Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 15:1-19 GAZB1997 - Bible AI

1Ergasii hafuurri Waaqayyoo Azaariyaa ilma Odeediif in dhufe.

2Azaariyaan yommus gara Aasaa mootichaa dhaqee, ?Yaa Aasaa, isinis yaa namoota Yihudaa, yaa namoota Benyaamiin hundumti keessan mee na dhaga'aa! Yoo isin Waaqayyo duukaa buutanii jiraattan, innis isinii wajjin in jiraata; yoo isa barbaaddattan, inni immoo isiniif in argama; isin yoo isa dhiiftan garuu, innis isin in dhiisa*.

3Namoonni Israa'el bara baay'ee Waaqayyo isa dhugaa malee in jiraatan; baras luba isaan barsiisu hin qaban, seera Waaqayyoos hin beekan turan*.

4Isaan rakkatanii gara Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'elitti deebi'anii yommuu isa barbaaddatan, inni immoo isaaniif in argame*.

5Bara sana warri biyya garaa garaa keessa jiraatan hundinuu raafama guddaa keessa waan turaniif, namni nagaadhaan gad ba'ee, nagaadhaan ol galuu danda'u hin turre.

6Rakkina garaa garaatiin gara itti goran Waaqayyo waan isaan wallaalchiseef, sabni tokko saba isa kaan, mandarri tokkos mandara isa kaan rukutee in caccabsa ture*.

7Isin garuu gatii dadhabbii keessanii waan argattaniif, jabaadhaa, humni isin hin bu'in!? jedhe*.[40]

8Aasaan dubbii Azaariyaan ilmi Odeed raajichaa dubbate yommuu dhaga'e in jabaate, waaqayyolii tolfamoo warra ciiggaasisoo guutummaa biyya Yihudaa keessaa, gosa Benyaamiin gidduudhaa akkasumas mandaroota biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa warra qabate keessaas in balleesse; ergasii inni iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo isa gardaafoo mana qulqullummaa dura jiru immoo deebisee in ijaare.

9Kana booddee inni namoota Yihudaa fi namoota Benyaamiin akkasumas mootummaa Israa'el, kutaa biyya Efreemii fi biyya Minaasee, kutaa biyya Shimi'oon keessaas kan dhufan hundumaa walitti in qabe; warri biyya isaatti galan kunis Waaqayyo gooftaan isaa isaa wajjin akka jiru arganii isatti of in kennan*.

10Isaan, Aasaan mo'ee waggaa kudha shanaffaatti, waggicha keessaa ji'a sadaffaatti Yerusaalemitti walitti in qabaman.

11Horii booji'anii fidan keessaa gaafas saawwan dhibba torbaa fi bushaayee kuma torba Waaqayyoof aarsaa in dhi'eessan.

12Isaan garaa isaanii hundumaan, yaada isaanii hundumaanis Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii barbaaddachuuf kakuu in galan.

13Isaan keessaa xinnaan yookiis guddaan, dhiirri yookiis dubartiin namni Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el hin waaqeffanne akka ajjeefamu in godhan.

14Gaafas isaan fiingee akkasumas fiinoo afuufanii, sagalee isaaniis ol fuudhanii ililleedhaan Waaqayyoof kakuu in galan.

15Namoonni Yihudaa hundinuu garaa guutuudhaan waan kakataniif, waa'ee kakuu sanaaf in gammadan; isaan yaada isaanii guutuudhaan Waaqayyoon waan barbaaddataniif inni isaanitti in mul'ate, karaa hundumaas nagaa isaaniif in kenne*.[41]

16Ergasii Aasaan mootichi akkoo isaa Ma'akaa ishee haadha mootii turte sana sababii isheen fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu dhaabbatteef iddoo ulfinaa ishee irraa ishee in buuse, waaqayyolii tolfamoo ishees murmuree, caccabsees dachaa Qedroonitti in gube.

17Israa'el keessaa iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadan hundinuu diigamanii hin dhumne yoo ta'e iyyuu, Aasaan bara jireenya isaa hundumaa garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kennee ture.

18Mi'a garaa garaa, meetii fi warqee isa abbaan isaatii fi inni ofii isaatii Waaqayyoof addaan baasanii turan hundumaa fidee mana qulqullummaa keessa in kaa'e.

19Aasaan mo'ee hamma waggaa soddomii shanaffaa isaatti lolli hin turre.

ll>