet-Zuur, Sokoo, Adulaam,
8Gaat, Maareshaa, Ziif,
9Adoraayim, Laakiish, Azeqaa,
10Zoraa, Ayalonii fi Kebroon turan; mandaroonni masaraa ciccimaa qaban kun hundinuu biyya Yihudaa fi biyya Benyaamiin keessatti ijaaraman.
11Yommus Rehobiyaam masaraa jabeessee itti ijaarsisee, ajajjuuwwan duulaa erga itti godhee booddee, nyaataa fi daadhii waynii, dhadhaa ejersaas achi keessa in tuulchise.
12Akkasumas gaachanaa fi eeboo baay'ee mandaroota sana keessa tuulchisee, akka isaan baay'ee jabaatan in godhe; akkasitti biyya Yihudaa fi biyya Benyaamiin mootummaa isaa jalatti in eeggate.
13Yeroo sana luboonnii fi Lewwoonni warri kutaa biyya Israa'el hundumaa keessa jiran gara Rehobiyaam in goran.
14Warri Lewwootaa luboota ta'anii Waaqayyoof akka hin hojjenneef Yerobi'aamii fi ilmaan isaa waan isaan dhowwaniif, iddoo horii isaanii tikfatan akkasumas qabeenya isaanii dhiisanii gara biyya Yihudaa fi gara Yerusaalem in dhufan*.
15Yerobi'aam yommus waaqayyolii tolfamoo fakkaattii korbeeyyii reettii fi jibootaa tolchee iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadan irra dhaabbate sanaaf luboota in fo'ate*.
16Gosa Israa'el hundumaa keessaa warri garaa isaanii guutuu Waaqayyoon gooftaa Israa'el isa kan abboota isaanii duukaa bu'uu barbaadan hundinuu, aarsaa isaaf dhi'eessuudhaaf warra Lewwootaa duukaa bu'anii gara Yerusaalem in dhufan.
17Isaan akkasitti mootummaa Yihudaa jabeessanii, waggaa sadiif Rehobiyaam ilmi Solomoon akka jabaatu in godhan; waggaa sadan kana akkuma bara Daawitii fi bara Solomoon keessa jiraachaa turanitti in jiraatan.
18Rehobiyaam kun Mahalaat intala Yeriimoot ilma Daawit in fuudhe; haati ishee Abiihaayil intala Eliiyaab ilma Iseyii ti.
19Isheen ilmaan sadii deesseef; maqaan isaaniis, Ye'ush, Shemaariyaa fi Zahaam jedhama.
20Kana booddee immoo Ma'akaa intala Abiishaalom in fuudhe; isheen immoo ilmaan afur in deesseef; maqaan isaaniis Abiiyaa, Aataayi, Ziizaa fi Shalomiit jedhama.
21Rehobiyaam niitota isaa warra kaan hundumaa fi saajjatoota isaa caalaa haadha manaa isaa Ma'akaa intala Abiishaalom in jaallate; inni walumatti niitota kudha saddeetii fi saajjatoota jaatama qaba ture; ilmaan isaa digdamii saddeet intaloonni isaa immoo jaatama turan.
22Isaan kana keessaa ilma isaa Abiiyaa isa Ma'akaa irraa godhate mootii gochuu waan fedheef, obboloota isaa irratti aboo in kenneef.
23Rehobiyaam afchaalummaa isaatiin ilmaan isaa warri kaan kutaa biyya Yihudaa fi biyya Benyaamiin keessa akkasumas mandaroota dallaa ciccimaa qaban hundumaa keessa tatamsa'anii akka jiraatan in godhe; midhaan baay'ee isaaniif in kenne, niitota baay'ees isaan in fuusise*.