1Yerobi'aam mootiin Israa'el mo'ee waggaa kudha saddeettaffaa isaatti Abiiyaan biyya Yihudaa irratti mootii in ta'e.
2Inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa sadii mo'e; haati isaa ?Miikaayaa? jedhamti; isheen intala Urii'el nama mandara Giibe'aa ti; Abiiyaa fi Yerobi'aam gidduuttis lolli ka'ee ture.
3Abiiyaan loltoota jajjaboo kumaatama dhibba afur fo'atee lolatti in ka'e; Yerobi'aam immoo loltoota jagnoota kumaatama dhibba saddeet fo'atee lolatti in ba'e.
4Yommus Abiiyaan biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa tulluu Zamaraayim irra dhaabatee, ?Yaa Yerobi'aam, isin namoonni Israa'el hundinuus mee dhaga'aa!
5Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el, kakuu soogiddaan bara baraaf jabaatee dhaabateen Daawitiif, sanyii isaatiifis Israa'el irratti mootummaa akka kenne hin beektanii ree*?
6Yerobi'aam ilmi Nebaat hojjetaa Solomoon ilma Daawit inni ture garuu amma gooftaa isaa irratti ka'eera.
7Namoonni gatii hin qabnee fi namoonni waa'ee hin baafne gara isaa goranii, Rehobiyaam ilma Solomoonitti in jabaatan; Rehobiyaam immoo mucaa laphe-laafessa waan tureef, isaaniin mormuu hin dandeenye.
8?Isin amma mootummaa Waaqayyoo isa harka sanyii Daawit keessa jiruun mormuuf baatan; isin lakkoobsatti baay'ee dha, waaqayyolii tolfamoo warra Yerobi'aam mootichi fakkaattii jabbootaa warqee irraa isiniif tolchisiises of biraa qabdu*.
9Kana malees ilmaan Aaron warra luboota ta'anii Waaqayyoof hojjetanii fi Lewwoota ariitanii iddoo isaanii immoo akkuma saba warra kaanii luboota ofii keessaniif godhattaniittu mitii? Namni luba ta'uudhaaf dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba fidee dhufu, waaqayyolii tolfamoodhaaf luba in ta'a*.
10Nuuf garuu Waaqayyotu gooftaa keenya, nuyi isa hin dhiifne; ilmaan Aaron hojii lubummaa isaaniitiin Waaqayyoof in hojjetu, Lewwoonnis isaan in gargaaru.
11Isaan ganamaa fi galgala qalma gubamuu fi ixaana fooliin isaa urgaa'u Waaqayyoof in dhi'eessu, buddeena ilaalchaa gabatee akka seeraatti qulqulluu ta'e sana irra in kaa'u, galgala galgalas ibsaa, isa baattuu ibsaa isa warqee irraa hojjetame irra jirus in qabsiisu; nuyi akkasitti wanta Waaqayyo keenya nu abboome in eegna, isin garuu isa dhiiftaniittu.
12Kunoo! Waaqayyo nuu wajjin jira, inni nu geggeessa, luboonni isaas fiingee afuufanii lola isinitti in kaasisu; yaa namoota Israa'el, kun isin hin baasuutii Waaqayyo gooftaa isa kan abboota keessanii hin lolinaa!? jedhe*.
13Yerobi'aam garuu loltoota isaa keessaa warra kaanii wajjin karaa fuula duraa ture; loltoota isaa keessaa warri kaan immoo karaa booddee riphanii akka eeggataniif in naannesse.
14Warri Yihudaa gara galanii yommuu ilaalan karaa fuula duraa fi karaa booddee lolli akka isaanitti qophaa'e in argan; kana irratti isaan gara Waaqayyootti in wawwaatan, luboonnis fiingee in afuufan.
15Namoonni Yihudaa iyya lolaa in dhageessisan; yommuu isaan iyyan Waaqayyo immoo Abiiyaa fi namoota Yihudaa duratti Yerobi'aamii fi Israa'eloota hundumaa in rukute.
16Waaqayyo harka namoota Yihudaatti dabarsee waan isaan kenneef, namoonni Israa'el Yihudoota duraa in baqatan.
17Yommus Abiiyaa fi loltoonni isaa rukuttaa guddaa isaan rukutanii loltoota Israa'el keessaa loltoota fo'amoo kumaatama dhibba shan in fixan.
18Namoonni Israa'el yeroo sana baay'ee in yeellaasifaman; namoonni Yihudaa garuu Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii waan amanataniif mo'icha in argatan*.
19Abiiyaan ergasii Yerobi'aam duukaa bu'ee ari'ee mandaroota Bet'el, Yeshaanaa fi Efronin, gandeen naannoo mandaroota kanaa jiranii wajjin isa irraa in fudhate.
20Bara Abiiyaa keessa Yerobi'aam akka isaa duriitti deebi'ee humna hin arganne, gara dhumaattis Waaqayyo rukutee isa in ajjeese.
21Abiiyaan garuu isa durii caalaa in jabaate; inni niitota kudha afur fuudhee, ilmaan digdamii lamaa fi intaloota kudha ja'a in godhate.
22Wanta Abiiyaan bara mootummaa isaa keessa hojjete keessaa warri hafan, akki inni itti mo'aa ture, kan inni dubbates isa Iddoon raajichi waa'ee isaa ibsee caafe keessatti in argama*.