1Abiiyaan mootichi du'ee, mandara Daawit keessatti in awwaalame; Aasaan ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e; bara mootummaa Aasaa keessa biyyattiin waggaa kudhan nagaadhaan teesse.
2Aasaan wanta Waaqayyo gooftaa isaa duratti gaarii fi qajeelaa ta'e in hojjete.
3Inni iddoo aarsaa isa kan waaqayyolii ormaa fi iddoowwan sagadaa warra ol ka'oo in diigsise, utuboota dhagaa qulqullaa'ootti ilaalaman in caccabse, mukkeetii qiqqirixamanii waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabamanis in jijjigse.
4Kana booddee namoonni Yihudaa Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii yaadaan akka barbaaddataniif, akka seera isaa fi akka abboommii isaatti akka jiraataniif in abboome.
5Akkasumas iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadanii fi iddoowwan aarsaa ixaanaa irratti aarsan mandaroota Yihudaa hundumaa keessaa in balleesse; bara isaa keessa mootummaa isaa nagaatti in geggeesse*.
6Biyyichi nagaa waan qabuuf, inni biyya Yihudaa keessatti mandaroota masaraa qaban in ijaare; Waaqayyo boqonnaa waan isaaf kenneef, bara sana keessa namni lola isatti kaase hin turre.
7Inni yommus namoota Yihudaatiin, ?Biyyichi harka keenya jala waan jiruuf, kottaa mandaroota kana ijaarree, kellaa riqaa qabu itti naannessinee, karra itti baafnee, danqaraa karra ittiin cufanis itti in keenya! Nuyi Waaqayyoon gooftaa keenya waan barbaanneef, inni naannoo keenya hundumaatti boqonnaa nuuf kenneera? jedhe; kana irratti isaan ka'anii in ijaaran, hojiin isaaniis wal in qixxaateef.
8Aasaan mootichi, Yihudaa keessaa loltoota kumaatama dhibba sadii warra gaachana gurguddaa fi eeboo qabatan, gosa Benyaamiin keessaas immoo loltoota kumaatama dhibba lamaa fi kuma saddeettama warra gaachana xixinnaa fi iddaa qabatan qaba ture; loltoonni kun hundinuu jagnoota jajjaboo dha.
9Yeroo sanatti Zeraan namni biyya Itiyoophiyaa loltoota millionii tokkoo fi konkolaattota dhibba sadiin isaanitti duuluudhaaf ba'ee hamma Maareshaatti in dhufe.
10Aasaan isa loluudhaaf gad in ba'e; isaan lamaanis namoota isaanii wajjin dachaa Zefaataa isa Maareshaatti dhi'oo jiru keessatti wal loluuf qophaa'anii in dhaabatan.
11Yommus Aasaan, ?Yaa Waaqayyo! Kan akka kee warra humna hin qabne gargaaree, warra humna guddaa qaban jalaa baasuu danda'u hin jiru; yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, nuyi si amanannee maqaa keetiin loltoota sonaan baay'atan kana loluudhaaf baaneerra ati nu gargaari! Yaa Waaqayyo ati gooftaa keenya, namni tokko illee si irratti humna akka argatu hin godhin!? jedhee Waaqayyo gooftaa isaa in waammate*.
12Kana irratti Waaqayyo fuula Aasaa mootichaa fi fuula warra Yihudaa duraa warra Itiyoophiyaa in rukute, isaanis in baqatan.
13Aasaan, warri isa duukaa turanis hamma Geraaritti duukaa bu'anii isaan in ari'an; gaafas loltoota warra Itiyoophiyaa keessaa namoonni danuun waan dhumaniif, warri hafan jabaachuu hin dandeenye; yommus isaan Waaqayyoo fi loltoota isaa duratti waan caccabaniif, loltoonni isaa sun boojuu sonaan baay'ee in argatan.
14Waaqayyo namoota mandaroota naannoo Geraar jiran hundumaa waan naasiseef, loltoonni Yihudaa isaan rukutanii, qabeenya danuu mandaroota sana hundumaa keessa jiran in saaman, boojuus in booji'an.
15Akkasumas godoo warra horii tiksanii rukutanii bushaayee fi gaalota danuu booji'anii gara Yerusaalemitti in deebi'an.