Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 12:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Rehobiyaam mootummaa isaa cimsatee ofii isaatiis erga jabaatee guutummaa saba Israa'elii wajjin seera Waaqayyoo in dhiise.

2Sababii isaan Waaqayyo irratti ka'aniif, Rehobiyaam mo'ee waggaa shanaffaa isaatti Shiishaaq mootiin Gibxii Yerusaalemitti in duule.

3Inni konkolaattota kuma tokkoo fi dhibba lamaan, abboota fardeenii kuma jaatamaan, loltoota warra Liibiyaa, warra Sukiimii fi warra Kuush dabalatee, loltoota lakkoobsi isaanii hammana hin jedhamne fudhatee, biyya Gibxii keessaa ka'ee itti duulee.

4Mandaroota Yihudaa warra dallaa ciccimaa qaban in qabate; kana booddee immoo hamma Yerusaalemitti in dhufe.

5Yommus Shemaa'iyaan raajichi gara Rehobiyaamiif gara dura-buutota Yihudaa warra Shiishaaqin sodaatanii Yerusaalemitti walitti qabamanii dhufee, ?Waaqayyo, ?Isin waan ana dhiiftaniif, anis immoo harka Shiishaaqitti gad isin dhiiseera? jedha? jedhee isaanitti dubbate*.

6Kana irratti mootichii fi dura-buutonni Israa'el gad of deebisanii, ?Wanti Waaqayyo hojjetu qajeelaa dha? jedhan.

7Waaqayyo akka isaan gad of deebisan yommuu arge dubbii isaa Shemaa'iyaadhaaf ergee, ?Isaan ana Waaqayyo duratti waan gad of deebisaniif, ani dafee isaan nan oolcha malee isaan hin balleessu; rukuttaa Shiishaaq jalaas Yerusaalemin nan oolcha.

8Haa ta'u iyyuu malee, isaan anaaf hojjechuu fi mootota biyya biraatiif hojjechuun garaagarummaa akka qabu akka beekaniif Shiishaaq mootichaaf in abboomamu? jedhe.[31]

9Shiishaaq mootiin Gibxii Yerusaalemin yommuu rukute mi'a mana qulqullummaa fi mi'a mana mootummaa keessa jiru saamee, wanta hundumaa, gaachanoota Solomoon warqee irraa hojjechiise iyyuu in fudhate.

10Ergasii Rehobiyaam mootichi iddoo gaachanoota warra fudhatamanii sibiila borrajjii irraa gaachana hojjechiisee, ajajjuuwwan eegdota karra mana mootummaatti in kenne.

11Mootichi gara mana qulqullummaa yeroo dhaqu hundumaatti, eegdonni karra mana mootummaa gaachana sana qabatanii isaa wajjin in dhaqu, yommuu deebi'an immoo mana eegdotaa keessa in kaa'u turan.

12Rehobiyaam gad waan of deebiseef, dheekkamsi Waaqayyoo guutummaatti utuu isa hin balleessin isa irraa in deebi'e; amma iyyuu biyya Yihudaa keessa wanti gaggaariin muraasi jiru turan*.[32]

13Rehobiyaam mootii yommuu ta'e nama waggaa afurtamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessa taa'ee ittuma fufee jabaatee in mo'e; Yerusaalem mandara ishee Waaqayyo mandaroota gosoota Israa'el hundumaa keessaa fo'atee, ulfinni maqaa isaa achi keessa akka taa'u godhe keessatti waggaa kudha torba mo'e; maqaan haadha isaatii ?Na'aamaa? jedhama; isheen intala nama biyya Amoon turte.

14Inni yaada isaatiin Waaqayyoon barbaaddachuutti jabaatee waan hin dhaabatiniif, wanta hamaa in hojjete.

15Rehobiyaam mootichi bara mootummaa isaa keessa kan inni hojjete jalqabaa hamma dhumaatti caaffata isa Shemaa'iyaan raajichi, caaffata Iddoon ilaaltichi waa'ee hidda dhalootaa caafe keessa jira mitii ree? Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara jireenya isaanii hundumaa wal lolaa turan*.

16Kana booddee Rehobiyaam du'ee, mandara Daawit keessatti in awwaalame; Abiiyaan ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.[33]

ll>